Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jarman galma Dhuga-Baatota Yihoowaa keessatti dhukaasa banameen namoonni hedduu ajjeefaman
Kaaba Jarman magaala Hamburg keessatti galma Dhuga-Baatota Yihoowaa keessatti dhukaasa banameen namoonni hedduu du'an.
Poolisiin akka jedhetti namni dhuunfaa tokko galma waaqeffannaatti seenuun dhukaasa baneeni lubbuun namootaa kan darbe.
Namni dhukaasa banee ajjeechaa raawwate du'uun akka hin oolletu himame.
Miidiyaalen biyyattii akka gabaasanitti haleellaa galma Dhuga-Baatota Yihoowaa keessatti raawwateen namoonni jahaa hanga torbaa kan du'an yoo ta'u hedduus madaa'an.
Kaayyoon ajjeechaa kanaa maal akka ta'e hin baramne jedhe poolisiin.
Poolisiin bakkichatti nama du'e kan haleellaa raawwachuu hin oolle jedhees arguu himuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu hime.
Poolisoonni waamamanii galma waaqeffannaa yoo gahan namoota du'aniifi kaan isaanii baay'ee miidhaman akka arge dubbate oduu himaa poolisii kan ta'an Holger Vehren.
"Eenyummaa namoota du'aniifi miidhamanii adda hin baafne. Bakka haaleellaan raawwatetti qorannoon gaggeeffamaa jira," jedhan.
Itti dabaluunis, "Wanti nuti beeknu namoonni hedduu asitti du'uufi miidhamuudha, namoonni kun hospitaalatti geeffamaniiru" jechuun ibse.
Haleellaa dhukaasaa kana duuba kaayyoon maalii akka jiru "guutummaatti ifa miti."
Yeroo haleellaan kun raawwate karaa appilikeeshiniii 'NINAwarn' jedhamuu "namni tokko ykn namoonni lama waldaa keessatti namoota irratti dhukaasa banan" odeeffannoon jedhu poolisii bira gahe.
Senaatarri Jarman Andii Giroot poolisiin humna addaa hedduu bakkichatti ramaduun oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu fuula Tiwiitara isaanii irratti barreessan.
Dhuga-Baatonni Yihoowaa walakkeessa jaarraa 19ffaa booda Ameerikaatti nama Chaarlas Teez Raasil jedhamuun kan hundeeffame yoo ta'u, biiroon muummee mana amantichaa Niwu Yoorkitti argama.