Gaanaan biyyoonni Afrikaa hundi viizaa malee akka seenan eeyyamte

Paaspoortii

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen biyyoota Afrikaa hundi viizaa malee Gaanaa daawwachuu akka danda'an pirezidantiin biyyattii yeroon aangoosaanii xumuramaa jiru Nana Akufo-Addo ibsan.

Dureen Gaanaa kun karoora kana ji'a darbe keessa labsan.

Jimaata kaleessaa ergaa biyyattiif dabarsan keessatti ammoo karoorri kun jalqaba bara haaraa irraa akka hojiirra oolu ibsan.

Biyyoonni Afrikaa viizaa malee wal keessa deemuu akka danda'an gochuun waggootaaf fedhii gameeyyii duudhaa Afrikaa beeksisuuf qabsaa'aa turanii ture.

Hariiroo diinagdee fi hawaasummaa cimsa jedhamee amanama.

Afrikaa keessaa Gaanaan wayita tarkaanfii kana labsitu biyya shanaffaadha.

Kanaan dura imala viizaa malee biyyoota Afrikaa kaaniif kan eeyyaman Ruwaandaa, Siisheelsi, Gaambiyaa fi Beenin turan.

''Biyyoonni Afrikaa viizaa malee Gaanaa daawwachuu akka danda'an wayitan mirkaneessu ittiinan boona. Jalqaba bara kanaarraa kaasee hojiirra oola,'' jedhan Akulo-Addo.

Turtii waggaa saddeetii booda aangootti nagaa dhaamuusaanii dura haasawa paarlaamaa biyyattiif taasisan keessatti karoorasaanii kanaan boonuu seera baastotatti himan qondaalli Gaanaa kun.

''Kun karoora daldala Afrikaa- African Continental Free Trade Area jedhamuuf dhimma barbaachisaadha. Daldalli addunyaa akka guddatuufis ga'ee gumaacha,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoota Afrikaa biyyoota biraaf viizaa bilisa godhan keessaa bara darbe Gaanaan shanaffaarra jirti.

Duraanuu viizaa malee akka seenaniif biyyoota 26'f eeyyamtee jirti.

Dhihoo kana Gaanaan biyyoonni Afrikaa akkasumas dayaasporaan Afrikaa daawwannaaf akka ishee filatan gochuuf guddoo hojjetaa jirti.

Bara 2019 Akufo-Addo Year of Return jechuun sagantaa tokko labsanii turan.

Sagantaan kun namoonni hundeensaanii Afrikaa ta'e deebi'anii biyyasaanii keessatti hojii investimentii akka hojjetan jajjabeessa.

Pirezidantichi haasawa biyyattiif taasisaniin yeroo turtii aangoo isaanii marsaa lamman darban irratti xiyyeefataniiru.

Bara bulchiinsa isaanii rakkoo diinagdee lammiilee nagaa hiraarsaa tureef xiyyeeffannaan akka hin kennamne komiin ka'aa ture.

Pirezidantichi garuu ''guddinni diinagdee sababa Covid gadi bu'ee ture iddoosaa duriitti deebi'eera,'' jedhan.

Kanaafuu biyya toora guddinaa irra jirtu dhaloota itti aanu dhaalchisuu himan.

Akufo-Addo marsaa lama waan bulchaniif filannoo ji'a darbe gaggeeffamerratti hirmaachuu hin dandeenye.

Nmani siyaasaa paartiinsaanii kaadhimate, Pirezidantii Itti Aanaan Mahammadu Bawumiyaa morkataasaanii Joon Mahaamaadhaan fagootti mo'aman.

Joon Mahaamaa Kibxata dhufu kakuu seenuun hojii eegalu.