Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baqataa waraqaa eenyummaa jalaa bade waggaa 12 booda argate
- Barreessaa, Toomaas Naadi
- Gahee, Gaazexeessaa BBC
Borsaa kiisii (waaletiin) gogaa, halluu gurrachaa kan odola Xaaliyaan Lampedusa’tti argame Gaanaa irraa km3,500 imaluun asitti kan gatame fakkaata.
Waaleetii kana yemmuun banu suuraa fuula Richaard Opukoo waraqaa eeyyama konkolaachisaasaarra jirun jalqaba arge.
Namootni kumaatamaan lakka’aaman Kaaba Afrikaa irra gara Lampedusaa galuuf jecha Galaana Mediitaraaniyaanii irratti lubbuu isaanii balaaf saaxilan, akkuma waaleetii kanaa mi’oota isaanii dhuunfaa boodatti gataniiru.
Mi’ooti akkanaa bara 2009 keessa gartuulee tola-ooltotaan sassabamanii kutaa buufata doonii odolaa kana keessatti argamu keessa jiru.
Waaleetiin Richaardis kanneen keessaa tokkodha.
Richaard Opokuu maaltu mudate?
Awurooppaarra odolli Afrikaatti dhiyaattu, Lampedusaan, godaantotaa fi baqattoota jireenya haaraa fedhaniif yeroo dheeraaf bakka ga’umsaa taatee turteetti.
Waggootii hedduuf, namootni kumaatamaan lakkaa’aman Awurooppaa seenuuf jecha lubbuu isaanii balaaf saaxilaniiru.
Bara 2014 as, namootni Galaana Mediteraaniyaa irratti lubbuun isaanii darbee fi achi buuteen isaanii dhabame 20,000 ol ta’u.
Tarii garuu Richaard kanneen lubbuun oolanii ta’uu mala jedhee yaadeen, isa argachuuf gara Gaanaattin imale.
Jalqaba irratti magaalaa namootni hedduun biyyatti irraa godaanan kan taate, Biroong Ahafoottin imale.
Tarii namootni magaalaa kana keessatti yeroo imala ofiirra jiran Richaardiin wal argan ykn baran jiraachuu malu jedheen yaade. Garuu hin milkoofne.
Magaalaa guddittii Gaanaa, Akraa keessatti odeeffanno namicha kana argachuuf jecha yaalaa ture sababa qajeelfamaa fi seerota adda addaan gufuun na mudachaa.
Ji’ootaan booda dhuma irratti nan milkaa’e.
Tajaajila Godaantotaa Gaanaatti, qondaala wiirtuu Ogummaa Ragaalee Sobaa kan ta’e Firaank Aprontii, lakkoofsa bilbila maatii abbaa waraqaa eeyyama konkolaachisummaa kanaa argachuu danda’e.
Bilbila obboleetti Richaard ture. Yemmuun isheef bilbilu obboleessa isaa waliin na qunnamsiistee, innis Richard ammayyuu akka lubbuun jiruu fi Jarmanii keessa akka jiraachaa jiru natti hime.
Richaardiif bilbilee, waraqaa eeyyama konkolaachisaa isaa Lampedusaa keessatti akkan argadhe yemmuun itti himu, ni rifate.
Waraqaan isaa kun bara 2011 keessa jalaa badee, tasa deebi’ee nan argadha jedhee hin yaadne. Akkan waraqaa kana qabuyyu hanga suuraa kaasee ergufitti hin amanne ture.
Dhumarratti Richaardiin wal arguuf jecha gara Jarmaniittin imale.
Richaard , umurii ganna 40, amma hojjetaa konkolaachisaa forkiliiftii ta’ee, Kaaba Jarmanii, magaalaa Bireeman jedhamu keessa, appaartiimaniitii xiqqaa kutaa ciisichaa tokko qabdu keessa jiraata.
Gaanaa keessa yemmuu jiraachaa turetti Richaard, imala isaaf maallaqa walitti qabachuuf jecha hojii albuuda baasuu seeraan ala ta’ee hojjecha ture. Albuuda baastonni akka isaa guyya guyyaan holqa eegumsa hin qabne, kan takka takka jiguu malu keessatti lubbuu isaanii balaaf saaxilu.
