Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bidiruu qarqara Tuniziyaatti dhidhimteen godaantotni 27 du'anii ykn dhabaman
Bidiruun godaantota fe'an lama qarqara galaana Tuniziyaa keessatti dhidhimanii, namootni 27 du’aniiru ykn achi buuteen isaanii dhabame.
Bidiruun jalqabaa Jimaata godaantota 37 feeteee, Tuniiziyaa irraa gara Xaaliyaanitti imala eegalte.
Namoota kunneen keessaa 17 lubbuun isaanii baraaramus, namooti 20 achi buuteen isaani dhabamuu dubbii himaan mana murtii magaalaa Sifaaksi himaniiru.
Sanbata irratti bidiruun lammaffaa erga dhidhimtee booda, reffii namoota afur qarqara galaanaatti argameera.
Lubbuun namoota 33 bidiruu lammaffaarra turanii baraaramuu fi sadii ammo achi buuteen isaanii dhabamuu, dubbi himaan kun ibsaniiru.
Dubbi himaan, Fawuuzi Masmuudi, bidiruun kun sibiila diriirfame ykn laameraa irraa akka hojjetame himaniiru.
Jalqaba Bitootessaa irraa eegalee, yoo xiqqaate bidiruuwwan walfakkaatoo Tuniziyaa irraa ka’an torba dhidhimanii, namootni 100 ta’an du’aniiru ykn achi buuteen isaanii dhabameera.
Qarqarri galaanaa Tuniziyaa yeroo hedduu akka ce’uumsaatti godaantonni fayyadaman Laampedusaa irraa km150 qofa fagaata.
Tuniziyaan Xaaliyaanitti dhiyaattee waan jirtuuf, namoota hiyyuummaa ykn hokkora baqqachuun Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa irraa jireenya foyya’aaf Awurooppaa seenaniif Liibiyaan bakka ka'umsaati.
Ji’oota sadan jalqabaa bara kanaa keessatti, godaantonni 14,000 ol ta’an - harki caalaan biyyotii Afrikaa Sahaaraa gadiirraa ta’an karaa Tuniziyaatiin Awurooppaa seenuuf utuu yaalanii qabamuu isaanii humni nageenyaa qarqara galaanaa biyyatti ibseera.
Lakkoofsi kun kan yeroo walfakkaataa bara darbee waliin yoo madaalamu harka shaniin guddata.
Lakkoofi 2023 “kan baayyee ol gaddateeruu buufataaleen ka’uumsaa waan dabalaniifi,” jechuun dubbi himaan humna waraanaa eegumsa Tuniziyaa, Hosseem Jebaabli himaniiru.
Godaantonni yeroo hedduu bidiruuwwan nageenya hin qabneen imaluuf jecha, gartuulee namoota daddabarsaniif maallaqa hedduu kaffalu.
Obbo Masmuudii balaa bidiruu lamaanii irratti qorannoon eegalamuu isaa yeroo ibsanitti, kanneen karaa seeraan alaan namoota daddabarsan to’annoo jala oolchuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Kaayyoon keenya “namoota bidiruu sibiilaa eegumsaa hin qabne garuu oomishuuf kan mukaa irraa gatii xiqqaa baasuu fayyadamuun imala kana qindeessan” barbaaduudha jedhaniiru.