Kuufamni Baankii daldalaa Itoophiyaa birrii tiriiliyoona tokko darbuun hiika akkamii qaba?

Madda suuraa, Commercial Bank of Ethiopia
Baankiin daldalaa Itoophiyaa Guraandhala 8, 2023 hangi maallaqaa kuufatee qabu birrii tiriiliyoona tokko darbuu beeksiseera.
Pireezidantiin baankichaa obbo Abbee Saanoo tiwiitara isaanii gubbaatti baankiin isaanii yeroo jalqabaaf kuufamni maallaqaa qabu tiriiliyoona tokko caaluu ibsuun maamiltootaafi qaamolee qooda qabaniin baga gammaddan jedhan.
Sagantaa milkaahina kana kabajuuf qophaa'e irrattis baankichi waggoota afur dhufan keessatti kuufama maallaqaa kana dachaan dabaluun tiriiliyoona lamaan gahuuf akka hojjetamu ibsaniiru.
Ofii kuufamni maallaqaa baankichaa tiriiliyoona tokko gahuun baankichaaf, maamiltootaafi biyyaaf maal jechuudha?
Baankii daldalaa Itoophiyaattii daayireektara kominikeeshinii kan ta'a obbo Alsan Asaffaa, maallaqni kuufama waliigalaa baankichaa tiriiliyoona tokko gahe gabaabumatti yoo ibsamu maallaqa maamiltootni baankichaa kuusaniifi bu'aa isarraa argame jechuu akka ta'e BBC'tti himan.
''Maallaqni kuufama waliigalaa baankiin keenya tiriiliyoona tokko darbe jedhee ibse maddi isaa uummatadha. Baankiin keenya maamiltoota miiliyoona 38.9 qaba. Isaan kanarraa maallaqa walitti qabame,'' jedhan.
Baankichi baankii daldalaa ta'uu kan ibsan obbo Alsan maallqani kuufaman tiriiliyoona tokko darbe jedhamee ibsames daldala baankichi maammiltoota isaa miiliyoona 38.9 ta'an waliin godheen akka ta'e dubbatu.
Maamiltoota baankichaa keessa ammoo mootummaa dabalatee dhaabbileen misoomaa gurguddaan maallaqa biiliyoonota heedduun baankichaa liqeeffatan ni argamu.
Obbo Alsan hangi maallaqaa amma ibsame qabeenya waliigalaa baankiichaa kan tiriiliyoona tokkoofi biiliyoona dhibba lamaa ol ta'u irraa adda baasanii ilaaluun barbaachisa jedhu.
''Qabeenyi waliigalaa nuti qabnu kuufama waliigalaa keenya birrii biiliyoona dhibba lamaa fi miiliyoona dhibba shaniin caala. baayyee guddaadha.''
Milkaahinni kun maamiltoota baankichaaf maal jechuudha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga hundeeffamee waggoota 80 ol kan ta'e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, biyyattii keessatti baankii hojjettootni mootummaa miiliyoonotaan lakkaawwaman miindaa ji'aa isaanii ittiin fudhataniidha.
Barkurneewwan hedduufis damee baankiingii Itoophiyaa oolaantummaan to'atee jira.
Obbo Alsan maamiltootni baankichaa dameelee adda addaa keessa jiran akka qusatan gochuun qusannaan kun ammoo deebi'ee abbooti qabeenyaa, dhaabbilee misoomaa fi mootummaaf liqeeffatamaa guddina galmiisuu himan.
Kunis maamiltootni isaa maallaqa barbaadan hojii milkeessuu fedhaniif liqeeffachuun akka argatan hiree uumuu himan.
''Maallaqni kuufamaa kun walitti qabamee kan taa'u osoo hin taane, maamiloota keenyaaf kan liqeeffamu waan ta'eef maamiltootaaf gammachuu tokko.''
Hammi maallaqaa kuufamaa jiru dabaluun bu'uurri liqaa kennamus guddacha akka deemu sababa ta'a jechuunis ibsan.
''Abbootii qabeenyaa gurguddaa biiliyoonaan liqeeffatanii hojiilee gurguddaa hojjetan guddisuun danda'ama. Mootummaanis maamila keenyadha. Dhaabbileen gurguddaas nurraa liqii barbaadu.''
Hangi maallaqa kuufamaa kun dabaluun ''Isaan liqii guddaa nurraa argatanii biyya alaa meshaa galchuu dabalatee waan barbaadan akka milkeessan gargaara'' jedhan.

Madda suuraa, Commercial Bank of Ethiopia
'Guddina biyyaaf tumsa godhu dabala'
Hangi maallaqa kuufamaa kun dabaluun tumsa baankichi guddina biyyaa keessatti taphatu akkaan akka dabalu taasisa jedhu obbo Alsan.
''Bara kanallee birri biiliyoona 56 baasnee sanyii filatamaa fi xaa'oo biyyattii galee qonnaan bulaaf akka hiramu gooneerra. kana biraan tiraaktaraa fi kombaayinara binnee galchaa jirra'' jechuun fayidaa amma kuufamni maallaqaa tiriiliyoona tokko gahuun biyyaaf qabaatu himan.
Boba'aa biyya alaatii galu, piroojektiiwwan anniisaa maddasiisan ijaaruu, al ergii humna ibsaaf bu'uura misoomaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa bahaa akka jiranis ibsan.
''Birrii biiliyoona 150 baasuudhaan hidhni Haaromsaa sekoondii tokkoof akka hin dhaabbanne hojjechiisaa jirra.''
Qoricha, zayita nyaataa fi qamadii biyyaaf barbaachisu kan hanga olaanaan galu biyyatti akka galu maallaqa dhiyeessuun kan gargaaru baankii isaanii ta'uus himan.
Tajaajila hawaasummaa keessatti hirmaannaa godhuunis waggoota lamaan kana kuufama maallaqaa amma tiriiliyoona tokko gaherraa biiliyoona 2.6 ta'uun hawaasa bifa adda addaan gargaaruus obbo Alsan dubbataniiru.












