Paarlaamaan Gaanaa adabbiin du'aa akka hafu murteesse

Mana hidhaa keessaa foddaa bicuu ifa galchu

Madda suuraa, Getty Images

Manni maree bakka bu'oota ummataa Gaanaa du'aan nama adabuu hambise.

Kanaanis biyyattiin tarree biyyoota Afrikaa hedduu adabbii du'aa dhabamsiisan keessatti makamteetti.

Gaanaa keessa yeroo ammaa dhiironni 170 fi dubartoonni jaha murteen du'aa itti murtaa'ee, adabbii eeggachaa jiru.

Haatahu malee, murtee haaraa kana hordofee adabbiin isaanii hidhaa umurii guutuun geeddaramaaf.

Biyyattiitti yakkamaan du'aan yeroo dhumaaf kan adabame bara 1993 keessa ogguu tahu, yakka ajjeechaafi biyya ganuuf adabbiin du'aa kennamuun baramaa ture.

Qorannoon yaada lammiilee biyyattiirratti gaggeeffame waan mul'isu, murteen du'aa akka hafu fedhuu isaaniiti.

Bara dabre keessa namoonni torba adabbiin du'aa irratti murtaa'us, nami tokkollee hin ajjeefamne.

Dhimmi seeraa kun miseensa paarlaamaa biyyattii Firaansis-Zaaviyer Soosuu jedhamaniin mana mareetti kan dhiyaate.

Dhaabbanni teessoosaa Landan godhatee fi adabbii du'aa mormu Death Penalty Project (DPP) ammoo qondaala kana qarqaareera.

DPP'n akka jedhutti, Gaanaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya 29ffaa adabbii du'aa hambiste ennaa taatu, addunyaarraa ammoo 124ffaa taatee jirti.

Waggoota dhiyoon asitti biyyoonni Afrikaa hedduun namoota du'aan adabuu kan hambisaniiru.

Beniin, Rippabliika Giddugala Afrikaa, Chaad, Ekuwaatoriyaal Giinii, Seeraa Liyoon fi Zaambiyaan isaan dhiyooti.

Obboo Soosuu akka jedhanitti: "namoonni adabbii du'aa eeggatan, ennaa hirriibaa kahan guyyaan kun addunyaarra isa dhumaati jechuun yaadu.

''Du'aa dhaabbiin deemanidha: xiinsammuun nama tahuun isaanii raawwateera.

"Adabbii du'aa haquun keenya, akka hawaasaatti gara jabina... fi dukkana diduu keenya mul'sa."

Dabaluunis, tarkaanfiin kun hawaasa bilisaafi gara fuuladuraa mil'atu tahuuf karaa saaqa jedhan.