Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hambaa qabsoo kaleessaa, abdii siyaasa Itoophiyaa boruu umrii malee darbe'
- Barreessaa, Galaanaa Balaay
- Gahee, Qopheessaa
Namni siyaasaa moora qabsoo ABO keessatti 'ejjennoo hin raafamne, yaadaan falmuutti ija hin laafneefi qaroo dhaloota haaraa dhaabichaati' jedhamu, Obbo Battee Urgeessaa, halkan Ebla 10, 2024tti bari'u magaalaa Maqii keessatti ajjeefamee argame.
Obbo Batteen hanga ajjeefametti hooggana damee siyaasaa ABO ta'uun hojjechaa ture.
Sana dura irra deddeebiin himannaawwan shororkeessummaan manneen hidhaa keessatti dararaa argeera.
Bara 2021 keessa mana hidhaa keessatti sadarkaa lubbuusaaf yaaddessuun dhibamee ture.
Ajjeefamuusaa ji'a tokko dura gaazexessaa lammi Faransaay waliin af-gaffii osoo gaggeessaa jiruu to'atamee turtii torban tokkoo booda wabii birrii kuma 100n gadhiifame.
Ajjeechaan isaa namoota dhaaba siyaasaan gurmaa'anii akkasaa karaa nagaa qabsaa'an jilba buuseera.
Ajjeechaansaa ''kan siyaasaa malee waa biraa jedhamuuf hireen jiru xiqqaadha'' kan jedhan namootni siyaasaa BBCn dubbise, ''qabsoo karaa nagaa abdii kutachiisuudha kaayyon isaa'' jedhu.
Ajjeechaan abbaa ijoollee afurii, kanarratti raawwate, qaama walaba ta'een akka qoratamu dursee kan gaafate Komishinii Mirgota Namooma Itoophiyaati.
Sana booda mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaafi dhaabbilee idila addunyaa mirgaaf falman hedduun qorannoon walabaafi amanamaan akka gaggeefamu gaafataniiru.
Haala nageenya isaaniif rakkisaa ta'e keessa akka jiran kan ibsame Hayyu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa guyyaa Gootota Oromoo, Ebla 15 sababeeffachuun dhaamsa Zoomiin miseensota isaaniif dhaaman irratti ''wareegamni jaal Battee kan nama gubu, aariidhaan kan nama maraachu'' jedhaniiru.
Gumaacha isaa yoo yaadatan ''dirqamasaa sodaa tokko malee waltajjii hundarrattuu warra tarsiimoodhaan qabsoo kana danqan fuulduratti bahee yaadaanis, qalbiidhaanis, qaamaanis morkatee oolantummaasaa agarsiisaa darbe'' jedhan.
ABO dabalatee namootni siyaasaa ajjeechaan Obbo Battee qaamolee nageenyaa mootummaan ykn kanneen mootummaan qacareen raawwatamuu amanu. Ragaa qabanis dhiyeeessu.
Mootummaan garuu qubni itti qabamuu balaaleffatee, qorannoo akka gaggeessu ibse. Ajjeechaa isaa kan rakkoo maatii wajjin hidhata qaba jedheen walqabatees shakkamtoota 13 ta'an to'achuu ibsee ture.
Ofii Obbo Batteen eenyu?
Obbo Batteen bara 1979 Godina Shawaa Bahaa dhiyeenya magaalaa Maqii iddoo adda Boqotaa jedhamuutti abbaa isaa Obbo Urgeessaa Bulaa fi haadha isaa Aadde Godaanoo Bobaarraa dhalate.
Barnootasaa hanga kutaa shanii achuma ganda dhalootasaatti hordofe. Kutaa 5-12 magaalaa Maqiitti barate. Barnootasaa sadarka lammaffaa mana barnootaa Kaatoolikii Maqiitti xumuree qabxii olaanaa fiduun gara Yunivarsiitii Baahirdaar akka seene seenaan jireenyasaa ni hima. Bara 2005ttis barnoota Baayolojiin digirii jalqabaan eebbifame.
