Himannaan Maan Siitiirratti dhiyaate har'a dhaga'amuu jalqabu maali?

Waancaa Piriimiyerliigii Ingiliiz waggoota 4f walitti aansuun Siitiin injifate

Madda suuraa, Getty Images

Dhimmi kun waggootaaf falmisiisaa turee fi seenaa kilaboota Ingiliiz keessatti isa guddaa ta'a jedhamee himamu amma guyyaan murtaa'eera.

Haala kanaan shaampiyoonaan Piriimiyerliigii Ingiliiz waggoota afur walitti aansuun waancaa injifate Maanchistar Siitiin gama biraan murtii Komishinii Naamusaa dura dhaabbachuuf dirqameera.

Dhimmoonni kunneen Wixarta, Filbaana 16, 2024 irraa eegalee bakka hin ibsamnetti dhaddacha walaba ta’een akka ilaalaman ibasameera. Haa ta’u malee dhimmi seeraa yoo kan ka’u ta’e dheerachuu ni danda’a.

Himanna ispoortii guddaa jaarraa kanaa kanaati kan jedhamee dhimmi mana murtii kun torban 10 kan turu yoo ta'u, bara 2025tti mirtiirra ni ga’ama jedhamee eegama.

Piriimiyerliigii Ingiliiz fi Awurooppaa keessatti maqaa guddaa kan qabu Siitiin waggoota hedduudhaaf seera faayinaansii cabsuu fi 'waliin dhahuu' kan jedhuun himatamaa ture.

Siitiin Kilaba Maatii biliyeenara Abu Daabii kilaboota 13 biyyoota 5 keessa jiran keessaa tokko yoo ta'u maallaqni invastaroota kun haala kilabichaa jijjiireera.

Maanchistar Siitiin bara dorgommii 14 keessattii himata115 irratti dhiyaate keessaa ragaa maallaqaa sirrii ta'e dhiyeessu dhabuun isaa himaticha keessatti hammatameera.

Kilabichi yeroo hunda himannaan isa irratti banamu soba ta'uu isaa ibsa

Maanchistar Siitiin himannaa kanaan yakkamaa ta'uun yoo mirkanaa'e maqaan isaa hanna ispoortii addunyaa irratti isa guddaa ta'e keessatti hirmaata.

Maanchistar Siitiin himannaa kanaan yakkamaa ta'uun yoo mirkanaa'e maqaan isaa waliin dhahiinsa ispoortii addunyaa isa guddaa ta'een maqaan isaa ka’a. Murtee kanaanis qabxiin sadarkaa gara liigii gadiitti gadi bu'uu ykn Piriimiyerliigii irraa ari'amuu ga’uu danda’a.

Murteen akkanaa kun injifannoo Maanchistar Siitii cilee dibuun isaa waan hin oolledha, darbee waa'ee egeree leenjisaa fi taphattootaa gaaffii keessa kan galchuudha.

Gama biraatiin yoo Siitiin injifatee himannaa irraa bilisa ta'e , gama dorgomsiisaa Piriimiyerliigii Ingiliiz irratti gaaffii guddaa kaasu mala. Kanas ta’ee sana murtoon kun maal iyyuu yoo ta'e bu'aan kun bara dorgommii bara kanaa irratti dhiibbaa uumuun isaa hin oolu.

Himannaan Maanchistar Siitii 115 maal fa'a?

  • Bara dorgommii 2009-10 hanga 2017-18 odeeffannoo faayinaansii sirrii ta’e kennuu dhabuu kan jedhuun himata 54.
  • Bara dorgommii 2009-10 hanga 2017-18tti kanfaltii taphattootaa fi leenjistootaaf kanfalamu ragaa sirri dhiyeessu dhabuu kan jedhuun himata14
  • Bara dorgommii 2013-14 hanga 2017-18tti tapha Haqaa Faayinaansii Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa (Financial Fair Play)cabsuun himata 5
  • Bara dorgommii 2015-16 hanga 2017-18tti seera piroofeeshinummaa Piriimiyerliigii Ingiliiz cabsuun himata 7
  • Bara 2018 hanga 2023tti AwurooppaaNONNI Piriimiyerliigii waliin tumsa dhabuun himannaan 35 irratti dhiyaateera.

Kilabichi himannaa kanaan yakkamaa ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, seera cabsuu fi haala dorgommii haqa qabeessa hin taane uumuun waggoota darban keessatti waancaa hedduu injifate irratti shakkii kaasuu mala. Milkaa'ina Leenjisaa kilabichaa Peep Gaardiyoolaa irrattis yaaddoo fi sodaa uumera