Bulchitoonni yaa'ii Hoogganoota US-Afrikaarratti hirmaachuuf gara Waashingitan imalaa jiru

Pirezedantiin Yugaandaa Yuweeri Museeviniin yaa'icharratti hirmaachuuf wayita imala eegalan suura agarsiisu

Madda suuraa, @KAGUTAMUSEVENI

Yaa'iin Hooggantoota US-Afrikaa guyyaa Kibxataa Ameerikatti jalqabee guyyoota sadiif gaggeeffama.

Yaa’ii eega bara 2014 yeroo jalqabaatiif qophaa'erratti hirmaachuuf hoggantoonni biyyoota Afrikaa gara Waashingten D.C imalaa jiru.

Yaa’ii Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden dursan kanarraa biyyoota Afrikaa 54 keessaa 49'tu affeerame.

Hoggantoonni biyyoota Maalii, Giinii, Sudaan fi Burkinaafaasoo hin afferamne.

Sababni hin affeeramneef immoo fonqolcha mootummaa biyyasaaniittii raawwatameen Gamtaa Afrikaarraa waan miseensummaa irraa haqamaniifi.

Ameerikaa waliin hariiroo gaarii kan hin qabne Ertiraanis akkasuma yaa’ii kanarratti hin affeeramne.

Komishinarri Gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Mahamaat marii kanarratti hirmaatu jedhame eegama.

Yaa’in guyyoota sadiif taa’amu Kibxata boruu kan eegalamu yoo ta’u, bulchiinsi Joo Baayiden ardii Afrikaa deeeggaruuf kutannoo qaban kan itti agarsiisani jedhu warreen yaa’icha qopheessan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’ii kanarratti hirmaachuuf Ameerikaatti imalaa wayita jiran kanatti Itoophiyaa bakka bu’ee namni hirmaatu hin baramne.

Namoonni muraasni Pirezedant Saahilawarqi Zawudeetu hirmaata wayita jedhan, kaan ammoo Ministirri Muummee Abiyi Ahimad ni hirmaatu jedhu.

Warri yaa’icha qopheessanis ta’ee, mootummaan Itoophiyaa yaa’ii guyyoota sadiif taa’amu kanarratti eenyu akka hirmaatu wanti ibsan hin jiru.

Yaa’ii kanarratti hoggantoota biyyoota Afrikaa malees hawaasa diyaasporaa fi damee dhuunfaarratti bobba'an yaa’ii kanarratti hirmaatu.

Yaa’iin kun hariiroo gar-lamee biyyoota Afrikaa fi Ameerikaa gidduutti cimsa jedhamee abdatama.

Yaa’ii kanarratti dhimma jijjirama qilleensa baramaarrattis akka mariyatamutu eegama.

Yaa’iin kun hariiroo dinagdee gama hariiroo hundeessu, eegumsa mirga namoomaa fi dimokiraasii cimsuu, nageenyaafi tasgabbii eeguu fi wabii midhaan nyaataan of danda’uurratti gufuu jiran furuuf yaa’ii karoorfame ta’uu Joo Baayiden himaniiru.

Yaa’iin akkasitti dhimmoota Afrikaa fi Ameerikaarratti xiyyeeffatu kun yeroo lammaffaaf ta'amuuf jira.

Kan duraanii Pirezedantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan gaggeessuu isaaniitu ni yaadatama.