Obbo Batteen siyaasa keessatti hirmachuu kan eegale bara 2001 wayita barataa Yunivarsiitii Baahirdaar ture irraayi.
Sochii mormii barattootaa keessatti hirmaannaa gochaa ture. Kanarraa kan ka'e hidhamaa fi miidhamaa akka ture dhaabnisaa ibseera.
Bara 2005 erga eebbifamee booda waggoota afuriif hojii barsiisummaarratti bobba'ee koolleejjiiwwan Harraambee, Kiyaameediifi Qiddistamaariyaaf fa'a keessatti hojjechaa ture.
Obbo Batteen digirii kan biraa ogummaa fayyaafi ikonomoksiin argateera. Achiis Biizinas Adminitireeshiniin Maastarsiisaa Yunivarsiitii Arsiirraa argateera.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo ijaaruu hanga filannoorratti hirmaachuu
Obbo Batteen siyaasa keessatti hirmaachuu kan jalqabe bara barataa Yunivarsiitii Baahirdaar turedha.
Achii erga bahee garuu qabsoo ABO gaggeessu keessatti lafa jala hirmaannaa adda addaa gochaa akka ture namootni isa beekan ni dubbatu.
Keessumaa ijaarsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, kan ''sochii qeerroo'' jijjiirama bara 2018 fide, keessatti hirmaannaa guddaa qaba ture.
Waahillan qabsoo isaa akka jedhanitti Obbo Batteen Godina Shawaa Bahaa keessatti Qeerroo Bilisummaa Oromoo warra ijaruuf gaafatama fudhatan keessaa tokko.
''Daawwit Abdataa, kan ammallee mana hidhaa jiru fi kaanis waliin aanaalee Shawaa Bahaa keessatti qeerroo gurmeessaa turan. Boodas sochii godinicha keessatti godhamu hogganaa ture'' jedhu waahillisaa tokko.
Hagayya bara 2016 hiriirri mormii guddaan, ''Hiriira Guddichaa,'' kutaalee Oromiyaa keessatti wayita gaggeefamu sochii kana qindeessuuf teessoo isaa Adaamaarraa gara magaalaa Maqii imalee achittis ''reebicha hamaa irra gaheen du'eera jedhamee gatamee ture'' jechuun yaadatu waahillisaa kun.
Miidhama san hordofee waggaa tokkoof kiraanchiin sosho'aa turee jedhu.
Obbo Batteen sochiisaa siyaasaa ABO keessatti haa jalqabuyyuu malee qabsoo karaa nagaa, falmii yaadaa fi filannoo uummataan aangoo argamutti waan amanuuf miseensa Kongireesii Federaalawaa Oromoo ta'ee ture.
Filannoo biyyaalessaa bara 2010 gaggeefame irrattis isaan waliin ta'uun dorgomee akka ture dura taa'aan dhaabichaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa BBCtti himaniiru.
Jijjiiramni bara 2018 erga dhufee booda hooggansi ABO siyaasa Itoopihyaa keessatti karaa nagaa hirmaachuuf wayita deebi'u dhaabasaa duraanii kanatti deebi'eera.
Seenaa jireenyaa ABO qoode keessatti, Obbo Batteen ''bara 2018 irra eegalee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti yeroo isaa guutuu kennuudhaan dirqamoota dhaabni itti kennu bahataa, sadarkaa hooggansaatti tajaajilaa ture'' jedha.
Namootni baayyeen Obbo Batteen bara 2018 booda siyaasa Itoophiyaa keessatti saffisaan beekamtii argate, dhaabicha keessatti gulantaa hooggansaatti bahee jedhu.
ABO gama isaan Obbo Batteen wayita dhaabichi sababoota keessoofi dhiibba alaan rakkoon isa mudate fuulduratti bahee gaafatama fudhachuu ibsa.
''Sababoota adda addaan hanqina humna namaa mudateen 2020 kaasee hanga gaafa hidhamuutti Sab-quunnamtii yeroo ABO tahuun hojjetaa ture.''
