Kora hogganoota US - Afrikaa: 'Joo Baayidan deeggarsa $55bln Afrikaaf akka taasisan beeksisan

Madda suuraa, @REDWANHUSSIEN
Pirezidantiin US Joo Baayidan Afrikaaf deeggarsa maallaqaa haaraa dolaara biliyoonaan lakkaa’amu akka taasisan beeksisan.
Prezidant Baayidan kana kan beeksisan kora US-gaggeessitoota Afrikaa Waashingitanitti gaggeeffamaa jiru irratti.
“Yunaayitiid Isteet egeree Afrikaa ‘hunda keessa’ jirti,” jechuun bulchitoota Afrikaa 40 ol kora kana hirmaataa jiranitti dubbatan.
Hariiroo biyyi isaanii Afrikaa waliin qabdu akka caalaa foyya’u abdiin kora kana irratti kan dubbatan Pirezidant Baayidan, ardii Afrikaatiif gargaarsa maallaqaa haaraa dolaara biliyoona 55 waggoota sadan itti aananiif ramaduu isaanii ifa godhan.
Deeggarsi maallaqaa ramadan kun pirojektoota annisaa ‘qulqulluu’ ykn faalama qilleensaa xiqqeessuuf oolan dolaara miliyoona 100 dabalata.
Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) dabalatee bulchiitonnii biyyoota Afrikaa kora hoogganota Ameerikaa - Afrikaa irratti hirmaataa jiru.
Korri dursitoota Afrikaa marsaa lammaffaaf biyyoota 49 irraa itti hirmaatan kun, Mudde 13, 2022 jalqabee guyyoota sadiif gaggeeffama.
Korichis dhimmoota akka rakkoowwan addunyaa qoraa jiran akka rakkoo jijjiirama haala qilleensaa, bulchiinsa gaarii, wabii nyaataafi fayyaa addunyaa kan ilaallatu yoo ta'u, filannoowwan daldalaafi invastimantii Ameerikaa -Afrikaa jabeessuurrattis ni xiyyeeffata jedhameera.
Itti-dabaluun barbaachisummaa bulchiinsa gaarii, uummata fayya-buleessa qabaachuufi humna ibsaa dandeettii namuu kaffalachuu danda’u qabaachuurrattis dubbataniiru Baayidan.
Korri kun yeroo biyyoonni akka Chaayinaa, Raashiyaafi Tarkii Afrikaa keessatti miila gadi faggeeffataa wayita jiranitti taasifamuun isaa, yaalii Ameerikaan deebitee dhiibbaa Afrikaa keessatti qabdu cimsachuuf hojjechaa jirtuutti ilaalameera.
Erga waggaa saddeet darbanii as korri kun akkasitti gaggeessitoota Afrikaa affeeruun Waashingitanitti gaggeeffamuun isaa kan jalqabaati.
Ameerikaan daldala bilisaa guddaa Afrikaa waliin uummachuudhaaf waliigaltee sanadaa akka mallatteessitu kora kana irratti ibsameera.
Kora kana biratti ammoo Baayidan hoggantoota biyyoota Afrikaa bara 2023 keessa filannoo gaggeessan ja’a waliinis haasaa taasisaniiru.
Pirezidantichi gaggeessitoota kanneen waliin mariin taasisan filannoon bilisaafi haqa-qabeessa akka ta’uuf dhiibbaa uumuuf jedhameera.
Baayidan bara 2023 keessa hojiidhaaf gara Afrikaatti imaluu akka danda’an ni ibsu jedhamee eegama.












