Waraana Yukireenif Puutin biyyoota Lixaa himatan, Joo Baayidan Puutin komatan

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin waraana Yukireenif biyyoota Lixaa himatanis Baayidan ammoo magaala guddoo Yukireen Kiivitti argamuun dimokiraasii biyyoota Lixaa leellisuun weerara Raashiyaaf Puutinitti quba qaban.

Torbee kun taatee ciccimaadhan eegale. Baayidan addunyaan osoo hin beekin icciitii guddaan sa'aatii 10 baaburaan imalanii Yukireen daawwatan.

Raashiyaan ammoo waggaa tokkoffaa itti Yukireen weerarte ilaalchisee Puutin ergaa uummata isaaniif dabarsan.

Haasaa Puutin kaleessa Guraandhala 21 taasisan hordofee Baayidanis Pooland, Waarsow irraa haasaa taasisuun Puutinif deebii kennan.

Puutin haasaa isaanii keessatti warri Lixaa Naazii Jarmaniitti lubbuu horuun Yukireen leellistuu Naazii "farra Raashiyaa" kan ta'e akka taatu godhan jechuun dubbatan.

Sa'aatii muraasa booda Baayidan haasaa taasisaniin, warri abbaa irree waan tokko qofa beeku: ''Lakki, lakki, lakki!" jechuu jedhan.

Haasaa Puutin qeeqan kana keessatti NATOn yoomiyyuu caalaa tokkoomee akka cime, akkasumas Kiiv cimtee dhaabbattee jiraachuufi deeggarsi biyyoota Lixaa akka irraa hin dhaabbanne dubbatan.

Pirezidantin Polaand Andiree Duudaa gama isaaniin Baayidan Yukireenitti daawwannaa taasisuun isaanii addunyaan sodaa homaatuu akka hin qabne akka agarsiisu dubbatan.

Gaheen NATO ammoo addunyaa bilisaa deeggaruufi ittisuudha; Yukireenis "waraana akana mo'achuu qabdi" jedhan.

Puutin haasaa isaanii keessatti mo'icha waraanni isaanii Yukireen keessatti agarsiisaa jiru irratti xiyyeeffachuun kan ibsan yoo ta'u waraanni kun akkamitti akka xumuramu homaa hin dubbanne.

Akkasumas pirezidant Puutin Raashiyaan walii galtee boombii nikularaa to'achuu New Start jedhamu bara 2010'tti US wajjiin waliif mallatteessan keessaa bahuu beeksisan.

Waliigalteen kun lakkoofsa boombii nikularaa kan murteessu yoo ta'u Raashiyaan walii galtee kana keessaa bahuun ishee sirrii miti jechuun NATO fi UKn murtee isaanii keessa deebi'anii akka ilaalan jechaa jiru.

Bara darbe Puutin daangaa Raashiyaan Yukireen irraa fudhatte ittisuuf barbaachisaa taanaan waan harkaa qaban hunda fayyadamuu akka malan dubbatanii turan.

Haasaa kana keessatti, "Waraanicha kan eegale isaanidha [warra Lixaa]... nuti kana ofirraa ittisuuf humna fayyadamaa jirra" jedhan.

Waraana Iraaqiifi Sarbiyaa fa'aaa fakkeenya fudhachuun biyyoota Lixaa baay'ee qeeqan Puutin.

Garuu Raashiyaan waraana waliinii Sooriyaa keessatti badii raawwaatte, biyya ollaa ishee Joorjiyaa weeraruufi Kiriimiyaa Yukireen fudhachuu ilaalchisee homaa jin jenne.

Pirezidantin Yukireen Zeleniskiin Guraandhala 21 galgala karaa TV ergaa dabarsaniin haleellaan Raashiyaa "kaayyoo waraanaa homaatuu hin qabu" inumaayyuu "shororkaa" uumuu akka ta'e dubbatan.

Humni waraana Yukireen baha biyyattii bakka waraanni cimaan itti gaggeeffamaa jirutti gootummaan lolaa akka jiranis dubbatan.