Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaalalleewwan uffata ispoortii Arjentiinaa fi Faransaayiin gaa'ila raawwatan
Deeggartoonni kubbaa miilaa Kibba Indiyaa bulchiinsa Keralaatti argaman jaalala kubbaa miilaaf qabaniin addatti beekamu.
Biyya isaaniitti garuu kubbaa miilaa osoo hin taane gosa ispoortii kirikeetiitu baay'inaan jaalatama.
Dilbata darbe addunyaan tapha Arjentiinaa fi Faransaay daawwachaa ture. Bulchiinsa kanattis namuu taphuma kana daawwataa ture.
Garuu sagantaan biraa tokkoos ture. Guyyaan kuni guyyaa cidha jaalalleewwan Sachii R’ fi R Atira jedhamani ture.
Daawwattoota kumaatamaan lakkaa’aman tapha Arjeentinaafi Faransaay hordofuuf karaarratti walitti qabamaniif iskiriniiwwan dhaabamee ture.
Jaalalleewwan gaa'ela raawwatan kun tapha miidhagaa kanarratti garee fedhan deeggaruu itti fufan.
Dilbata yeroo taphni Waancaan Addunyaa inni xumuraa taphatamurra jalaa bu’e kanatti jarrii lamaan waa’ee cidhasaaniirratti harka caalu waliigalaniiru.
Haata’u malee, tapha xumuraa kanarratti garee kubbaa miilaa deeggaranirratti walii galuu dadhaban.
Sachin taphataa collee Arjentinaa Li’oneel Meesii baayyee dinqisiifata.
Atiraan ammoo garee kubbaa Faransaay deeggarti.
Jaalalleewwan lamaan Faransaay fi Arjentinaan istaadiyeemii Luseyil jedhamutti otoo tapha hin eegaliin sa’aatiiwwan muraasa sagantaa magaalaa Kochi jedhamutti qopheeffatani gaa'ila raawwatan.
Jaalalleewwan lamaan faaya miidhaginaa fi uffata aadaa uffataniiru.
Garuu garee deeggaraniis irratti uffatan.
Sachin uffata ispoortii taphataa Arjentiinaa Mesii lakkoofsa 10 qabu yoo uffatu, Atiraan [haati warraa] ammoo uffata taphataa sarara fuulduraa Faransaay Kiliyaan Mibappee uffatte.
Gaazexaan biyyattii Malayalaa Manorama jedhamu akka gabaasetti, sirna cidhasaanii booda jaalalleewwan gaa'ela raawwatan kunneen yeroo simatamanii fi laaqana nyaatan gara mana Sachiinitti deebi’anii taphicha ilaaluuf muddamaa turan.
Arjentinaa rukuttaa penaaliitiin 4-2’n Faransaay injifachuun Liyooneel Mesiin waancaa fudhate.
Keralaatti deeggartoonni Mesii hedduun injifannoo Arjentinaa alaabaa mirmisaa fi richitii kutaalee biyyattii keessatti dhukaasuun ayyaaneffataa turan.