Kora US- dursitoota Afrikaa irratti dhimmoota akkamiitu ka'u?

MM Abiy Ahimad US Isteet Dippaartment biratti

Madda suuraa, US STATE DEPARTMENT

Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) dabalatee korri Ameerikaa- dursitoota Afrikaa marsaa lammaffaa gaggeessitoonni biyyoota 49 irratti hirmaatan har'a, Mudde 13, 2022 jalqaba.

Korri guyyoota sadiif gaggeeffamu kun rakkoowwan addunyaa qoraa jiran akka rakkoo jijjiirama haala qilleensaa, bulchiinsa gaarii, wabii nyaataafi fayyaa addunyaa kan dabalatu yoo ta'u, filannoowwan daldalaafi invastimantii Ameerikaa -Afrikaa jabeessuurrattis ni xiyyeeffata jedhameera.

"Korri kun Afrikaan gahee ijoo Jii'oo-polotikaa keessatti taphataa jirtuuf beekamtii kennuu irratti kan hundaa'edha. Ardiin kun uummattoota Afrikaa qofa osoo hin taane egeree addunyaa qixa-qabsiisti," jedhan gorsaan nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Jaak Sulivaan ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin.

Koricha irratti gaggeessitoota biyyoota Afrikaa 49, akkasumas Gamtaan Afrikaa afeeramaniiru jechuun ibsa gaazexaaf kennan kanarrattis dubbataniiru.

Kora Ameerikaa dursitoota Afrikaa torban kana keessa gaggeeffamu irratti Pirezidant Baayidan garee biyyoota 20 keessatti Gamtaan Afrikaa bakka dhaabbataa akka argatuuf deeggarsa taasisu jedhamee eegama.

Dabalataanis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Mana-maree Nageenyaa (UNSC) keessatti biyyoota Afrikaa keessaa "miseensi dhaabbataan akka itti makamuuf" deeggarsa gaafachuu dabalatee fooyya'insi akka taasifamuuf Pirezidant Baayidan murannoo qabu, jechuun dubbatan Siluuvaan.

Ajandaawwan kora US gursitoota Afrikaa

Baniinsi kora kanaa gaggeessitoota Afrikaa fi daayaasporaa irratti kan xiyyeeffatu ta'a. "Sagalee guddisanii dhageessisuu, michummaa waara'u uummachuu," mata-duree jedhuun kan gaggeeffamu korri kun, Afrikaannonni ardittii waliin hariiroo qabaniifi daayaasaporaan hariiroo aanga'oota Ameerikaa waliin qaban kan cimsu akka ta'e ibsameera.

Pirezidant Baayidan Ameerikaa-Afrikaa irratti tarsiimoo isaanii ifa yeroo taasisanitti akka beeksisanitti, "Dayaasaporaan Afrikaa madda cimina keenyaati," jedhan.

Ardittii ijaaruudhaaf gahee olaanaa ijoolleen arditiirraa garbummaan gurguramanii Ameerikaa qaqqaban ammallee Afrikaa waliin hariiroo qaban miliyoonaa Ameerikaa keessa akka jiran kaasaniiru Joo Baayidan.

Dabalataan korri kun dhimmoota akka kalqawwaan industiriifi dhimmoota naannoo hundaaf walqixa mijataa ta'e qabaachuurrattis kan fuulleffatu akka ta'e Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibseera.

Kora ministiroota daldalaa AGOA

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan warra Afrikaatiif carraa daldala qaraxa irraa bilisa ta’e fayyadamuu (AGOA) jedhamuun beekamu waliin walqabatee ministiroota daldalaa biyyoota Afrikaa carraa kana fayyadaman waliin kora gaggeessitus har’a beellama qabatteetti.

Korri aanga’aa olaanaa Imaammata Daldalaa Ameerikaa kan ta’an Ambaasaaddar Kaatiriin Taayiin durfamu kun, miseensonni mana-maree Ameerikaa, mootummaan Ameerikaafi aanga’oonni olaanoo Gamtaa Afrikaa barreessitoota daldala bilisaa ardii, Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Dinagdee Afrikaa (UNECA), Baankii Misoomaa Afrikaafi hawaasa dinagdee naannoowwan gara garaa kan hirmaachisudha.

Kora kana irratti adda-durummaan tumsawwan dinagdee cimsuu, michummaa gam-lamee dinagdeefi invastimantii cimsuu, walitti makama dinagdee naannoowwan gara garaa deeggaruufi dhimmoota daldala Ameerikaa-Afrikaa ilaallatan biroorratti faayidaa waloofi akkaataa hojiirra oolmaa AGOA irratti ni mariyatama.

Ameerikaan waraana Tigraay waliin walqabsiisuun sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaniiru jechuun faayidaa daldala qaraxarraa bilisaa, AGOA Itoophiyaan irraa fayyadamaa turte dhorkuun ishee ni yaadatama.

Carraa daldala qaraxarraa bilisaa (AGOA) kana keessaa Itoophiyaa baasuun ammoo lammileen kuma 200 ol ta’an galii gadi aanaa ta’e qaban irratti dhiibbaa akka qabaatu ministeerri dhimma alaa kan ibse yoo ta’u, keessumaa namoota walitti bu’insa keessaa gahee hin qabne dubartoota irratti miidhaan isa ani cima jedhee ture.

Dhiyeenya kana ammoo Itoophiyaan gara carraa AGOAtti fayyadamuutti deebiyuudhaaf Mana-maree Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomaniitti garee ogeessota mirgoota namoomaaf akka bakka waraanni walii waliinii kun itti gaggeeffame seenanii qorataniif hayyama yoo kennite akka ta’e gabaafameera.

Akka gaazexaan Reporter kan Ingiliffaa gabaasetti, gareen ogeessotaa kun gara biyya keessaa seenaniin akka qorataniif akka haal-dureetti kaa’amuu isaa aanga’oonni Imbaasii Ameerikaa Finfineetti argaman dubbataniiru.