Baqattoonni Itoophiyaafi Ertiraa Awurooppaa galuuf maaliif Beelaaruus filatu?

Madda suuraa, Getty Images
Eegdoonni daangaa Beeraaluus lammiileen Ertiraa lama reefa baqataa isaan waliin imalaa ture qabatanii daangaa Laatiiviiyaa kan ta'e naannoo Biraatisilaav keessatti argamusaanii maddi oduu ECB gabaaseera.
Baqattoonni lammii Ertiraa ta'usaanii karaa turjumaanaatiin ibsan kunneenis Laatiiviiyaa seenuusaanii garuu namoota uffata loltuu uffataniin reebiichi akka irratti raawwatame ibsaniiru.
Dabalataanis bilbilli harkaasaanii irraa fudhatamuu fi shuguxiidhaan dorsifamuun daangaa Beeraaluus irratti darbatamu dubbatan.
Baqataan osoo imalarra jiruu reebicha irratti raawwatameen du'e kan umuriinsaa waggaa 29, du'aa ta'usaa poolisiin Beeraaluus mirkanneessuun qorannoon reeffaa taasifamaa jira jedheera.
Baqattoonni Ertiraa lamaan ammoo gara buufata fayyaatti geeffamuun deeggarsa fayyaa argataniiru.
Baqattoonni Beeraaluus maaliif akka karaa cee'umsaatti filatu?
Daangaawwan Beeraaluusii fi Poolaand daangaawwan balaafamaa baqattoonni kumaatamaan lakkaa'aman ittiin gara Awurooppaa seenan keessaa tokko.
Bara 2021 irraa kaasee karaa daangaa biyya tanaatiin qaxxaamuruun gara Awurooppaa akka seenan gabaasaaleen ni mul'isu.
Yoo daandiin baayyee rakkiisaa itti ta'utti ammoo baqattoonni gara Liitiweeniyaa kan kaaba lixa Beeraaluus, karaa Kibbaa Beeraaluusiin Laatiiviiyaa fi baha Beeraaluusiin ammoo gara Poolaandiitti ce'uuf filmaata qabu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsoota Sooviyeeti durii keessaa tokko kan taate Beeraaluus, kan baha Awurooppaatti argamtuu fi biyya ulaa galaanaa hin qabneefi kan biyyoota shaniin daangeeffamtuudha.
Beeraaluus bara 1990tti Gamtaa Sooviyeet irraa adda bahuudhaan biyya walabaa kan taatee yoo ta'u, bahaafi kaaba bahaatiin Raashiyaa waliin, Kibbaan Yukireeniin, gama lixaatiin Poolaandiin, kaaba lixaatiin ammoo Liitiweeniyaa fi Laatiiviiyaa waliin daangoofti.
Biyyii biyyoota Gamataa Awurooppaa sadiin wal daangeessituu Beeraaluus, miseensa gamtichaa ta'uf fedhii hin qabdu.
Biyyi ce'umsa baqattootaa ta'uudhaan qeeqamtu tunis baqattoota hedduu gara biyyaa irraa dhufaniitti deebiifteetti.
Baqattoonni hedduu karaa biyya tanaatiin gara Awurooppaatti qaxxaamuranis kanneen biyyoota akka Iraaq, Afgaanistaaniifi Sooriyaa irraa dhufan yoo ta'an, lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa dabalatee Afriikaanooti hedduunis sarara kana ni fayyadamu.
Balaliinsi kallattii magaaloota Tarkii Istaanbuulii fi Anaatooliyaa, Beeruut (liibaanoos), Iraaq Baagdaadii fi Dubaay UAI irraa gara magaalaa Beeraaluus Miniskiitti jira.
Beeraaluus baqattoota Tarkii, Roomaaniiyaa, Moldoovaa fi Yukireen irraa gara Siwiidiin, Noorweeyii fi Jarmaniitti qaxxaamuraniif karaa ce'umsaati.