Bara 2009’tti yemmuu gara Awurooppatti imaluuf murteesse, balaa imalli kun qabaachuu danda’u beeka ture, garuu hojii inni Gaanaa keessatti hojjetu caalaa balaa hin qabaatu jedhee yaade.
Jalqaba gara biyyaa ollaa Beniin magaalaa Kootanuutti imale, achiirraa gara Naayijeriyaa, Leegositti imalee, achitti maallaqa argachuuf jecha doqdoqqeee imaltoota fe’e konkolaachisuun hojjechuu eegale.
Achirraa gara Kootanuutti deebi’ee, sanumaan gara Nijeeritti imaluun ji’oota lamaaf mana nyaataa keessa hojjete.
Ta’us imalli inni Niijeer irraa Liibiyaa seenuuf gammoojji keessa taasise qormaata isa guddaa ture. Imala kanaaf kaffaluuf, maallaqa Naayijeriyaa fi Niijer keessatti hojjechuun argate fayyadame.
Konkolaachisaan sun gammoojjii daandii hin qabne keessatti bakka deemu akkamiin beekee akka konkolaachisaa ture isa ajaa’ibsiiseera.
“Takka takka gartuu imalaa turan hin agarta, konkolaachisaa dabalatee namootni 35 du’aniiru.”
Tarii sababa dheebuun du’anii ta’uu danda’a – sirritti sababa isaa hin beeku.
“Imala kana irratti bishaan akka warqee ykn daayimandiidha. Tarii guyyaa guutuu bishaan si’a tokko ykn lama dhugda – isayyuu xiqqoomashee habbuuqqaxxa.”
Daangaa Chaad irra yemmuu ga’an, konkolaataan isaanii gartuulee yakkamtootaan dhaabsifamee, imaltoonni maallaqa fi huccuun isaanii irraa saamameera.
Riichaard maallaqa qaama isaarra dhokfatee ture saamamuu irraa olfachuu danda’era.
Ta’us garuu rakkoon isaa yemmuu Libiyaa galu hin dhaabbanne. Namootaan butamee, maallaqa gaafatame maatii kaffaluuf waan quunnamuu hin dandeenyeef, garmalee reebamee ture. Dhuma irratti, dubartiin hojjetaa manaa barbaadaa turte akka gadhiifamuuf kaffalalteefi.
Gaanaatii ba’ee waggaa lama booda bara 2011’tti, Richaard Tiripoolii irraa dooniin gara Lampedusaatti imala eegale.
Walakkaa Galaana Mediteraaniyaa yemmuu ga’an garuu, mootarri doonii isaani ni du’e. Richaardii fi imaltoonni kaan, hanga humnoota Xaaliyaaniin lubbuun isaanii baraaramutti, wanti isaan gochuu danda’an dambaliin doonii isaanii akka hin raafneef abdachuu qofa ture.
Richaard waraqaa eeyyama konkolaachisummaa isaa kan gate yemmuu Lampedusaa ga’anidha.
Jalqaba irratti kaampiitti geeffamanii sana booda gara wiirtuu godaantotaa Sisiliitti geeffame. Lammileen Gaanaa biroon Jarmaniin bakka gaarii akka ta’e waan dhaga’eef, karoorri isaa gara sanatti imaluu ture.
Ta’us garuu achuma Xaaliyaan utuu jiruu, koolu galtummaa gaafate.
“Imalli taasisne baayye hamaa ture. Si’ool [gaannama] ture.”
“Garuu manakoo [Gaanaa] abdiin hin jiru kanaaf miidhaa sirra ga’u dandeessee itti fufta.”
Richaard jireenyi Awurooppaa salphaa ta’a jedhee yaada ture, garuu akka sana hin turre jedha.
“Yeroon Afrikaa keessa ture, Awurooppaa keessatti salphaatti maallaqa argatta jedheen yaadaa ture garuu akka sana miti. Jabaattee hojjechuu qabda.”
“Biyyakootti garuu, lubbuun ooluuf karoorri hin jiru ture, kanaaf as jiraachuukootti nan gammada.”