Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Waraana Yukireen kan eegale biyyoota lixaafi Yukireeni"- Puutin
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin waraana Yukireenitti gaggeeffamaa jiru kan eegale biyyoota lixaafi Yukireen mataa isheeti jechuun komatan.
Puutin kana kan jedhan haasaa haasaa har'a ergaa ummataaf dabarsuuf taasisaniini.
Haasaa kana keessatti "Yukireenifi Donbaas mallattoo sobaa ta'aniiru" kan jedhan Puutin dabaluunis biyyoonni lixaa "walii galteewwan bu'uuraa" keessaa bahaniiru jechuun komatanb.
Qabxiin ittii biyyoota lixaa komatan keessaa tokko dhimma NATOti. Biyyoonni lixaa NATO babal'isuun "nu marsuu barbaadu" jedhan Pirezidaantin Raashiyaa.
Sagantaa ergaa uummataaf dabarsuu kana irratti Ministira Ittisaa Sargee Shoyiguu, pirezidaantii Raashiyaa duraanii Dimiitirii Medvedeev, Paatiraarkii biyyattii dabalatee aangawoonni olaanon biyyattii argamaniiru.
Miidiyaalen ergamtoota biyyoota alaati jedhaman garuu sagantaa kana irratti hin affeeramin hafan.
Vilaadmir Puutin haasaa isaanii kanaan, "Irra deebi'uun barbaada: waraana kan dheebote isaani, nuti ammoo kana hambisuuf humna fayyadamaa jirra" jedhan. Manni guutun dubbii isaanii kana harka rukutee simate.
Torbee darbe kora dhimma Nageenyaa Muunik, Jarmanitti taa'ame irratti gochaa biyyoota Lixaa akka hin mul'anne gochuuf komiin baay'en Raashiyaa irratti ka'aa akka ture himan.
"Aarsan dhalli namaa kaffalu isaanif gatii hin qabu... Nama hundarraa saamufi maqaa dimokiraasifi bilisummaatin of sossobuu itti haa fufan," jedhan Puutin.
Haasaa kana keessatti, bara 1930tti Naazin akka aangoo qabatuuf "haala kan mijeesse" biyyoota Lixaa ta'uu dubbatan.
Jaarraa 19ffaa irraa kaasee warri Lixaa "Lafa seenadhan kan Raashiyaa taate" - "kan amma Yukireen jedhamtu" gargar ciruudhaf dhama'aa akka turanis kaasan.
Bara 2014ttis warraaqsa uummataa mootummaa michuu Raashiyaa ta'e aangorraa akka ka'u maallaqaan qindeessaa kan tures biyyootuma Lixaa akka ta'e kaasan Puutin haasaa har'a taasisan kanan. "Kuni ammoo jibbi Raashiyaafi finxaalesummaan hamaan akka dagaaguf karaa banes" jedhan.
Raashiyaan lola Yukireen waliin itti jirtu karaa nagaa furuu feeti
Raashiyaan waldhabdee Baha Yukireeb bulchiinsa Doonbas karaa nagaan akka xumuruuf yaalii gochaa akka turtes kaasaniiru Puutin.
Biyoonni Lixaa kutannoon isaan nagaa buusuf qaban "dogoggoraa" fi "soba adiidhan" kan guutedha jechuun dubbatan.
Haasaa kana irratti Yukireen meeshaalee waraanaa baayolojikaalafi nikularaa walitti qabaa turuus kaasan.
"Rakkoo kana karaa nagaa furuuf waan danda'ame hunda gochaa turre...duuba keenyan garuu haala adda ta'etu deemaa ture," jechuun biyyoonni lixaa daba siyaasaa hojjataa akka turan dubbatan.