Koreen waloo Shireetti walgahuun akkaataa humnoonni Tigraay meeshaa hiikkatan irratti marii eegale

Akkaataa waliigaltee nagaa baatii tokko dura walgahameefi humnoonni Tigraay meeshaa hiikkatan irratti mari’atu magaalaa Shireetti eegale.

Koreen ogeeyyii kuni mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay keessaa kan bahe ta’uu mootummaan federaalaa ibsa har’a baaseen beeksiseera.

Akka ibsa kanaatti, koreen kuni karoora dabalataa baasuf kaleessa marii eegaleera.

Karoorri garagaraa koreen kuni baasu akkaataa meeshaa hiikkachiisuu, kaampii galchuufi dhimmoota kanaan walqabatan kan deebisu akka ta’e ibse.

Waliigalteen magaalaa Naayirobiitti waraana Itoophiyaafi ajajaa humnoota TPLF gidduu irra gahame humnoota Tigraay meeshaa hikkachiisuufi humnoota Raayyaa Itisa Biyyaa ala jiran erga tokko raawwata jedhe.

Mootummaan ibsa baase keessatti dhimma meeshaa hiikkachiisuu malee waa’ee humnoota alaa jedhame waan dubbate hin qabu.

Tibbana humnoonni Tigraay waraanni Ertiraa badii raawwataa jira jechuun irra deddeebbiin himataa turan.

Gama Ertiraan garuu wanti jedhame hin jiru.

Meeshaa hiikkachiisuu irratti karoora bal’aa baasuu duubatti kan harkifate sababa dhimmoota teknikaani jedheera mootummana Federaalaa.

Bakka buutonni waraana Itoophiyaafi humnoota Tigraay Shireetti akka wal arguuf deeman aangawoota Tigraay irraa Ambaasaaddar Wandimmuu Asaamminaw kana dura BBC’tti dubbatanii turan.

Dhimma dabalataa garuu hin dubbatiin hafan.

 ‘‘Waraana lamaan gidduu waan abdii namatti kennutu uumamaa jira, ‘‘waraanni waliigalee dalagaa jira,‘‘ jechuunis Televijinii Tigraayiif dubbatan.

Waraanni waggaa lama tureefi biyyattii gaaga'e karaa nagaan furuuf ji'a tokko dura Afrikaa Kibbaatti waliigalteen nagaan taasifameera.

Eegasiis dhimma waraanaa irratti ajajooni waraanaa gama lamaanii mari'atanii yeroo raawwii waliigaltee kanaa lafa ka'aniiru.

Ambaasaaddar Wandimmuun waliigalteen mootummaa federaalaafi TPLF gidduu haala sirriin adeemaa jira jedhan.

Taatullee waraanni Ertiraa badii jajjaboo raawwataa jira jechuun himatan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkanis MM Abiy Ahimad waliin dhimmuma waliigaltee kanaa irratti mari'atanii turan.

Torban darbe Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Olusegoon Obasaanjoo raawwii waliigaltee kanaa irratti gara Maqalee imaluun marii taasisaniiru.

Erga waliigaltee nagaa deeggarsi namoomaa Naannoo Tigraay seenuu jalqabeera. Haa ta'u malee, hammi xiqqaa ta'u humnoonni Tigraay ibsu.

Mootummaan tajaajiloota bu'uuraafi imala qilleensaa eegaluuf qophiitti akka jiru ibsuun ni yaadatama.