Daandiin qilleensa Beeraaluus Istaanbuul fi Antaaliiyaa akkasumas Dubaay irraa balaliinsa qaba. Daandiiwwan qilleensaa Tarkii Istaanbuul irraa gara Miiniiskiitti ni balalii'u.
Dabalataanis karaa seeraatiin Raashiyaa seenuudhaan gara Beraaluus, gara Poolaandi, Jarmaniifi biyyoota biraatti ce'u.
Baqattoonni Itoophiyaa fi Ertiraaraa ta'an yeroo baayyeedhaaf karaa Liibiyaa fi galaana Meeditiraaniyaanii qaxxaamuuruudhaan imala balaafamaa gara Awurooppaatti kan taasisan yoo ta'u, fuulasaanii gara sarara biraatti jijjiratan.
Kana malees baqattoonni Awurooppaa seenuudhaaf karoorfatanii biyyasaanitii ka'an Liibiyaa biyya waraanaan miidhamte keessatti dararaaf saaxilamu.
Sababii kanaatiin baqattoonni Afriikaa hedduun karaa baha Awurooppaatiin gara jidduugala Awuuroppaa imaluu filatu.
Gamtaan Awuuroppaa Beeraaluus, lammiilee Aljeeriyaa, Masrii, Gaambiiyaa, Griiik, Heeryiitii, Iraaniifi Naamibiyaa dabalatee lammiileen biyyoota 76 viizaa malee akka biyyattii seenaniif hayyamunshee, baqattoonni akka baayyataniif sababa ta'eera jedhamuun himatamti.
Lammiileen biyyoota 76 kunneen viizaa malee yeroo jalqabaa Beeraaluus yoo seenan viizaan guyyaa 30 ni kennamaaf.
Haata'u malee viizaan yoo dhumutti gara biyya irraa dhufaniitti deebiifamurra mootummaa Beeraalusiin gara daangaa Poolaandiitti geeffamuun gatamu jedhamee komatama.
Itoophiyaanootiifi Ertiraanooti ammoo erga viizaadhaan Tarkii seenanii booda karaa Giriik, Bulgaariyaa, Roomaaniyaa fi Yukireeniin gara Beeraaluus seenuudhaan mootummaatti harka kennatu.
Achinis mootummaan biyyattii gara daangaa biyyoota Poolaandi, Liituuweeniyaa fi Laatiiviiyaatti akka geessuu lammiin Ertiraa tokko BBC Tigriffatti himeera.
Namni kun dabaluudhaanis, ''yeroosaa yoo eegde malee haalli cimaan si mudachu danda'a'' jechuun haalaa qilleensaa daandii irratti baqattoota rakkisuu malu kaasa.
Baqattoonnis tokkichi gara Poolaand, Laatiiviyaa ykn Liitiweeniyaa erga ce'anii booda baabuuraaan gara kutaa Awurooppaa kamuu galuu danda'u.
Haata'u malee yoo daangaa irratti qabaman garuma Beeraaluusiitti deebiifamu.
Bara 2024tti qofaa lammiileen Itoophiyaa, Ertiraa, Somaalii kuma 17 ol karaa Beeraalusiin gara biyyattii qaxaamuranii seenusaanii odeeffannoon ni agarsiisa.
Kunis kana bara 2023 ture waliin wal biratti yoo qabame dachaa sadiin caalaa. Baruma kana qofaatti baqattoonni Beeraaluus irra gara Awurooppaatti qaxaamuruuf yaalan kuma 8 eegdoota daangaatiin gara Miiniiskiitti deebiifamaniiru.
Haata'u malee, kanneen daangaa qaxxaamuranii gara biyyoota biraa seenan lakkoofsi isaanii hangam akka ta'e ifa miti jedha poolisiin Laatiiviiyaa.
Bara 2024 keessa qofaa baqatoonni kuma jaha ta'an eegdoota daangaa Laatiiviyaatiin qabamuun gara beelaaruusiitti deebiifamuti gabaafame.












