Tiraamp ammas lammileen biyyoota shan dabalataan US akka hin seenne dhorke

Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Bulchiinsi Perizidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp ammallee biyyoota lammileen isaanii gara Ameerikatti imaluu akka hin dandeenye dhorku haaraa kaa'era.

Uggura imala haaraan kun biyyoota kana dura tarreeffaman dabalataa biyyoota haaraa shani fi kanneen biroo irrattis gariin uggura kan kaa'udha.

Baatii Waxabajjii darbe keessa prezidaant Doonaald Tiraamp biyoota ollaa Itoophiyaa akka Ertiraa fi Somaaliyaa dabalatee lammiileen biyyoota 12 Ameerikaa akka hin dhaqne dhorkamuu fi kanneen biroo 7 irraa dhufan ammoo gariin dhorkamuu beeksisuun ni yaadatama.

Kibxata kaleessaa ammoo lammileen biyyoota akka Burkina Faasoo, Maalii, Niijar, Sudaan Kibbaa fi Siiriyaa akkasumas namoota paaspoortii Abbaa Taayitaa Filisxeem qaban irratti dhorki haaraan kaa'ameera.

Waayit Haawus uggurri kun ''nageenya Ameerikaa eeguuf'' kan yaadame ta'uu fi Amajjii 1 irraa eegalee hojiirra oola jedheera.

Bulchiinsi Tiraamp kun kana malees biyyoota Laa'os fi Seeraaliyoon kanneen kanaan dura gartokkoon daangeffamanii turan tarree uggura guutuu keessa galchuun Naayijeeriyaa, Taanzaaniyaa fi Zimbaabuwee dabalatee ammoo biyyoota biroo 15 irrattis dhorkaa gartokkee kaa'eera.

Tarkaanfichi qaama tattaaffii ulaagaa seensaa Ameerikaafi immigireeshinii cimsuuf taasifamaa jiruu kan itti fufsiisu akka ta'e eeramera. A

Tiraamp murtee kana fudhachuu kan eegalan erga shakkamaan lammii Afgaanistaan​ loltoota Eegdota Biyyaalessaa lama irratti dhukaasa banuun to'annoo jala ooleen boodadha. Taateen kunis Waayit Haawus yaaddoo nageenyaa Ameerikaa keessa jiraachuu akka akeekuu kan taasese ture.isaa ibsuu keessatti.

Yeroo sanatti uggurri lammileen biyyoota Afgaanistaan, Miyanmaar, Chaad, Rippabiliika Koongoo, Ikuwaatooriyaal Giinii, Eertiraa, Heeyitii, Iraan, Liibiyaa, Somaaliyaa, Sudaan fi Yaman guutumman Ameerikaa akka hin seenne dhorke.

Lammilee biyyoota akka Burundii, Kuubaa, Laa'os, Seeraaliyoon, Toogoo, Turkmeenistaan ​​fi Veenzuweelaa irraa dhufan irratti ammoo dhorkaa gariin kaa'e ture.

Amma biyyota shanan dabalataan biyyoonni 15 tarree biyyoota uggura gartokkeen irra kaa'ame kessatti dabalamaa jiru.

Isaanis Angoolaa, Antiguwaa fi Baarbuudaa, Beeniin, Kootdivuwaar, Doominikaa, Gaaboon, Gaambiyaa, Maalaawii, Mooriitaaniyaa, Naayijeeriyaa, Senegaal, Taanzaaniyaa, Toongaa, Zaambiyaa fi Zimbaabuwee fa'i.

Tiraamp uggura imala kaa'uun kun yeroo sadaffaati?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiramp bara bulchiinsa isaa marsaa jalqabaa bara 2017 keessa ajaja walfakkaata kan dabarse yoo ta'u, kunis mormii cimaa biyya keessaa fi biyya alaatii irratti keessaa ture. Imaammatichi boodarra Mana Murtii Olaanaa Ameerikaatiin raggaasifameera.

Waayit Haawus hanga biyyoonni rakkoo kanaan miidhaman bulchiinsa eenyummaa, odeeffannoo waliif qooduu fi aanga'oota immigireeshinii Ameerikaa waliin tumsa gochuu irratti ''foyya'iinsa gaarii'' agarsiisanitti akka turu ibseera.

Uggurri kun jiraattota dhaabbataan seera qabeessa ta'an, namoota viizaa qaban, dippilomaatota, ykn atileetota taateewwan ispoortii gurguddoof imalan hedduu hin ilaallatu.

Qondaaltonni akka jedhanitti, bakka imalli dantaa biyyaalessaa ta'ee itti mul'atuttis dhimma tokko tokkoon dhiifamni ni jiraata.

Bulchiinsi Traamp uggura imala haaraa kana kaa'uu isaaniin lakkoofsi biyyoota lammiileen isaanii gara Ameerikaa seenuu irratti dhorkaa guutuu ykn gartokkeen kaa'amee 19 irraa gara 39tti ol guddateera.

Akka Ameerikaan jettutti biyyoonni gara US akka hin seenne dhorkaman kunneen hedduun isaanii "malaammaltummaa bal'aa, sanadoota sobaa ykn amanamummaa hin qabnee fi galmee yakkaa" kan lammiilee isaanii gara Ameerikaatti imaluuf qorachuun rakkisaa ta'e qabu.

Akkasumas biyyoonni tokko tokko namoota hanaga viizaa isaanii ol turan,, lammiilee isaanii Ameerikaan biyyaa ari'uu barbaaddu ykn "hanqina waliigalaa" qaban heddu ta'uu fi qorannoo tasgabbii fi to'annoo mootummaaf rakkoo ta'an akka ta'e ibsan.

Waayit Haawus dhimma kana irratti "dhorkii fi daangeffamni kun lammiileen biyya alaa Ameerikaan waa'ee isaanii balaa isaan geessisan madaaluuf, kaayyoo imaammata alaa, nageenya biyyaa fi farra shororkeessummaa barbaachisoo biroo fudhachuuf barbaachisaa dha," jedhe.

Namichi Afgaanistaan ​​loltoota Eegdota Biyyaalessaa lamaan naannoo Waayit Haawusitti rasaasaan rukutee himatame himannaa ajjeechaa fi haleellaa raawwachuu isaa amanee jira.