Waancaa Chaampiyoons Liigii Awurooppaa jalqabaa falmisiisaa ture

Waancaan Chaampiyoons Liigii Awurooppaa erga jalqabee waggoota 30 lakkoofsiseera. Haata’u malee, taphni waancaa falmisiisaan kan akka isa jalqabaa hin jiru.

Maarseen kilabii Faransaay tokkicha waancaa Liigii Awurooppaa injifachuu danda’edha.

Liigichis dorgommii bara 1992/93tti maqaasaa 'Yurooppaa Kaapp’ jedhu haquun Chaampiyoons Liigi Awurooppaa jedhamuu eegale.

Tibba sanattis Maarseen garee Esii Miilaan taphattoota bebbeekamoo kanneen akka Baarezii Firaankoo, Paawuloo Maaldinii, Firaank Raayikaard fi Maarkoo Vaan Baastan of keessaa qabu injifachuun waancaa fudhate.

Goolii takkittiin Baasiil Boolii lakkoofsise tapha xumuraa Muniik irratti gaggeeffameef gahaa turte.

Ta’ullee injifannoon Maarsee kuni qabxii kubbaa geeddarsiisuun maqaan isaa bade.

Liigii Faransaayii baruma sana kan ol kaase Maarseen, qabxii jijjiirsiseera jedhamuun ulfinnisaa irraa kaafame. Kana malees liigicha keessaa akka gadi bu’u dirqisiifame.

Chaampiyoons Liigiin durii kan akka bara kanaa miti. Kan dorgommii garee keessatti hirmaatan gareewwan saddeet qofaadha. Maarseen osoo takkaa hin injifatiin ture kan dhumaaf qaqqabe.

Pirezidantiin kilabichaa Barnaald Taappee, bara 1991'tti erga xumura Kaappii Awurooppaaf qaqqabaniin booda injifatamunsaanii waan isaan aarseef maallaqa guddaa baasuu eegalan.

Karra kan eegu Faabiyaan Baarteez fi ittisaa kan ture Maarseel Deesaayeen gara kilabichaatti makaman. Injifataan Alan Bookisichii mallattoosaa kaa’e.

Taphawwan sadiin injifachuun sadiin ammo wal qixa bahuun ramaddicha keessaa darbuun xumuraaf gahan. Ta’ulleen eenyumtuu waancaa ni injifatu jedhee kan eege hin turre.

Kilabiin Xaaliyaan kun isaan dura bara 1980 fi 1990'tti waancaa nyaatee ture. Ramaddicha keessaa taphawwan jahan injifachuun xumuraaf gahee ture.

Garuu ammo caamsaa 26, 1993 Esi Miilaan gara goolii Maarsee gahuuyyuu ni dadhabe.

Daqiiqaa 44’ffarratti Booliin kubbaa Abeedii Peelee irraa ergameef goolii ES Miilaaniitti erguudhaan gara gooliitti jijjiire.

Birrii korojoon awwaalame

Maarseen dorgommii bara 1992/1993tti injifachuunsaa balaaleeffamuu kan eegale tapha xumuraatiin guyyoota muraasaan dura ture.

Fiigicha Liigii shaampiyoonaa Awuroppaa kaasuuf taasisaniin wal qixumatti, biyya keessattis liigii dursaa turan.

PSG fi Monaakoon taphicha harka Maarseetii baasuuf kan danda’ameef hunda gochaa turan.

Haa ta’u malee, tapha liigichaa xumuraatiin Maarsee, qabxii Vaalensiyansiin injifachuuf isa barbaachisu sadii argate.

Haata’u malee, garee Maarseetiif jidduu keessa kan taphatu Shiin Shaak Ayidaliin, Shaag Gilaasimaan Vaaleensiiyansiitiif matayyaa farankaa Faransaayi kuma 250 kenneefiira jedhamuun oduun dhagahamuu eegale.

Kiristoof Roobarti dabalatee, taphattoonni Vaaleensiiyansi kan biraa lama akka matayyaan dhiyaateef dhagahame.

Haatii warraa Roobart gara hoteela taphattoonni Maarsee keessa boqatan dhaquun maallaqa guddaa korojootti qabachuun deebite.

Maallaqni kunis booda keessa man-duubee mana haadhasaa keessaa qotamee argame.

Qorattoonni yakkaafi seera kubbaa miilaa hojiisaanii eegalan. Maarseen waancaan liigii 1 irraa fudhatamuun liigicha keessaa akka gadi bu’u waan taasifameef, bara ittaanuutti Chaampiyoons Liigii keessatti akka hin hirmaanneef dhorkame.

Hirmaattonni Chaampiyoons Liigiifi waancaan liigii 1ffaa fudhadhaa kan jedhaman PSG fa’i nutti haa hafu jedhan.

Kun kan ta’e ammoo, abbaa qabeenyaa PSG kan ture, buufanni TV Kaanaal+ jedhamu dowwattoota Kibba Faransaay akka hin dhabneef yaadda’ee ture.

Sadaffaa kan bahe Monaakoon akka Chaampiyoons Liigii keessatti hirmaatu yoo taasifamu, dorgommiin Awurooppaa bara 1992/1993 injifattoota malee hafe.

Gareen Maarsee dorgommii Awurooppaatti qabxii jijjiirsisuu isaaf ragaa agarsiisu waan hin argamneef waancaa Chaampiyoons Liigii irraa hin fudhatamne ture.

Taappeen sababii yakka raawwatanitiin hidhaan wagga lamaa itti murtaa’e. Isaaniin alattis Ayiidaliin baatiiwwan 18’f gara kubbaa miilaatti akka hin deebineef dhorkame.

Ayidaliin kitaaba bara 2006 maxxansiiseen, xumura liigii shaampiyeensii Awurooppaatiin dura lilmoo humna kennu wayiin waraanamanii akka ture dubbatu.

Taphattoonni biraas akkasuma qoricha humna kennu akka fudhatan dubbatanii beeku.

Toonii Kaaskaariinoo waa’ee qoricha kennameef yoo dubbatu, ‘‘Hanga har’aattu maal akka ta’e hin beeku. Doktariin si si’oomsa jedhee naaf kenne.

‘’Maal akka naaf kennan hin beeku garuu guyyaa sana ejjannaan koo ni dabale. Seera qabeessa jedhee yaadulleen garuu akka hin taane keessoon koo natti himaa ture,’’ jedha.

Yeroo sanatti taphattoonni Maarsee qoricha si’oomsu fudhatanii qorannoon irratti taasifamulleen dhiignisaanii qulqulluu ta’e argameera.

Waldaan kubbaa miila Awurooppaa yeroo sanatti qorannoo taasifame akka haaraatti qulleessulleen homaa argachuu hin dandeenye ture.