Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Qorannoon ajjeeechaa Battee osoo hin danqamiin akka raawwatu nan tumsa'- US
Ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaarratti qorannoon Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatiin gaggeefamu ''danqamuu hin qabu'' jedhe Mootummaan Ameerikaa.
Embasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ibsa gabaabaa Roobii baaseen ''ajjeechaa Batteerratti qorannoon KMNI gaggeefamu akka hin xumuramne danqaan isa mudachuun irra hin jiru'' jedhe.
Ibsi Embasii Ameerikaa kun kan bahe Kibxata Komishinichi qorannoo qaamaan magaalaa Maqii, kan ajjeechaan itti raawwatetti argamuun gaggeessaa ture danqamuu xalayaan ibsu saaxilamuu hordofeeti.
Barruun Addis Istaandard xalayaa fuula lamaa Komishinichi rakkoo isa mudate ilaalchisee waajiraalee naannoo Oromiyaaf erge argachuun gabaasa hojjetee ture.
Daayireektarri damee hordoffii fi Qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Obbo Yibeqaal Gizaaw ammoo yaada gabaabaa BBC'f kennaniin, adeemsi ragaa sassaabuu magaalaa Maqii keessatti gaggeessaa turan rakkoon waan isa mudateef achitti qorannoon gaggeessan adda cituu mirkaneessan.
Kana jechuun garuu ''qorannoon waliigalaa ajjeechaa kanarratti gaggeefamu adda citeera jechuu mitii'' jedhan.
Danqaa magaalaa Maqiitti isaan mudate fi qabiyyee xaliyachaarratti garuu odeeffannoo dabalataa kennuun adeemsa qorannoo isaanii waan miidhuuf dubbachuurraa of qusataniiru.
Embasiin Ameerikaa magaalaa Finfinneetti argamu ibsa isaa ammaa keessatti ''qorannoon hin daangeffamnee, fi guutuu ta'e akka gaggeefamu deeggarsa godhu akka ittifufu irra deebiin ibsa'' jedheera.
Mootummaan Ameerikaa ajjeefamuu Obbo Battee Urgeessa Ebla 10, 2024 dhagaahame hordofee ibsa Ebla 11, 2024 baaseen qorannoon walabaa akka gaggeefamu kan tumsu akka ta'e ibsee ture.
Ministeera Haajaa Alaa UStti Waajirri Dhimmoota Afrikaa ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaarratti qorannoon guutuu ta'e akka gaggeeffamu waamicha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa taasise akka deeggaru ibsee ture.
''Haqaa fi gaafatamummaa mirkneessuun maraamartoo badiisaa cabsuuf murteessaadha'' jedha ibsi gabaabaan waajirichaan bahee ture.
Addis Istaandard xalayaa Pirezidantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee waajiraa akka Abbaa Alangaa, Poolisii Oromiyaa fi Bulchiinsa Godinaaf ergame jedharratti, ajjeechaan kun qaamolee nageenyaa mootummaan raawwatamuu akeekeera jedha.
Komishinichi ajjeechaa kana qorachuuf gareesaa gara magaalaa Maqiitti ergee guyyoota lama booda qorannoo achitti gaggeessuu adda kutuuf dirqamuu ibsuu xalayicharraa hubachuu barruun kun ibseera.
Xalayichi ajjeechaan kun haala akkamiin qaamolee uffata dambii uufataniifi meeshaa hidhataniin akka raawwate ragaalee ijaan argan waabeffachuun katabeera.
Xalayichi ''Halkan qixxee naannoo sa'aa 6 tti namootni reenjerii uffatan, mallaayyoo diimaa kaawwataniifi meeshaa waraanaa hidhatan afur konkolaataa piikaappii abbaa gabbiinaa lamaa keessaa bu'an, duuba konkolaatichaa keessaa nama tokko buusan, nama san irra deddeebiin itti dhukaasanii deeman'' jedhaa akka gabaasa Addis Istaandard baaseetti.
Komishinichi ragaaleen isaa hidhamuufi ogeeyyiin isaan hordofamuurraa kan ka'e ragaa sassaabuuf akka rakkate xaliyaa jedhamerraatti eeramuun gabaafameera.