UK'tti koolugaltoonni kuma 12 af-gaaffii malee fudhatamuuf

Yunaayitiid Kingdamiitti baqattoonni koolugaltummaa gaafatan kuma 12 yeroo jalqabaatiif osoo fuulduratti af-gaaffiin hin barbaachisiin fudhatama argachuu akka danda’an himame.

Koolugaltoonni af-gaaffii malee dhimmisaanii fudhatama argachu danda’a jedhamanis Ertiraa dabalate lammiilee biyyoota shan irra gara sana imalaniidha.

Koolugaltoonni dhimmi isaanii fudhatama argachuuf jiru kunneenis kanneen biyyoota akka Afgaanistaan, Ertiraa, Liibiyaa, Sooriyaa fi Yemen irraa Adooleessa darbe keessa iyyata dhiyeeffatan jedhameera.

Gaaffiin koolugaltummaa baqattoota kanneenii kan murtaa’u, gaaffii fuula 10 kan waajjirri Dhimma Biyya Keessaa [Home office] dhimmi kun kallattiin ilaallatu baaseen jedhameera.

Tarkaanfiin kunis waadaa Ministirri Mummee UK Riishii Sunaak lakkoofsa koolugaltootaa baay'ate furuuf seenan hordofee kan hojiirra olfamuudha.

Waajjirri Dhimma Biyya Keessaa (Home Office), kun waa’ee koolugaltoota haala salphaa ta’een dabarsuu miti, sirnichi kan lammiilee biyyoota shanii ilaallatuudha jedhan.

Iyyattoonni biyyoota shanan kanneen irraa ta’an kana duras gaaffiin koolugaltummaasaanii harki 95 ol fudhatama kan argatu akka ture waajjirichi beeksiseera.

Ta’us seenaan isaanii ni qoratama.

Akkasumas odeeffannoowwan gara biraas kan sassaabaman yoo ta’u, yeroo jalqabaatiif af-gaaffiin fulduratti taasifamu hin jiraatu jedhan aanga’oonni yoo dubbatan.

Bakka isaa koluugaltummaa gaafattoonni guca guutuu fi gaaffilee hanga 40 ta’an deebiisuu qabaatu.

Isaaniis gucicha afaan Ingiliffaatiin guutuun guyyoota 20 keessatti keessatti deebisanii galchuun kan isaan irraa eegamu yoo ta’u, yoo ta’u baate ammo Ministeerri Dhimma Biyya keessaa akka dhimma iyyatasaanii dhiisaniitti kan ilaalu ta’a jedhameera.

Ta’us qondaaltonni deebii yoo kan hin arganne ta’e, hordoffii taasisuun tokkoon tokkoon iyyataa akka ilaalamu akka taasifamu himan.