Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hariiroo Itoophiyaa, Ertiraafi Raashiyaa waraanni, qamadiifi niikuleerri jabeesse
Waraanni Yukireeniifi Raashiyaa barbaadamummaa Afrikaa akkaan dabaleera.
Amajjii darbe qofa Ameerikaa, Raashiyaa, Chaayinaa fi Tarkiin dippiloomatota isaanii olaanoo gara biyyoota Afrikaa 14'tti erguun isaanii agarsiistuu tokko ta'uu danda'a.
Kaayyoowwan daawwannaawwan kanaa keessaa dhimma waraanaa irratti deeggarsa agachuun isa tokko yeroo ta'u, daldalaafi inveestimeentii guddisuun ammoo isa kan biraati.
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Raashiyaarra qoqqobbii kaahuuf wixineen qopheessee ture biyyoota 17 irraa sagalee callisaa argateera.
Ertiraan wixinee kana kan mormite yeroo ta'u, Itoophiyaan ammoo sagalee callisaan bira dabarte.
Tibba kana ammoo dubbiin ijoon Seent Piiterisbeerg ture. Biyyoonni Afrikaa achittis keessummoota turan.
Biyyootni Lixaa yaa'ii Raashiyaa-Afrikaa isa lammataa kana si'oominaan hordofaa turan.
Yaa'iin guyyoota lamaa kun isa bara darbee waliin walbira yeroo qabamu biyyoota irratti hirmaataniin hir'ina agarsiiseera.
Mooskoon biyyootni Afrikaa akka yeroo kaanii yaa'ii kanarra akka hin hirmaanne dhiibbaan irra godhameeraa jechuun himannaa dhageessifteetti.
Ta'uus Ministira Muummee Abiy Ahimadiifi pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii dabalatee hooggantootni biyyoota 17 qooda fudhataniiru.
Yaalii Raashiyaa adda baasuu isa hin milkoofne
Hariiroon jiru gama lachuu fayyaduurratti kan hundaa'edha kan jedhan Landan kan jiraataniifi dhimma siyaasaa Gaafa Afrikaa kan xiinxalan Abdurahimaan Sa'iid(Abbo Hashiim).
Raashiyaan galtee omishaalee adda addaa Afrikaarraa argatti. Jalqaba irratti kan kaasan ammoo albuudotadha.
Biyya Jarmanitti barnoota digirii sadaffaa hordofaa kan jiran, obbo Nagarii Guddataa ammoo hariiroon Afrikaa fi Raashiyaa waggaa 100 gara boodaatti deebi'aa jedhu.
Biyyootni Afrikaa 50 ol miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti sagaleen qaban guddaa waan ta'eef Raashiyaan sadarkaa idila addunyaatti qoqqobbiin irra kaahamee dhiibbaa jala akka hin galle sagalee kana barbaaddii jedhu.
Abboo Hashiim Raashiyaadhaaf yaa'ichi ''waltajjii hariiroo uummataa gaariidha'' jedhu.
Omishtoota qamadii adda duree kan ta'an Raashiyaafi Yukireen waranatti galuun biyyoota Afrikaa qamadii biyyoota kanaarratti hirkatan miidheera.
Raashiyaan biyyoota Afrikaa murtaahaniif qamadii tola kennuuf murteessuun ishees kanummarraa kan ka'edha jedhaniis amanu. Biyyoota kaaniifis gatii cabsuu malti jedhu.
Hariiroon biyyoota Afrikaa fi Raashiyaa haaluma idila addunyaa jiru irratti hundaa'ee jijjiirama kan jedhan obbo Nagariin, Raashiyaan meeshaa waraanaafi deeggarsa yoo laattu biyyoota Lixaa wajjin bira qabaan haaldureen gaafattu xiqqaa ta'uun filatamtuu ishee godha jedhu.
Yaa'ii dhiibbaa keessatti godhame kun warri Lixaa Raashiyaa, addatti ammoo Putiiniin adda baasuuf yaaliin godhame kan hinmilkoofne ta'uu agarsiisa jedhu Abboo Hashiim.
''Kuni warra Lixaaf kufaatii xiqqaa yoo ta'u, Raashiyaaf ammoo injifannoo dippiloomasiif hariiroo hawaasaa guddaa ta'uu danda'a.''
Hariiroofi yaa'ichi kanaan ala dhiibbaa hedduu adeemu qabaachuu hin danda'uu kan jedhan ogeessi kun akka sababaatti biyyootni Afrikaa dinagdeedhaan dhaabbilee warra Lixaatti maxxanuu kaasu.
Diinagdeen biyyoota Afrikaa baankii addunyaafi IMF'tti kan maxxanedha kan jedhanii, addatti Faransaay ammoo biyyoota kolonii ishee duraanii turan irra ''hordoffii cimaa qabdii'' jedhan.
