Dhimmoonni ijoon US Afriikaa waliin hojjachuuf irratti xiyyeeffattu maal fa'i?

Antoonii Biliinkan tibba Keenyaa dowwataniitti

Madda suuraa, AFP

    • Barreessaa, Anne Soy
    • Gahee, BBC Africa irraa

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, kan dhiheenya kana yeroo jalqabaatiif Afriikaa keessatti dowwannaa hojii taasisan, haasaan isaan taasisan haala Ameerikaan Afriikaa itti ilaaltuufi waa'ee ardittii itti dubbatan baayyee jijjirameera.

Keessattuu bulchinsi isaanii haala hogganaa duraanii Donaald Tiraamp ardittii tuffiin ilaalaa tureetiin addatti akka Afriikaa ilaalu kaasan.

Kanaan dura Afriikaan maal gochuu akka qabdu barsiisuuf olaantummaan kan itti dhagahamu Ameerikaan, ammaan tana karaa ministira ishee Haajaa alaatiin walitti dhufeenya daldalaafi wal gargaarsa irratti xiyyeeffattee jirti.

Dippilomaatii ishee muummeetiin, ''Egereen [addunyaa] Afriikaadha'' jechuunsaanii ardittiin kanaan booda xiyyeeffannaa akka argatte kan mul'isudha.

Afriikaan ardii dargaggoonni addunyaa kanaa keessa jiraatanidha. Akka tilmaamni mul'isutti bara 2050tti addunyaa tanarra namoota afur keessaa tokko lammii Afriikaa ta'a.

Baayyinni ummataa kunis waggoota kurnan dhufanitti dhimmoota idil-addunyaa ni soroorsa. Haata'u malee rakkoolee hedduun fuldura jiru.

Waa'ee imaammata bulchiinsi Baayidan Afriikaa irratti qaban kan dubbatan Aab Biliinkan, biyyisaanii dhimmoota gurguddoo shan irratti akka xiiyyeeffattu dubbatan.

Isaanis daldala, Covid-19 dandamachuu, jijjirama haala qilleensaa, diimookraasii fi nageenyaafi tasgabbiidha.

1: Daldala

Jijjiramni daldalaa Ameerikaan biyyoota Afriikaa 54 waliin qabdu daldala alaa waliigalaa keessa %2 gadi.

Kunis irra caalaa Naayijeeriyaa dabalatee kan daldala alaa boba'aa irratti xiyyeeffatedha. Ammaan tanas Biliinkan imaammata bulchiinsi isaanii afriikaa irratti qaban beeksisan.

Fakkeenyaafis sangantaa badhaadhiina Afriikaa (prosper Africa Program) kan daldalaafi invastimantii waloo guddisuu irratti xiyyeeffateefi bulchiinsa duraatiin eegalame kaasan.

Bara Kiliintaniitti kaan fiixaan baasuuf carraa sagantaa qaraxarraa bilisaa (AGOA) eegalame.

AGOA biyyoota guddinarratti argaman hedduuf gabaa Ameerikaa banaa taasisuuf dursa kenna.

Kunis biyyoota guddinarratti argamaniif carraa dinagdee ittiin guddifatan kennuuf yaadamee ture. Haata'u malee baayyeen karoora qabatan fiixaan baafachuu akka hindandeenye dubbatu.

Omisha uccuu Keeniyaatti

Madda suuraa, AFP

Damee huccuutiin biyyoonni Afriikaa kan akka Itoophiyaafi Keeniyaa industiriiwwan huccuu lammiilee kumaatama kudhaniin lakkaa'aman keessa hojjatan saaqanii hojii eegalanis, irra caalli huccuu kan dhufu rakasaan Chaayinaatti omishamuun.

Kanaafuu, indastarii huccuutiin ykn galteewwan damee qonnaatiin argamuutiin omishamu dhiibbaa baayyee xiqqaa ykn omaa fiduu hindandeenye.

Gabaan Afriikaa guddaa ta'ulleen biyyaa biyyatti sababii rakkoolee bu'uraalee misoomaa, lojistiikii fi taariifitiin hidhata walfakkaataa hinqabu.

Danqaawwan kanneen furuuf jecha karaa Gamtaa Afriikaatiin qaxanaan daldalaa bilisaa ardii hundeeffameera.

Biliinkan biyyisaanii walitti dhufeenya daldala Afriikaa waliinii gammachuun akka fudhattuufi biyyooni Afriikaa waliigalticha irraa gutummaatti fayyadamoo akka ta'aniif hojjataa jiraachuu himan.

US Secretary of Antony Blinken

''Addunyaarratti diinagdee Afriikaa cimaa arguu barbaadna'' jedhan.

