Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bilinkan dhimma waliigaltee nagaa mallattaa'erratti MM Abiy waliin mariyatan
Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin dhimma waliigaltee nagaa buusuu dhiyeenya mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduutti mallattaa'eerratti mariyachuu isaanii ibsan.
Bilinkan waliigalteen waraana dhaabuu taasifame hatattamaan hojiirra oolee Kaaba Itoophiyaatti nageenyi akka mirkanaa’uu gaafachuu isaaniis beeksiisaniru.
Bilinkan barreeffama karaa toora miidiyaa hawaasaa isaanitiin qoodaniin, barbaachisummaa waliigaltee wal dhabdee fi waraanaa dhaabuu taasifame atattamaan hojiirra oolchuu irratti Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin mari’achu ibsan.
Bilinkan kana kan jedhan erga humnootiin Tigraay waraanni Ertiraa naannoo isaanii keessaa akka bahuuf hawaasni idil-addunyaafi Ameerikaan akka dhiibbaa taasisaniif waamicha taasisaniin guyyootaan booda.
Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamaa ture karaa nagaatiin furudhaaf dahoo Gamtaa Afrikaa jalatti mootummaan Federaalaafi TPLF waliigaltee taasisun isaani ni yaadatama.
Waliigaltee amma gareewwan wal waraanan lameen jidduutti taasifame kana keessatti Ameerikaan gahee olaanaa akka akka baate himama.
Kana malees, waraanni kun karaa nagaatiin furmaata akka argatuuf jecha Ameerikaan ergamaa Addaa dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofu Gaanfa Afrikaatti muduun, yeroo garaa garaatti gara Finfinneefi Maqaleetti marmaaraa turuun ni yaadatama.
Ammas Bilinkan adeemsa nagaa hoggansa Gamtaa Afriikaatiin taaasifamu deeggaruu itti kan fuftu ta’uu ibsaniiru barreefama isaanii kanaan.
Haata’u malee, marii taasifame jedhame kana ilaalchisee gama mootummaa itoophiyaatiin hanga yoonaatti kan jedhame homtuu hin jiru.
Kana malees Dubbii Himaan Waajira Haajaa Alaa US, Ned Piraayis marii MM Abiy Ahimadiifi Antoonii Bilinkan jidduutti taasifameen, yaaliiwwan Kaaba Itoophiyaatti nagaa buusuuf taasisamu irratti mari’achu beeksiisan.
Kanaanis Bilinkan yaaliiwwan mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraayiifi naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraa keessatti deeggarsa hin daangoofne qaqabsiisuufi tajaajilawwan bu’uuraa deebiisuuf taasisaa jiruuf beekamtii kennuu kaaseera ibsa baaseen.
Akkasumas Bilinkan tibba marichaatti, humnootiin alaa hatatamaan naannicha keessaa bahuun humnootii Tigraay hiikkachiisuun wal maddii taasifamu dabalatee, barbaachisummaa hojiirra oolmaa waliigalee waldhabdeefi waraanaa dhaabuu cimsuun dubbataniiru jedhe ibsi Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatiin bahe.
Kana malees, Ameerkaan biyyatii keessatti nagaa deebiisuuf to’annoo fi hojiirra oolmaa waliigaltichaa mirkaneessuu Gamtaan Afriikaa taasisuu dabalatee, adeemsa marii nagaa hogganaa gamtichaatiin gaggeeffamu kan deeggaran ta’u Biliinkan irra deebiin mirkaneessaniiru.
Waliigaltee nagaa Sadaasa 2, 2022 Afrikaa Kibbaatti mootummaa itoophiyaafi humnoota TPLF jidduutti gaggeeffame hordofees deeggarsi namoomaa gara Tigraay seenuu eegaluu dhaabbileen deeggarsaa himanii ture.
Haata’u malee, maddeen hospitaalaa ammalleen hanqina qorichootaa naannicha keessa jiruun lubbuun namootaa darbaa jiraachuu BBCtti himanii ture.
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoota barbaachisuun qaqabsiisuun alattis, tajaajiloota bu’uuraa adda citanii turan deebiisanii ijaaruu eegaluu beekisiiseera.
Waliigaltee gareewwan lamaan jidduutti Afrikaa Kibaatti taa’amee hordofees, Sadaasa 12, 2022 dureewwan waraanaa jidduutti waliigalteen adeemsa hojiirra oolmaa waliigaltichaa Naayiroobiitti mallattaa’ee ture.
Saadasa 19, 2022 irratti ammoo ibsa baaaseen TPLF, dararaa waraanni Ertiraa ummata Tigraay irraan gahaa jiru akka dhaabuufi naannicha keessaa atattamaan akka bahuuf hawaasni addunyaa tarkaanfii cimaa akka fudhatuuf gaafate ture.
TPLF ibsa isaa kanaan Ameerikaa dabalatee hawaasni addunyaa keessattuu Gamtaan Afrikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaniifi Gamtaan Awurooppaa bulchiinsa Ertiraa irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatuuf waamicha taasisuun ni yaadatama.