Bidiruu lama qarqara Tuniziyaatti dhidhimaniin yoo xiqqaate godaantonni 29 du'an

Qarqara galaana Tuniziyaatti garaa garummaa sa'aatiiwwan muraasa keessatti bidiruuwwan lama dhidhimuu hordofee yoo xiqqaate baqatttoonni 29 du'uusaanii qondaaltoonni biyyattii himan.

Godaantoonni biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi kun galaana Meeditiraaniyaarraan irraan gara Xaaliyaanitti ce'uuf yaalaa turan.

Godaantoonni galaanaan nyaatamuun kun yeroo jalqabaatiif miti.

Guyyoota afran darbanis bidiruuwwan afur kanneen biroos dhidhimaniiru.

Godaantoonni galaanatti dhidhimuun kan dhaga'ame, Tuniziyaan godaantonni hin galmoofne biyya ishee akka hin seenne ittisuuf duula jalqabde hordofeeti.

Qondaaltoonni odola Laampedusaa sa'aatiiwwaan 24 darban keessa godaantonni 2,500 sa'aatii 24 keessatti erga naannicha qaqqabanii booda dhimmichi yaaddeessaa ta'uu beeksisan.

Ministirri Muummee Xaaliyaan Jiyoojiyaa Melonii, Awurooppaan dambalii godaantota guddaa arguuf jirtii jedhan.

Tuuniziyaan ulaa godaantonni gara Awurooppaatti ce'an keessa qaxxaamuran taate.

Gabaasni Dhaabbaata Biyyoota Gamtoomanii akka agarsiisutti, Tuuniziyaarraa ka'uun yoo xiqqaate godaantoonni 12,000 ol barana qarqara qaama galaana Xaaliyaan qaqqaban.

Yeroo darbe yeroo walfaakkatutti godaantonni Tuuniziyaarraan Xaaliyaan qaqqaban 1,300 turan.

Haata'u malee, bidiruuwwaan 80tti dhiyaatan guyyoota afran darban gara Awurooppaatti qajeelaa kan turan yoo ta'u, eegdonni daangaa Tuuniziyaa godaantoonni galaanaarraan akka hin qaxxaamurre tarkaanfii fudhachaa jiraachuu gabaasni Rooyitarsi kan agarsiise.

Rooyitars eegdonni daangaa Tuuniziyaa godaantota 3,000 ol hidhaniiru jedha.

Ji'a darbe Pireziidantiin Tuunziyaa Ka'is Sa'iid godaantoonni biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadirra dhufan yakka hedduu raawwatan jechuun qubsuma ummataa jijjiiruf deemu jedhanii himatan.

Qeeqni Ka'is Sa'iid dhiyeesse Gamtaan Afrikaa yoo qeequ, gartuulleen mirga namoomaa'' haasaa jibba sanyummaati'' jechuun balaaleffatan.

Kana qofayyuu miti, haasaan Pirezedantii Tuunziyaa kun lammilee biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi jiranitti yaaddoo uumeera.

Godaantoonni muraasni jibbi sanyummaa isaan mudatu dabalaa jiraachuu himatan.

Tuuniziyaan godaantota simachuurratti obsa dhabnaan biyyoonni akka Burkaanaafaasoo fi Giinii lammiileesaanii gara biyyasaanitti deebisaa jiru.

Waliigalteen dhaabbata faayinaansi IMF waliin taasiftu erga gufatee as dinagdeen Tuuniziyaa qorree jira.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Tuuniziyaan deeggarsa maallaqaarratti IMF waliin saffisaan waliilgaluu qabdi jedhan.