Obbo Batteen Bitootessa bara 2021hanga Bitootessa bara 2022 hidha wayita turetti dhibee turuun qabamee akka malee dhukkubsatee ture.
Boqonnaa muraasa boodas hanga guyyaa ajjeefameetti damee siyaasaa dhaaba ABO hoogganaa ture.
'Dhaloota haaraa kutannoon qabsootti galeedha'
Hooggantoota siyaasaa Obbo Battee waliin dhiyeenyatti hojjetan keessaa tokko Piroofeesar Maraaraadha. Filannoo biyyoolessaa 2010 irratti ''yeroo muggutnu nu waliin muggutaa ture, filannoorratti hirmaateera'' jedhan.
''Zamana Wayyaanees nama dorgomaa turedha. Afaan guutee nu waliin ta'ee nama muggataa turedha.''
Ajjeechaan isa ''qabsoo saba inni dhaabateef hanqisuun isaa gaaffii hin qabu'' kan jedhan Piroofeesar Mararaan, ''dhaloota haaraa kutannoon qabsootti galedha'' jedhan.
Walitti qabduun Gamtaa Dhaabbilee Siyaasaa Itoophiyaa duraanii Dr Raahel Baafee waggaa sadiif walakkaa dura marii guyyoota lamaa Bishooftuutti dhaabbilee siyaasa waliin godhame irratti yeroo duraaf Obbo Battee baruu dubbatan.
''Hidhaa ji'oota dheeraa xumureeti gara walgahii keenyaa kan dhufe. Walgahiidhaan alatti teenyee mariyanneerra. Sirriitti dubbanneerra. Guyyaadhuma jalqabaayyuu sirriitti, sirriittin isa dinqisiifadhee darbe. Maaliifi ilaalchisaa ifatti hima ture''
Batteen ''nama ejjennoo hin raafamne qabu ta'uu dafeen sirriitti hubadhe'' kan jedhan Dr Raaheel, ''waayee maatiisaas wayitan isa gaafadhu sabaaba hojii paartiif wanta maatiitti hanqise haala itti naa ibse hanga ammaa qalbii kiyya keessa naanna'a. Baayyee ifadha.''
Ejjennoon siyaasaa Obbo Batteen qabatee ture ilaalcha akka malee saba Oromoof looge ta'uusaatiin ''fiixee kan qabate, ykn finxaalessa'' akka jedhaniin Dr Raaheel ni dubbatu.
Ammoo ilaalchisaanii kan inni qabateen faallaa ta'ullee iftoominasaa kanaafi haala itti ejjennoosaa ibseen dinqisiifachuu dubbatan.
Marii ilaalcha siyaasaa waloo, kan fiixee hin qabanne qabaachuurratti godhame irratti ''waliigaluuf waan isa rakkisu osoo irra hin dibiin ifatti ibsee, ejjennoon ibse gariin kan dhuunfaasaa malee kan dhaabaallee akka hin taane dubbate'' jedhu.
''Ergasii miiiyaaleerratti bahee yaadotni dubbatu ejjennoosaa gaafa sanii na yaadachiisa. Inni hin fakkeessu, ammoo yeroo dubbatu haala kamiinuu ejjennoo kee, mirgakee, kabajakee haala mufachiisuun hin dubbatu.''
Ejjennoosaa haal nama hin mufachiifneen, hin madeessineen dhiyeessa. Gama kanaan ogeessa sirriidha'' jehduun.
Kan biraa hanqina bakka buutota dhaabbilee siyaasaa kaan bira jiru isa biratti akka hin argine dubbatu.
''Rakkoon hooggantoota paartilee iftoomina dhabuudha. Akka lama jiru. yeroo walitti dhufnu wanti dubbatanii fi alatti ilaalchi adeemsisan gargari. Batteen garuu ifa(fake miti)'' jedhu.