Kana malees, Ameerikaan sochii Build Back Better jedhamuun ''qaawwa bu'uuraalee misoomaa idil-addunyaa xiqqeessuuf'' kaayyoo akka qabdu beeksiisan.

Chaayinaan duraanuu ijaarsa bu'uuraalee misoomaa Afriikaa keessatti gahee kan qabdu yoo taatu, bulchiinsi Tiraamp gamasaatiin imaammanni Afriikaa isaanii dhiibbaa Chaayinaan geessiiftuu mormuu irratti kan xiyyeeffate ture.

Biliinkan bulchiinsa Tiraamp irraa ilaalcha adda ta'e qabu.

''Imaammanni keenyaa Afriikaa kan Afriikaa jidduu gala taasifateedha. Waa'ee Chaayinaa miti,'' jechuun BBCtti himanii ture.

Haata'u malee haala Chaayinaa dubbiin xuquutiin ''yeroo hedduu waliigalteewwan idil-addunyaa bu'uuraalee misoomaa ifa kan hintaane, kan dirqiisiisan, kan liqiin biyyoonni baachuu hindandeenyee irratti fe'uu, naannoo kan barbadeessaniidha.

Kanaafuu, yeroo hunda ummata biyyoota kanneen jiraatan ni fayyadu jechuu miti,'' jechuun biyyisaanii waliigalteewwan kanaan adda ta'e akka raawwattu beeksisan.

2. Covid-19

Dhimmi sadarkaa lammaffaatti Biliinkaniin kaafame weerara Covid-19 ittisuudha.

Sagantaa haaraa The Global Covid Corps jedhamuutiin dhaabbileen daldalaa Ameerikaa biyyoota deeggarsi loojestiikii isaan barbaachisu waliin karaa ''the last mile'' jedhamuutiin waliitti fida jedhan.

Dowwannaa isaanii Afriikaatiin Keeniyaa biyya jalqabaa kan taasifatan Aab Biliinkan, biyya Afriikaa jalqabbii kanatti makamte kan jalqabaa taatee jirti.

Aanga'oonni Sudaan wayita talaallii simatan

Madda suuraa, Getty Images

Jalqabbichi garuu kan rooggeeyyiin fayyaa ardittii eeganiin gadidha.

Biyyoonni guddina irratti argaman amma talaallii ummatasaaniif barbaachisu omishuu akka danda'aniif mirgi abbeentaan akka ka'uuf gaafataa turan.

Hanga ammaattis biyyoonni Afriikaa hedduun mirgoota xumuruu fi guutuu (finish and fill) kan mirkanneessan yoo ta'u, kunis adeemsa dhumaafi talaalliiwwan saamsuu hammata.

Afriikaan ardii kamuu caalaa kan talaallii gadaanaa qabdu yoo ta'u, dhuma baatii darbeetti lammiilee Afriikaa gutummaan talaalaman %6 qofaa ta'uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiiseera.

Walbira qabuun yoo laalamuuf Dhaabbanni US CDCn lammiilee biyyattii %58 ta'an gutummaan talaalamuu gabaaseera.

3: Jijjirama qiilleensaa

Ardiin Afriikaa jijjirama qilleensaatiin baayyee kan saaxilamte yoo taatu, jijjiramichaaf garuu gumaata baayyee xiqqaa gooti.

Ameerikaan pirojaktii jijjirama qilleensaan wal baruu irratti hojjataa jiraachuu kan beeksiifte yoo ta'u, kanaafis bara 2024 irraa kaasee waggaan doolaara biiliyoona 3 ramaduuf karoorfattee jirti.

Sagantaa bara Obaamaa 'Power Africa'' kan namoonni akka ibsaa elekitirikaa argan irratti xiyyeeffate, ammalleen annisaa haaromfamuuf xiyyeeffannaa barbaadamu osoo hinkenniin itti fufeera.

''Ardittii keessatti manneen jireenyaafi daldalaa miiliyoona 25 ol elektirika argataniiru. Kanneen %80 ta'an ammoo kan anniisaa haaromfamu irratti bu'uurreeffataniidha,'' jedhu Biliinkan.

Ameeriikaan miisooma walta'iinsaa Bootiswaanaafi Naamiibiyaa jidduutti argamuufi Afriikaatti bakka madda anniisaa aduu guddicha jedhamuun beekamu keessatti hirmaataa jirtis jedhan.

4: Dimookiraasii

Tibba dowwannaa Biliinkaniitti ''rakkoon kufaatii dimokiraasii idil-addunyaa'' qabxii marii kan biraa ture.

Iftoomina aanga'oota Ameeriikaatiin hinbaramne addatti agarsiisaniin, hokkoraafi jeequmsa bulchiinsa Tiraampiin ka'e eeruun, rakkoolee dimookiraasii caqasaa Ameerikaan mataanshee haala saaxilamummaa keessatti argamtu dubbataniiru.

