Muftii Olaanaan Sa'uudii tibbana muudaman eenyu? Aangoon kun hangam murteessaadha?

Sheek Saaliih Al-Fawuzaan

Madda suuraa, X

Ibsa waa'ee suuraa, Sheek Saaliih Al-Fawuzaan

Mootiin Sa'uudii Arabiyaa Salmaan bin Abdulaziz Roobii (Onkoloolessa 22, 2025) oduu akka biyyattiitti isa guddaa ta'ee fi akkaan eegamu dhageessisaniiru.

Sheek Saaliih Al-Fawuzaan Muftii olaanaa Sa'uudii ta'uun muudamuu labsan. Muftii olaanaan kun Dura taa'aa Mana Maree Hayyootaa fi Pirezidantii Mana maree Qorannoo Saayinsii fi Ifta ta'uun hojjetu.

Ifta jechuun adeemsa seeraa karaa duudhaa amantii Islaamaan gaggeeffamuu fi murtee kenamu of keessatti qabata.

Aangoon kun sadarkaa ministeeraan walqixa.

Muudamni haaraan kun wixinee ilmi mootii Mohammad bin Salmaan dhiheessanirratti hundaa'uun labsame.

Sheek Al-Fawuzaan muftii afraffaa Sa'uudii Arabiyaati. Muftiiwwan sadan kanaan dura turan- Sheek Mohammad bin Ibraahim Al-Sheek, Sheek Abdulaziiz bin Baz fi Fulbaana 23 kan boqotan fi aangoo kanarra waggoota 20f kan turan Sheek Abdul Aziiz Al-Sheek jedhamu.

Marsariitiin Sa'uudii Arabiyaa akka mul'isutti Sheek Al-Fawuzaan Fulbaana 28, 1935 magaalaa Al-Shamasiyaa Al-Qaasim keessatti maatii Al-Wadaa'iin jedhaman kan gosti isanii Al-Shamaas ta'anirraa dhalatan.

Abbaan Sheek Al-Fawuzaan yeroosaan daa'ima turan irraa du'an. Qur'aanaa fi barnoota amantiin walqabatan hunda imaama Masjiida magaala dhaloota isaanii turan, Sheek Hamuud bin Suleyimaan Al-Tilaal irraa dhalatan.

Imaamni barsiisaa Sheek Al-Fawuzaan turan kun boodarra magaalaa naannawa Qaasim keessatti argamtu Dhariya keessatti abbaa murtii ta'uun tajaajilaniiru.

Sheek Saaliih Al-Fawuzaan

Madda suuraa, Getty Images

Sheek Al-Fawuzaan hayyootaa fi filoosoofaroota seeraa bebbeekamoo kanneen akka Sheek Abdul Aziiz bin Abdullaah Baz, dhihoo Muftii Olaanaa Sa'uudii kan turan Abdul Rahman Al-Saadi fi Dura taa'aa Mana Maree waliigalaa Dhimmoota Seeraa Sheek Abdullaa bin Hamid irraa barataniiru.

Wayita manni barumsaa magaalaa dhaloota isaanii Al-Shamsiyaa jedhamtutti banamu bara 1369 (Akka Lakkoofsa Hijiraatti) barumsa eegalan.

Barnoota sadarkaa jalqabaa bara 1371 mana barumsaa Al- Fayisaliyah keessatti xumuran.

Itti fufuun Inistitiyuutii Saayinsii Buraydah jedhamu keessatti bara 1373 hanga 1377tti baratan.

Booda gara Riyaad deemuun Kolleejjii Shari'aatti barachuun digirii jalqabaan bara 1381 (Akka Lakkoofsa Awurooppaatti 1961) eebbifaman.

Seera dhaalaan ispeeshaalaayiz gochuun barnoota Fiqh jedhamuun digirii lammaffaa (Maastersii) argatan. Digirii sadaffaa (PhD) illee barnootuma kanaan argatan.

Muuxannoo hojii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sheek Al-Fawuzaan muummee barnootaa Shari'aan erga eebbifamanii booda Inistitiyuutii Saayinsii Riyaad keessatti barsiisummaan ramadaman.

Booda muummee barnootaa Shari'aa seenan. Muuxannoo erga argatanii booda muummee barnoota bu'aa amantii seenuun barsiisummaa itti fufan.

Achiin booda dhaabbata dhimma seeraa- Higher Institute of Jurisprudence jedhamu seenuun yeroo booda daarekatara ta'an.

Erga yeroon daarektarummaasaanii xumuramee booda achumatti barsiisummaatti deebi'an.

Sheek Al-Fawuzaan barnoota maastersii fi PhD hedduu barsiisuu, gorsuu, hordofuu fi maaluun waggaa hedduu hojjetaniiru.

Imaama, barsiisaa amantii fi gorsaa ta'uun Masjiida ilma mootii Abdulaziz Al Sa'uudii- Prince Miteb bin Abdulaziz Al Saud Mosque jedhamu kan Al-Malaz keessatti argamutti waggootaaf tajaajilaniiru.

Miseensa Koree Dhaabbii Dhimma Qorannoo fi Ifta ta'uunis tajaajilaniiru. Mana Maree Hayyoota Gameeyyii, Mana Maree Fiqh Makkaa Al-Mukarrama fi Koree To'attoota Sirna Hajjii keessattis miseensa dhaabbii turan.

Sheek Al-Fawuzaan kitaabotaa fi jornaalota beektonni hedduun barreessaniif baayyee gumaachan.

Qorannoo saayinsii fi barsiisummaan akkasumas barnoota mantiin barreeffamooota hedduu maxxansiisaniiru.

Sheek Al-Fawuzaan muftii olaanaa isaan dura turan Sheek Abdul Aziiz bin Baz irraa barnoota argataniin muuxannoo gabbifataniiru.

Kolleejjii Shari'aa Riyaad keessatti argamutti osoo barsiisanii seera dhaalaa barataniiru.

Sagantaa Raadiyoo beekumsaa fi barnoota amantii fi ammayyaa irratti dabarsanis qabu.