Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirree waraanaatti adamsuurraa hanga Masaratti simachuu Sharaa fi Puutiin falmii kaase
Pireezidaantiin yeroo Sooriyaa Ahmad Al-Sharaa pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinin Masaraa mootummaa Kiremlin Moskootti simannaan taasifamuufin waliin mari'ataniiru.
Raashiyaan michuun ishee pireezidaantiin duraanii sooriyaa Bashaar Al-Asaad akka aangoorraa hin kaafamneef loltoota isaan fincilan haleeluu hanga mootummichaaf deeggarsa cimaa gochuutti tumsitullee qabsoo hidhattootaa fi fincila ummataan baatii 10 dura aangorraa kaafamuuf dirqameera.
Al-Asaad tumsuuf loltoota garee finciltootaa yeroo sanatti Ahmad Al-Sharaan hogganaman haleeluu fi hoggnaaa isaanii hanga adamsuutti kan turtee Raashiyaan amma michuu tarsimawaa taasifachuuf walii galaniiru.
Qaamoleen waggootaaf faallaa turan akkamiin akka michoomaan irratti yaadota adda addatu ka'aa jira.
Hogganaan yeroo c'umsaa Sooriyaa kun erga bulchiinsi nootummaa Alaasad kufee baatii 10 boodaa hariiroo isaa gara michummatti naanneeffachuuf pireezdaantichi daawwannaa jalqabaa gara Moskootti taasise.
Pirezidaantiin ce'umsaa Siiriyaa Ahmed al-Sharaa Moskootti pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin wal arguunis mari'atan.
Xiinxaltootni siyaasaa tokko tokko daawwannaa kana ''seena qabeessa '' jechuun kan ibsan yoo ta'u, hedduun akkaataa kana dura ''Idlib'' keessatti xiyyaarotni Raashiyaa hidhattoota Ahmad Al-Sharaanin hogganaman irratti boombii darbataanii fi simannaa amma masaraatti taasifameef wal bira qabaa jiru.
Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa akka X irratti baay'inaan akka qoodanitti kun jechama ' siyaasa keessatti firri ykn diinni dhaabbataan hin jiru' jedhu mirkaneessa jechuun deebii kennaan.
Kaan ammoo "lakkoofsa namoota haleellaa xiyyaaraa Raashiyaan du'anii fi badiisa waggoota 14 darban bulchiinsa Asaad keessatti qaqqabe dagachuu qabna jechuu miti" jechuun yaada kennaniiru.
Puutiin ''hariiroo addaa'' biyyoota lamaan gidduu ture deebi'ee akka haaromuu qabu dubbatan.
''Waggoota kurnan darban keessatti biyyoonni keenya hariiroo addaa ijaaraniiru,'' jedhan Puutiin.
Raashiyaan Asaad dabarsitee kennuufi?
Sharaa akka jedhanitti, Sooriyaan biyyoota hunda waliin hariiroo ishee deebiftee ijaaruu akka barbbaaddu fi caalattimmoo Raashiyaa waliin cimsachuu akka barbaaddu ibsan.
"Maalummaa hariiroo kanaa karaa haaraa ta'een deebisuuf fi irra deebiin cimsuuf yaalaa jirra. Kanaaf walabummaan Sooriyaa abbaa akkasumas nagaa fi tasgabbiin naannoo ishee akka jiraatu."Raashiyaan akka deeggartu ibsan
Damasqoon Raashiyaan waraana Sooriyaa bifa haaraa deebisanii ijaaruu keessatti akka gargaartu gaafachuu isaa Rooyitars gabaaseera.
Pireezidaantichi''Raashiyaan buufata waraanaa ishee Sooriyaa keessa jiru buufata doonii galaanaa Tartohus akka itti fuftu barbaanna jedhan.
Sharaan kana akka hayyamu yaada kan dhiheessee, Sooriyaan hariiroo biyyoota lamaanii keessatti ''waliigalteewwan seenaa guddaa keessatti raawwataman hunda ni kabajji'' jechuuni.
Bara bulchiinsa isaa aangoo isaa Sooriyaa keessatti cimsuuf, daangaa ishee eeguu fi dinagdee, anniisaa fi invastimantii Raashiyaa argachuu danda'u baraaruuf gargaarsa barbaada.
Raashiyaanis meeshaalee nyaataa fi qoricha gara Sooriyaa geessuuf, akkasumas bu'uuraalee humnaa fi geejjibaa miidhaman suphuudhaaf gargaaruuf qophii ta'uu himan.
Maddeen Sooriyaa akka jedhanitti Sharaan Raashiyaan Asaad dabarsitee akka kennitu gaafatachuun, hogganaan biyyaa baqate kun yakka waraanaatiin murtiin akka isa mudatu himameera.
Raashiyaan kana irratti walii galuun ishee hin oolu jedhamaa jira
Moskoo Pirezidaantii duraanii Bashar al-Asadiif Muddee 2024 koolu galtummaa siyaasaa erga kennamee booda maatii isaanii waliin Raashiyaa keessa jiraachaa jirau.
Amma Raashiyaan dabarsitee kennitimoo hin kennitu kan jedhu irratti waanti ifatti baeekamee jiraachuu baatus miidiyaa hawaasaa ijoo dubbii ta'eera.
Hedduun Puutiin Asaad akka dabarsee dabarsee kennu fi yakka hojjateef Sooriyaa keessatti akka murtii argatu abdii qaban ibsaaa jiru