Filannoo Zaambiiyaatti gaggeeffame

Madda suuraa, Getty Images

Haalli kunis aanga'oota Ameeriikaa kanaan dura biyyoota kaaniitti quba qabuun akeekkachiisaa turan irraa dhagahamuun jijjirama olaanaadha.

Afiiriikaan waggoota kurnan darban keessatti qofaa fonqolchawwan mootummaa hedduu keessummeessitee jirti.

Maalii, Giinii fi dhiheenya kana ammoo Sudaan keessatti waraanni humnaan aangoo qabateera. Gama biraatiin ammoo Zaambiiyaa fi Niijar keessatti hoggantoota mormiituu kan ta'aniin ce'umsi nageenyaafi dimookiraasiin gaggeeffameera.

Biliinkan hooggantoota abbaa irree biratti fayyadamni teeknooloojii dabalaa deemuu morman.

''Haala dimokiraasii cimsuufi hindiigneetti teeknooloojii attamiin bulchuu akka qabnurratti wayita mari'anneetti, motummoonni, indastiriiwwanii fi ogeessoonni kalaqaa filmaatawwan taasisan mirgaafi bilisummaa namootaa irratti dhiibbaa taasisa,'' jedhan.

5: Nagaafi tasgabbii

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Biliinkan dhimmoota dowwannaasaanii keessaa inni mummee ammoo waa'ee nageenyaa fi tasgabbii Gaanfaa Afriikaa hanga Saahiil jiru ture.

Kunis tasgabbii siyaasaa fi jijjirama qilleensaatiin walqabachuun qormaata guddataa jiruudha jedhan.

Waraanni Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru biyyattii qofaa osoo hintaane Gaanfa Afriikaafillee yaaddoodha jedhan.

Waraana Itoophiyaa naannoo Tigraayiitti erga eegalee waggaa tokko lakkoofsisuun ammoo naannoollee ollaa Amaaraafi Affaariitti babal'achuun dhiiga dhangalaasaa jiru kun akka dhaabbatuuf biyyisaanii; Keeniyaa, Gamtaa Afriikaa akkasumas bakka bu'aa addaa Gaanfa Afriikaa fi pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Oluseegun Obaasaanjoo fi michoota kaan waliin waliiitti dhiheenyaan hojjataa jiraachuu himan.

Keessattuu dhimma kana ilaalchisuun ergamaan addaa Gaanfa Afriikaa Jeefirii Feeltmaan bakka bu'aa addaa Oluseenuun Obaasaanjoo waliin ta'uun qaamooleen wal waraanaa jiran haal-duree tokko malee waraanicha atattamaan akka dhaaban, sarbamooti mirga namoomaa akka dhaabbatu, miiliyoonni kaaba biyyattiitti argaman beelaarratti argaman deeggarsa lubbuu oolchu akka argataniif akka mijatuu fi tajaajilliiwwan namoomaa akka qaqqabaniif hojjataa jiraachuu ibsan.

Waraanichi akkuma babal'ataa adeemeen lakkoofsi namoota balaaf saaxilamanii dabalaa jiraachuu himuun, kunis bara darbe irraa kaasee Tigraayiitti akkasumas dhiheenya naannoo Amaaraatti ummanni rakkoof saaxilamaa jiraachuu dubbatan.

Imaammanni Ameerikaa-Afriikaa haaraa ifa ta'e kunis kan bulchiinsoota kana duraarraa itti fufee ta'ulleen walgargaarsa wal qixxummaa irratti xiyyeeffannaa olaanaa kenne.

''Yeroo baayyee biyyoonni Afriikaa wal qixa ta'uurra akka gargaartoota gadaanaa ykn haala badaan ilaalamu ture,'' jedhan.

Garuu wal qixxummaan sun dhugaa ta'uufi dhiisuun kan gara fuulduraatti ilaalamu ta'a.

Ta'us, bulchiinsa Tiraamp kan Afriikaaf fedhii omaa hinqabneefi sagantaalee ardittii keessa turan irraa bajata hir'isuun biyyoota salphisuun beekamuun wal biratti yoo ilaalame jijjiramni ejjannoo akka jiru shakkii hinqabu.

Jijjirama ejjannoo kanaafis irra caala bulchiinsa Baayidan- Kaamaalaa Haariisiif gatiin kennamu qabaata.

Tilmaamni egeree hundumtuu Afriikaan diinagdee, nageenyaa fi siyaasa addunyaa keessatti guddachuun ardii dhageettii qabduufi gahee olaanaa baatu akka taatu mul'isu.