Hireen lammiilee Itoophiyaa guyyaa 60tti Ameerikaa bahaa jedhamanii maal ta'a?

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Ameerikaa waggaa sadii dura seera lammiileen Itoophiyaa yeroof biyyattii keessa hojjataa akka jiraatan eeyyame akka dhaabbatu murteesseera.
Bulchiinsi Pirezidant Joo Baayiden sababa waraana Tigraayiin eegumsi seeraa yeroof koolu galtoota Itoophiyaaf kenne kaafamuu hordofuun lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa keessaa bahuuf guyyoota 60tu kennameef.
Ministeerri Dhimma Nageenya biyya keessaa Ameerikaa Kiriistii Noom, ''haala biyyattiin keessa jirtu gamaaggamuu fi qaama mootummaa Ameerikaa dhimmichi ilaallatu waliin mari'achuun murteen kun kenname,'' jedhan.
Itoophiyaan eegumsa seeraa yeroof ''ulaagaa hin guuttu'' jedhan.
Hireen lammiilee Itiyoophiyaa Ameerikaa gadhiisaa akka bahan itti himamee akkam ta'a ?
Ulaagaan egumsi seeraa kun itti kennamu maal akka ta'e ogeessa seeraa waggoota 10 oliif Ameerikaa hojjatan Mulaalam Geetachoo gaafanne.
Eegumsi seeraa yeroo maali? Akkamitti kennama?
Mootummaan U.S eegumsa yeroo kennuu kan jalqabe bara 1991 yoo ta'u, mirgi kun baqattoota waldhabdee, waraana, balaa uumamaa ykn sababa biroo nageenyasaanii balaarra buusu qabaniif kennama.
Biyyoonni Eegumsa Yeroo ykn TPS argatan Somaaliyaa fi Sooriyaa (sababii waraanaatiin) fi El-Salvaador (sababii kirikira lafaatiin ) walqabata.
Biyyoonni muraasaaf hanga waggaa 20tti eegumsi yeroof kennameefii jira. Fakkeenyaaf, eegumsi yeroof Somaaliyaa bara 1994 irraa eegalee hojiirra oolaa jira.
"Akkuma maqaasaa ibsutti yeroof kennama. Dhaabbataa akka ta'uuf kan qophaa'e miti," jedha ogeessi seeraa Muluhalam Geetachoo.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerri Nageenya keessoo U.S yeroo yeroon eeyyama godaantotaaf kenname haaromsa. Warri eegumsi kennameef Ameerikaa keessatti hojjechuuf mirga qabu.
Eegumsi yeroo akka eyyama biyyattii keessa jiraachuu ykn lammummaatti hin ilaalamu.
Namoonni eegumsa yeroo qaban erga yeroon eegumsa seeraasaanii xumuramee booda Ameerikaa ba'uu ykn /koolugaltummaa argachuuf iyyachuu qabu.
Mootummaan Ameerikaa eegumsa seeraa kana lammiilee Itoophiyaaf ALI Onkoloolessa 11, 2015, ji'oota 18f eeyyame.
Yeroo sanatti waraana Tigiraay dabalatee waldhabbii lola hidhannoo meeshaa waraanaan gaggeeffamu ilaalcha keessa galchuun, lammiileen Itoophiyaaf eegumsi seeraa yeroof kennameefii ture, kunis waggoota sadan darbaniif hojiirra oolaa ture.
Biyyoonni , akka Itoophiyaa eegumsa yeroo jalatti hammataman, Heeyitii, Veenzuweelaa, Afgaanistaan, Kaameeruun, Sudaan, Yukireen, El Salvaador, Honduraas, fi Nikaraaguwaa ni dabalata. Kanaan dura Laayibeeriyaa, Bosniyaa-Herzegovinaa fi Kuweet eegumsi yeroof kennameefii ture.
Hireen lammiilee Itoophiyaa maal ta'u danda'a?
Ogeessa seeraa kan ta'an Mulu'aalam akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa guyyoota 60 keessatti akkaa Ameerikaa akka gadhiisan itti himame adeemsa biraa eegumsa kennuufitti garagaluu danda'u.
''Guyyoota 60 keessatti koolu galtummaa yookiin gaaffii biraatti jijjiiramuu danda'a. Haa ta'u malee, eegumsi akka isaan barbaachisu agarsiisuuf ragaa dhiheessuun dirqama isaaniiti.''
Ragaan dhiheessan soba yoo ta'e mootummaa Ameerikaa gowwomsuun yakka ta'un isaa fuuladuratti baramuu waan danda'uuf eegumsa baqattootaaf taasifamu isaan dhabsiisuu akka danda'u dubbatu.
Namoonni koolugaltummaa hin barbaanne Bitootessa 12, 2026 dura Ameerikaa gadhiisuu qabu.
Namoota fedha isaaniin Ameerikaa gadhiisanii bahaniif dolaarri kuma tokko akka kennamuuf Waajjira Dhimma Biyya Keessaan ibsamuu ilaalchisee kan gaafanne ogeessi seeraa kuni, adeemsi kuni lammiilee Itoophiyaaf kan hin taane akka ta'e hubachiisan.
Lammiilee Itoophiyaa fedha isaaniin Ameerikaatii bahuu barbaadaan ilaalchisee mootummaa Ameerikaaf odeeffannoo kennaniis, ''mootummaa Itoophiyaa waliin fedhumaan bahuuf waliigalteen waan hin jirreef ofii isaanii tikkeeta kutanii deemuu qabu,'' deebii jedhu akka isaaniif kenname dubbataniiru.
Adeemsi dolaarri kuma tokko kennama jedhu ''lammiilee Itoophiyaaf waan dalagu natti hin fakkaatu'' jechuunis himaniiru.
''Osoo himatanii [Ameerikaatii bahuu] ji'oota muraasaaf dheeressuu danda'a,'' jedhu ogeessi seeraa kuni.
Filmaatni biraa mootummaan dolaara kuma tokko akka kennu beeksisuus naaf hin laatamne jedhanii himachuus danda'us jedhu.












