Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Siitiin yeroo jalqabaaf Shaampiyoonaa Awurooppaa tahe
Maanchister Siitiin yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa mo'achuun seenaa haaraa galmeesse.
Roodiriin galchii tokkittii injifannoo Maan Siitiif lakkoofsisuun, kilaba isaa Shaampiyoonaa Awurooppaa taasise.
Gareen Simoonee Inzaagii, Inter Miilaan carraa galchii gaarii argatanis osoo itti hin fayyadamiin hafan. Laataaroo Maartinezii fi Roomelu Lukaakuun carraa galchii gaarii argatanii ture.
Inter Miileen Erlingi Haalaandi akka galchii hin lakkoofsisne gochuu danda’anis, haleellaa Roodirii fageenyarraa itti ergamte ofirraa deebisuu hin dandeenye.
Taphattootni Ispeen xumura waancaa liigota Awurooppaa irratti lakkoofsisuun taphattoota biyyoota kamiiyyuu caalu.
Bara 2021 xumura Waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabuun Cheelsiidhaan mo'amee kan dhabe Maan Siitiin bara kana milkeessuu danda'eera.
Maanchister Siitiin Shaampiyoonaa Ingilizii fi Awurooppaa tahuun seenaa haaraa galmeessuun bara dorgommii kana xumure.
Kun Pep Gaardiyoolaaf erga Baarseloonaa waliin bara 2011 waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atanii, isa jalqabaa tahuu isaati. Kilabichaaf ammoo erga hundeeffameeyyuu waancaa Shaampiyoonsi Liigii jalqabaa isaati.
Peep Gaardiyoolaan Maan Siitii waliin waggoota jaha keessatti waancaa Piriimer Liigii shan mo'ataniiru.
Maanchister Siitiin bara dorgommii tokkotti waancaa Piriimer Liigii, FA Cup fi Shaampiyoonsi Liigii mo'achuun Maanchister Yuunaayitiditti aanuun kilaba Ingilizii lammaffaa tahe.
Maanchister Yuunaayitid bara 1999 waancaa sadan injifachuun kilaba Ingiliz jalqabaa yoo tahu, magaaluma Maanchister keessaa har'a gareen Pep Gaardiyoolaas seenaa kana irra deebiin hojjetan.
Maan Yuunaayitid kilaba biyya Jarman Baayern Munik injifachuun seenicha galmeesse. Maan Siitii ammoo kilaba Xaaliyaanii irratti olaantummaa kana argate.
Kun kileboota Xaaliyaaniif gadda dachaadha. Torban dura Roomaan xumura waancaa Awurooppaa Liigiif gahuun, Siiviyaadhaan mo'amee waancaa dhabe.
Guyyaa lama dura kilabni Xaaliyaanii biraa Fiyoorentiinaan West Haamiin mo'amuun waancaa Konfirensii Awurooppaa jedhamu dhabe.