Yaada kana waahillan qabsoo isaa kan biroos ''nama irra dibuu hin beekneefi ejjennoo hin raafamne qabuudha'' jecha jeedhuun ibsaniiru.
Mooraa qabsoo Oromoo keessatti 'madaalawaa', Warra Sabboonummaa Itoophiyaa dursu biratti 'finxaalessa'
Namoota Siyaasaa ilaalchisaanii sabummaarratti xiyyeeffachuu caala ilaalcha Itoophiyummaa waloo tokkorratti hundaa'e keessaa dura taa'aan dhaaba Hibir Itophiyaa, Obbo Gimaa Baqqalaas Obbo Battee kan baran tokkummaa dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa keessatti sochii godhuuniin akka ta'e dubbatu.
Sababa ilaalcha ifaa qabuufis walitti dhiyeenya cimaa uumanii akka turan gaabbiidhaan dubbatu.
''Yeroo mara kanin yaadadhu Battee waliin ilaalchaanis, ejjennoo siyaasaanis baayyee walirraa fagaanna, hedduus muggutna garuu Batteen garaagartummaa yaadaa kabajuurratti dandeettii olaana qaba.''
Sababa garaagartummaa yaadaa jiruun eenyuunuu nama hin mufanne, fuula hin jijjiirre, garaagartummaa yaadaatti nama amanuufi qabsoo yaadaan godhamutti nama amanu, nama siyaasaa guddaa ture'' jedhu
Obbo Girmaa irraas yaada Dr. Raaheel kaasan tokko dhageenye. Innis iftoomina inni qabuudha.
''Fudhatama siyaasaa (political correctness) jecha ejjennoofi yaada itti dhagahamu hunda ifaa fi addabaabayiitti nama dubbatuudha.''
Sababa kanaatti Obbo Girmaan ''hammayyaawuu siyaasa biyya keenyaaf gahe guddaa bahuu danda'a nama jennu dhabuu keenyan hubadha'' jedhu.
Obbo Batteen waltajjiiwwan marii siyaasaa qaamolee adda addaan qophaa'an irratti dhaabbatasaa ABO bakka bu'ee hirmaachuun haasa'aawwan taasisuun waggoota muraasa darban lammiilee hedduu biratti beekamtii argateera.
Mooraa qabsoo Oromoo keessatti akka nama dhugaafi haqa sabichaaf dhaabatee ''ilaalcha dogoggoraa warra sabboonummaa Itoophiyaa dursanii dura dhaabbateedha'' jechuun leellifama.
Tattaaffii Batteen gama kanaan godhaa tureef namoota beekamtii kennan keessaa Piroofeesar Mararaa fi Hayyu-dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa ni eeramu.
Dr. Raaheel ammoo ilaalchisaa fiixee qabatee sabboonummaa Itoophiyaaf dursa kan hin kennine ta'uusaarra kan ka'e finxaaalessa ykn kan fiixee qabate akka jedhaniin ibsaniiru.
Yaadni isaanii kun yaada namoota siyaasaa hedduu, sabboonummaa Itoophiyaa dursaniiti.
Haasaan Obbo Battee waltajjiiwwan adda addaarratti godhe fudhatamee ''finxaalessa'' jedhamee miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodamaa yeroon tures jira.
Dhimma kanarratti yaada kan kennan Obbo Girmaan ilaalchaafi ejjennoo siyaasaan Batteerraa fagoo jiraatanis ejjennoonsaa ''finxaalessa'' jedhamuun sirrii miti jedhu.
''Nama xiqqeessuuf, yaadakeetiin adda yeroo ta'u maaliif ta'e jedhanii maqaa masoo kennamaniidha. kunis siruma sirrii miti.''
''Ana waliin yaadaan fiixee adda addaarra jirra, garuu innis yaada koo ni kabaja anis yaadasaa nana kabajaaf'' jedhan.
Piroofeesar Mararaan ammoo Obbo Batteen mooraa qabsoo Oromoo keessatti ''inummaayyuu warra kaanirra nama dubbachuuf yaalu, madaala jiruus eeguuf nama tattaafatudha'' jedhu.