Hirmaannaan hooggantoota Afrikaa 17 qofa ta'uu kaasuudhaan ammoo yaa'ichi ''akka eegame hin turre'' jedhu obbo Nagariin. Sababa kanaattis dhiibbaan isaa kan hammas gaha jedhamu mitii jedhu.
Fayyadamummaan Afrikaa aanga'ootaafi uummata isheerratti hundaa'a
Abboo Hashiim Afrikaan aardii warri jajjaboon kan ishee qoodan , fayidaa isaaniif jecha kan itti fayyadamaniidha'' jedhanii, Raashiyaa, Chaayinaa fi Ameerikaan fa'aa fayidaa isaaniif jecha Afrikaa irratti wal jijjiiruu jedhu.
''Waan irraa barbaadan argachuuf dhagaa hin garagalchine hin qaban, yaa'ii waamu, deeggarsa kennuu, liqii laatuuf waan biraa biraas.''
Afrikaa oliif gadi harkisuun kun ittuma fufas jedhu.
Raashiyaan addatti karaa al-idileen Afriikaa keessatti dhiiibbaa addaa uumuuf yaalaa jiraachuu isheef ammoo sochiin hidhattoota miti mootummaa Raashiyaa, Waagneer, jedhamuu agarsiistuu ta'uu akka danda'u dubbatu.
''Gareen kun Afrikaa keessatti sochii waraanaa ni godha, albuuda baasuu irrattis ni hirmaata'' jedhu.
Yeroo dheeraaf Ameerikaan biyyoota Afrikaarratti dhiibbaa olaanaa gochaa turuun ishee amma humnoota morkatan biraa argachuun isaa garuuf Afrikaan filannoo akka qabaattu xiqqoos ta'u akka gargaarus ni kaasu.
Garuu ammoo Afrikaan hangam takka fayyadamti kan jedhu hooggantoota Afrikaa fi uummata isheerratti hundaa'a'' jedhu Abboo Hashiim.
Ameerikaan qofaa ishee biyya guddoo taatee biyyoota Afrikaatti yeroo fayyadamaa turte caalaa amma carraan biraa uumamuun ''karaa tokko carraa mijataan uumameera'' jechuun ni danda'ama.
''Biyyootni kunneen carraa kana hammam itti fayyadamu'' kan jedhu garuu irra dedeebiin kaasu.
Yuukireen ''aarsaaf dhiyaatte''
Pirezidaantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqii sarbama mirga namoomaan himatamuun irra deddeebiin qoqobbiin irratti gatamuu isaa irraa kan ka'e wal tajjii adunyaa irraa erga adda bahanii waggoota dheeraa lakkoofsisaniiru.
Erga yeroo dhiyootii garuu pirezidaantichi gara biyyoota ollaa, Raashiyaa fi Chaayinaatti dedeebi'aa turan.
Pirezidaantichi Chaayinaa fi Raashiyaa waliin hariiroo gaarii akka qabaachaa jiran agarsiisaa jiru jedhan Abuu Haashim.
Haalli adunyaa jijjiiramaa jiraachuu isaa hubachuun biyyoota lameen waliin hariiro cimsachaa jiru jedhan.
Kora Afrikaa- Raashiyaa irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaatan pirezidaantichi Moskoodhaan yoo jajan biyyoota lixaa ammoo jabeessanii hadheeffataniiru.
Pirezidaanti Isaayaas Pirezidaantii Raashiyaa Putin waliin marii taasisan irratti ''anaaf waraana Raashiyaa fi Yuukireen waanti jedhamu hin jiru. NATO'n adunyaa kana ol aantummaan to'achuuf waraana Raashiyaa irratti labsedhan jedha,'' jedhan.
Biyyootni Lixaa waggoota dheeraaf Raashiyaa to'achuuf yaalanii ''akka hin danda'mne hubatanii, Yuukireen aarsaa gochuun dhiyeessan'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''...Raashiyaan irra dedeebiin qiyyeeffannaa isaanii waan taateef walitti hidhaminsa adunyaa guddaa kana fakkaatu gaggeessuuf itti gaafatmummaa ishee bahachuu qabdi,'' jedhan.
''Raashiyaan hundumaayyuu bakka bu'uun gahee ishee bahachuuf itti gaafatamummaa seena qabeessa qabdi. Kanas kan dursuu danda'u Putinidha,'' jedhan.
Eertiraan ji'oota sadan dhufan keessatti biyyoota Raashiyaa irraa qamadii tola ergamuuf jaha keessaa tokkodha.
Hariiro biyyattiin warra Lixaa waliin qabdu golgolaa'aa waan deemeef Asmaaraan warra faalaa biyyoota Lixaa dhaabbatan waliin michummaa akka jabeesitu taasiseera jedhan Obbo Nagaraan.
