Kora Gamtaa Afrikaa: 'Afrikaa sagalee dhukkasa qawweerraa bilisa taate'

Madda suuraa, Gamtaa Afrikaa
Yaa'iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan Guraandhala 9 fi 10 magaalaa Finfinneetti adeemsifama. Korri kun mata duree 'Silencing the Guns' ykn sagalee qawwee dhabamsiisuun misooma Afrikaaf haala mijataa uumuu jedhuun gaggeeffama.
Sagalee qawwee Afrikaa irraa dhabamsiisuu ykn dhukaasni Afrikaa keessaa akka dhaabbatu gochuu kan jedhu kun dhimmoota ijoo Gamtaan Afrikaa dhugoomsuuf hanga bara 2063tti qabate keessaa isa tokkodha.
Kun nageenya uummata Afrikaa mirkaneessuu kan jedhuun hojjetamaa jira. Keesummoota biyyoota garaagaraa irraa magaalaa Finfinnee galan simachuuf qophiin xumuramuus gama mootummaan ibsameera.
Magaalaan Finfinnee Adunyaa irraa gidduugala dippilomaasii isa guddaa 3ffaadha jechuun kan barreessan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahmad uummatni magaalittiis keessummoota isaa simachuuf akka qophaa'an dhaamaniiru.
Yoo daandiin sababa kora kanaan cufamee fi hojiin idilee jeeqame, kun dursa keessummoota keenyaaf kennuuf waan hojjetame akka tahetti fudhachuu qabdus jedhan.
Daandiin magaalattiis kallattii garaagaraan akka cufamuu fi uummatnis odeeffannootti fayyadamuun imala isaa akka qajeelfachuu qabu dursa karaa miidiyaalee biyya keessaa ibsameera.
Abiy 'obbolootni kora kanaaf dhuftan akka nama biyya biraa adeemuutti sinitti dhagahamuu hin qabu. Lafa keessan irratti walitti qabamuufi uummata keessan gidduu adeemuuf akka dhuftanitti ilaalaa.'' jedhe.
Namootni keessummoota simachuuf buufata Xiyyaaraa Booleetii hanga galma wal gahiitti ramadamtanis ambaasaderoota Itoophiyaa tahuu keessan hubadhaa jedhan Ministirri Muummee.














