Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenal Raayisiin fudhachuuf dursaa jiraachuufi jijjiirraa taphattoota biroo
Jijjiirraan taphattootaa ho'ee odeeffamaa jira. Kilaboonni gurguddoo Awurooppaa ganna kana garee ofii cimsachuuf jedhanii gabaa waliin gahaa jiru.
Piriimer Liigii Ingiliiz irraa yoo kaanu, Arsenaal dorgommii taphataa West Haam Dekilaan Raayisiin mallatteessifachuuf taasifamaa jiruun dursaa jira.
Haata'u malee, warri Weest Haam kan himatan kan Arsenaal itti baasuu fedhuun ol ta'uu mala.
Arsenaal gatii qaalii kanaan dhuunfata moo ni dhiisu laata? Yeroo dhiyoottii barama. Hanga ammaatti garuu taphataa kanarraa fedhii qabaachuun Arsenaalumatu dursaa jira.
Taphataan lammii Ingiliiz umuriin isaa waggaa 24 ta'e Meesan Maawont ammoo Maanchester Yunaayitidiin baayyee barbaadamaa jira.
Maanchister Yunaayitid garuu taphataa kanaaf Paawondii miliyoona 60 ol hin kennu jedheera.
Gaazexaan Ispoort Witinas jedhamu ammoo Niwukasil Yunaayitid taphataa sarara gidduu Arbii Liiziingiif basii guddaa ramadeera jechuun gabaaseera.
Taphataan lammii Hangaarii umuriin isaa waggaa 22 irra jiru Doominiik, gara Niwukasil ni dhufaafi hin dhufuun isaa ganna kana kan baramu ta'a.
Taphataan sarara ittisaa Ingiliiz Harii Maaguweer Maanchester Yunaayitidiin hin gadhiisu kan jedhu yoo ta'e, Maanchester Yunaayitid Kiimiin fudhachuun isaa yaaddoo keessa gala jedhamaa jira.
Taphataa umurii waggaa 25 lammii Kooriyaa Kibbaa ta'e Kiim Miin-Jee gara Maanchester deemuu akka danda'u himameera.
Weest Haam Dekilaan Raayisiin kan hin gurgurre yoo ta'e ykn kilaba biraatti kan gurguru yoo ta'ee jecha Arsenaal taphataa sarara gidduu Poortugaal Fulhaam keessa taphaturra ija godhateera.
Maachester Yunaayitid karra eegaa lammii Poorchugaal Poortoo keessa taphatu Diyaajoo Kostaa fudhachuu barbaada. Poortoon ammoo karra eegaa kanaaf Pwwondii miliyoona 64 naaf kaffalaa jechaa jira.
Kilabi Jarman Bayiren Liiverkusan taphataa lammii Neezerlaand umuriin isaa 22 ta'e Paawondii miliyoona 34 fedha.
Aston Viilaafi Tootehnhaam ammoo taphataa lammii Xaaliyaan umuriin isaa waggaa 23 ta'e Nikooloo Zaniyooloo fudhachuudhaaf wal dorgomaa jiru.
Gadhiisisuuf Paawondii miliyoona 30 kan gaafatu Zaaniyooloon dorgommii keessa galeera.
Pirezidantiin Riyaal Maadiriid Filoorentiinoo Peereez kilaba Firaans Kiliyaan Imbaappee fudhachuuf fedhii akka qaba ifa godhaniiru.
Haata'u malee, taphataa umrii waggaa 24 Imbaappee "bara kana fiduu hin barbaadnu" jechuun Maadiriid Ekistiraa barresse.
Zee Atileetiks akka gabaasetti, Arsenaal taphataa sarara ittisaa umuriin waggaa 22 Wiliyaam Saliibaa kontiraata waggaa afurii mallatteessiseera.