''Warri tokko tokko yaada isaan jaalatan dubbachuufii baannaan si himatu. Mirga Oromoos yennaa dubbattu akka isaan barbaadanitti dubbachuu baannaan sirraa baqachuu qofa osoo hin taane maqaa siballeessuutti deemu.''
Obbo Batteen qeeqni kun warra irra gahe keessaa tokko ta'us, namoota siyaasaa Oromoon ala jiran gariin birattis kabaja argachuu du'asaa booda waltajjii adda addaatti taajjabuu himaniiru.
''Boo'ichasaa wayita deemne namootni siyaasaa Oromoo hin taane baayyeen imimmaan buusanii boohaa, gaheesaa ibsuu isaanii dheengadduma ija kootiin argeera.''
Piroofeesar Isqeel Gabbisaa namoota dhuunfaan Obbo Batteetti dhiyeenya qaban ta'uu dubbataniiru.
Akka itti Battee beekan OMN gubbaatti yoo ibsan, siyaasa Itoophiyaa fi kan addunyaa hubachuuf, of gahoomsuuf kitaaba dubbisuu nama jaalatuu jedhan.
''Yeroo hedduu kitaaba akkasii naa biti jedha. Kitaabni na gaafatu ammoo waayee qabsooti' kan jedhan Piroofeesar Isqeel, ''qaroodha, nama beekaadha'' jedhan.
Ammoo bara 2022 dhibee cimaa waliin hidhaarraa wayita gadhiifame, gara Ameerika akka bahu yaaliin hedduu godhamee Viizaa dhorkamuu dubbataniiru.
Boodas Finfinnee keessatti hojjechuuf rakkattee lafa maatiisaa irratti qonna hojjechuuf murteessuu quba akka qaban himaniiru.
Qabsoo karaa nagaa fi ejjennoo Obbo Battee
Ji'oota muraasa dura hiree qabsoon karaa nagaa Itoophiyaa keessatti qabu ilaalchisee af-gaaffii BBC waliin taasiseen yeoo kamuu caala rakkoo keessa galuufi abdii garuu akka hin kunne dubbate.
''Qabsoon karaa nagaa yeroo kamiyyuu caala haala yaadessaarra jira. Garuummoo guutummaatti cufamee jira jedhee ibsuu hin danda'uu. Oromiyaa keessa haalli jiru guutummaatti cufameera jechuun danda'ma.''
Jijiirama bara 2018 dhufeen booda ''hawwiifi abdii baayyeetu ture'' kan jedhan Obbo Batteen, hawwiifi abdiin sun, waadaaleen galaman bara 2020tti dhabama ta'an'' jedhe.
Dhaabni biyya bulchu miseensota dhaabilee mormituu gariin yaada isaa akka fudhatan amansiisuun ofitti makaa, kan isa mormaan sababoota adda addaan hidhaa fi biyyarraa akka fagaatan gochuun laaffisaa jiraa kanneen jedhan jiru.
Obbo Batteen mootummaan tooftaalee kana mara fayyadamee dhaabbilee siyaasaa quucarsaa jira jedhee amanu.
Kun hundi jiraatus ''Abdii hin kutannu. Abdii kutachuufis as hin jirru. Kan abdiirraa kutannu, hiree filannoorratti hirmaatanii mootummaa uummatni filate ijaaruuti. Diddaa sirna cunqursaarratti qabnu ittuma fufna. Hamma uummatni kun jirutti diddaan kun ittuma fufa'' jedhe ture.
Waahillisaa BBCn dubbise tokko torbanoota dura hidhaarraa erga bahee qaamoleen tika mootummaa akka isa hordofan itti himuufi qaamaan isa arguun rakkoo qabaachuu akka danda'u bilbilaan itti himuu BBCtti himeera.
Obbo Batteen waggoota 14 dura gaa'ila kan dhaabbate yeroo ta'u ijoollee afuris horateera.