Biyyootni lameen bal'ina lafaa, baay'ina uummataa fi dinagdeen kan wal hin gitne tahanis, diina waloo waan qabaniif hariiroon isaanii istiraateejii osoo hin taane taaktikii irratti kan hundaa'e jedhan.
Buufata waraanaa Raashiyaan galaana Diimaa irratti hundeessuu barbaadduuf Eertiraan filatamtuu akka taate itti dabaluun dubbatu.
Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii keessatti aangoo sagalee sagaleen kuffisuu [Veto power] waan qabduuf Raashiyaan tarkaanfiiwwan Eertiraa irratti fudhataman dura dhaabbatti.
''Akkasis tahee garuu hariiroo wal gitu hin qaban,'' jedhu.
Eenyu akka mo'atu hin beekamu
Raashiyaan biyyoota Afrikaa keessaa hariiroo uumuu kan jalqabde Itoophiyaa waliin yoo tahu waggoota 125 lakkofsiseera.
Daldala biyyoota lameen gidduu guddisuufis dhiyeenya magaalaa Finfinneetti waajjira banateetti.
Nageenya odeeffannoo, odeeffannoo fi teeknoloojii, humna niwukileeraa fi geejiba qilleensarraa irratti waliin hojjechuuf Itoophiyaa waliin walii galaniiru.
Waggoota darban keessa barattootni kuma 20 tahan carraa barnootaa Raashiyaatti akka argatan kan himan pirezidaantichi Mooskoon carraa kana dachaa sadiin akka guddistus himaniiru.
Biyyootni lameen gama dippilomaasii fi aadaan walitti dhufeenya qaban akka cimsan kan kaasan MM Abiy Ahimed, koricha irratti argamuun isaanii hariiroo biyyoota lameenii jabeessuuf akka tahe himaniiru.
Teeknoloojii, nageenya saayiberii, daldalaa fi dinagdeen Raashiyaa wlaiin hojjechuu akka barbaadanis himaniiru.
Ertiraa caalaayyuu hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa guddaa tahuu kaasu Obbo Nagaraan.
Teessoo Gamtaa Afrikaa tahuun ishee biyyoota kaan caalaa deeggarsi Raashiyaaf kennitu guddaa tahuu himan.
Irra caalaan meeshaa waraanaa kan Raashiyaa tahuu himuun, humna waraanaa Itopphiyaan hundeessaa jirtuufis deeggarsa akka kennitu himan.
Irra dedeebiin Raashiyaan aangoo sagalee sagaleen kuffisuu [Veto Power[ fayyadamuun mootummaa Itoophiyaa deeggaraa turteetti.
Yaaddoon isaanii garuu biyyootni Lixaa fi Raashiyaan Itoophiyaa barbaaduu isaanii kaasuun, ''lameen isaanii galuun haala ulfaataa keessa ishee galchuu danda'a,'' jedhan.
''Dhiibbaan Ameerikaa hir'ataa dhufeera yoo jedhameyyuu, dhaabbileen akka Baankii Adunyaa Waashingitan waan tahaniif '' gidduu gidduu tahuun barbaachisaadha'' jedhan.
Mootummaan Dargii Sooviyeet Raashiyaa yeroo sanaa wlaiin dhaabbachuun yeroo isheen diigamtu walumaan kufuu kaasanii, ammas ''eenyu akka mo'atu waan hin beekamneef, Itoophiyaan gar tokkotti yoo luuccofte seenaan Dargii sun irra deebuu danda'a'' jedhan.
Waraanni Raashiyaa-Yuukireen akka dhaabbatu gargaaruu?
Biyyotni Afrikaa waraana Raashiyaa-Yuukireenitti xumura gochuuf irra dedeebiin yaalii godhaniiru. Hanga ammaatti garuu isaaniif hin milkoofne.
Akka Abuu Haashimitti kun fuuldurattis waan isaaniif milkaa'u miti.
Biyyoota lameen mariitti fiduuf biyyootni lameen fudhachuu akka qaban himanii ''kan biyyoota Afrikaa garuu akkas miti'' jedhan.
Maqumaaf waraana Raashiyaa fi Yuukireen haa jedhamu malee waraana biyyootni lixaa fi Raashiyaan gaggeessaa jiranidha jedhan.
Biyyootni Afrikaa rakkinicha furuu yoo barbaadan marii Mooskoo fi Waashingitan [deggartoota biyyoota Lixaa] hammate gaggeessuun barbaachisaadha jedhan.
Biyyoota Afrikaa caalaa carraa kan qabdu Tarkii tahuu kaasuun, Istaanbulis ''waraana dhaabsisuun osoo hin taane daldala qamadii ilaalchiseeti,'' jedhan.