Dubartiin Gaanaa guyyaa shan guutuu walitti aansuun sirbuun rikardii qabatte

Asantewaan guyyaa shan sirbuun rikardii haaraa qabatte

Dubartii Gaanaa miidiyaa irratti beekamtu Afu'aa Asaantewaa guyyoota shan osoo adda hin kutiin sirbuun rikardii haaraa qabatte.

Rikardiin ishee kun galmee Giinas Buuk Adunyaa irratti akka galmaa'uuf abdiin eegaa jirti.

Sagalee cufamee korrisuun, alaabaa biyya ishee Gaanaa qabattee sagantaa sirba ishee kan goolabde artistiin kun deeggartoota magaalaa Akiraatti ishee waliin turan galateeffatteetti.

Hedduu dadhabbin kan irraa mul'atu artistii ganna 33 kana guyyaan maal akka tahellee adda baasuu hin dandeenye.

Jala bultii ayyaana Qillee irratti kan jalqabde sagantaa sirbashee rikardii sirbaa dheeraa kana dura ture sa'aatii 24'n fooyyessuun cabsiteetti.

Garuu dadhabbiin ishee kun galmee dinqisiisoo adunyaa Giinas Buuk irratti beekamtii argatee akka galmaa'uuf abdiin eegaa jirti.

Qindeessittootni sagantichaa Asantewaan sa'aatii 126 fi daqiiqaa 52f sirbite jedhan.

Akka seera Ginas Buuk Rikardis kaa'etti sa'aatii tokko sirbitee daqiiqaa shan boqonnaa fudhachuun ni eeyyamamaaf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sa'a afur erga sirbitee ammoo gidduutti daqiiqaa 20 boqoachuu dandeessi.

Asantewaan maraatooniin sirbaa kun ''dubartoota hundatti kaka'umsa guddaa uuma'' jedheen abdadha jette.

Haadha qabeenyaa fi giiftii miidhaginaa jedhamuun kan beekamtu Asantewaan dubartootni haala mijataa isaan liqimse keessaa bahanii waan haaraa tokko hojjechuu akka yaalaniif kan isaan kakaasu taha jette.

Yoo xiyyeeffannoo qalbiikee waan tokko irra godhatte ni argatta, ni milkoofta'' jette.

Sirbi ishee adda hin citiin ture kun gaafa ayaana Qillee deeggartoota hedduu waan gaarii isheef hawwaniifi jajjabeessan hawwateera.

Namoota achitti argaman keessaa namootni muuziqaa biyyichaa beekamoon kan akka Istoonbwoy, Shaataa Waalee, Sarkoodii ni eeramu.

Itti aanaa pirezidaantii biyyattii Mahaammaduu Bawuumiyaa taatota bebbeekamoo fi namoota dhiibbaa uumuun beekaman hedduu waliin saganticha irratti argamaniiru.

Sirboota Asentawaa 125 seenaa muuziqaa Gaanaa keessaa filaman, faarfannaa wangeelaa, fi kaan qabatan dhaggeeffataniiru.

Kun hundi aadaa biyyashee adunyaatti beeksisuuf kan karoorfatte ture.

Sirba tokko xumurtee kan biraatti darbuuf kan isheen dhaabdu ykn adda kuttu sekondii 30 qofaafi.

Waca achi jiruun akka hin jeeqamneef fuullee qophaa'eef duuba dhaabbachuun sirbaa kan turte yoo tahu, namotni hedduun waliin shuubbisaa turan.

Sirbi ishee kun hundi waraabameera. Namoota ijaan arganii fi waliin turaniin akka galmaa'uuf ergameera.

Biyyi ollaa jirtu Naayijeeriyaan ammoo bara kana sa'a dheeraa gara sa'a 90 tahuuf nyaata bilcheessuun karaa sheef Hiildaa Baakii rikardii qabatteetti.