Ajjeefamuu Obbo Battee Urgeessaa ilaalchisuun namoonni, jaarmiyaaleen waan jechaa jiran

Qondaalli siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Battee Urgeessaa qe’ee itti dhalatan, magaalaa Maqiitti ajjeefamamiin reeffisaanii argamuu namoonni isaanitti dhiyaatan BBCtti himan.

Hiriyyaa dhiyoo Obbo Battee namni ta'aniifi kan maqaan isaanii nageenyaaf jecha akka hin eeramne gaafatan tokko BBCtti akka himanitti, Obbo Batteen kan ajjeefaman Wiixata Ebla 09, 2024, halkan waarii naannoo Oromiyaa, godina Shawaa Bahaatti kan argamtu magaalaa Maqii keessattidha.

Ajjeefamuu qondaala ABO kana hordofee jaarmiyaaleefi namoonni hedduun garmalee rifaatuu keessa seenuu miidiyaa hawaasaarratti ibsaa jiru.

Feesbuukiirrattis namoonni hedduunis suura Obbo Battee Urgeessaa pirofaayila isaanii godhachuun gadda isaanii ibsachaa jiru.

ABO, KFO

Ajjeechaa gara jabinaan miseensaafi qondaala isaarratti raawwatameen gadda guddaa keessa galuu kan ibse Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, ajjeechaan murti seeraa malee qaroo Oromoo, warra siyaasafi aadaa isaaniitiin dammaqqanii ija ta’an irratti raawwatamu gocha tooftaafi itti-gaafatama tokko malee Oromoo callisiisuudhaaf baroota dheeraatiif ta’aa turanidha jedhe.

ABO'n ibsa ajjeefamuu qondaala isaa kana ilaalchisuun baaseen, “Ajjeechaa artistii kabajamaafi jaallatamaa qaroo Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ammallee akka haaraatti osoo yaadachaa jirruu, ammas akka sabaatti du’a gaddisiisaa lubbuu Oromoo dubbii beeku, kutataafi goota dhabne,” jedheera.

“Haalli akka sabaatti keessa jirru hunda keenyaaf rakkisaa ta’us, ABOn ajjeechaa kanarratti qorannoo dabalataa ni gaggeessa,” kan jedhe ibsi kun jaarmiyaaleen mirgoota namoomaa qorannoo walabaafi haqa-qabeessa akka taasisaniifis waamicha dhiyeesseera.

'Battee qaamasaa malee fedhiisaafi kaayyoo ummataa inni dhaabbateef gonkumaa ajjeessuun hin danda'amu'

Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)s ibsa ajjeefamuu Obbo Battee Urgeessaa ilaachisuun baaseen gadda guddaa itti dhaga'ame ibsuun cimsee balaaleffateera.

Battee Urgeessaa bilisummaa ummata Oromootiif akka dubbate, hidhame, jiruufi jireenyasaa akka burjaaja’e, qaamni isaa akka miidhame ni beekama. Fedhii uummata Oromoo fiixaan baasuuf jedhee waan hin ta’iin akka hin jirre dhiyootti beekna.

Battee Urgeessaa namni guutuu jedhamu tokko uummatasaaf kan ta’uun irraa eegamu hundumaa kan raawwatedha. Dhaloota itti aanuufis fakkeenya guddaa ta’ee argameera jedha ibsi KFO kun.

Diinoti Ummata Oromoo dhaabbilee Ummata Oromoo akka Waldaa Maccaafi Tuulamaa diiganiiru kan jedhe KFOn, dhaaba siyaasaa adda duree ta’e akka ABO irratti duulaniiru; qabsaa’ota akka Battee Urgeessaa ajjeesaniiru. Haata’u malee, qabsaa’otaafi fedhii uummataa duubbatti deebisuu hin dandeenye, hin danda’anullee jedheera.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa…..

Komishanarri Olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD) toora X kan duraan Tiwiitara jedhamu gubbaatti ibsa gabaabaa baasaniin, ajjeechaa kanarratti qorannoon walabaa akka gaggeefamuuf waamicha godhaniiru.

''Qorannoon saffisaa, walabaa fi guutuu ta'e mootummaa naannoo Oromiyaafi aanga'oota mootummaa federaalaan gaggeefamee warri yakka kana raawwatan seeratti dhiyaachuu qabu,'' jedhan.

Harkuma akkamtu Battee Urgeessatti jabaatee...?

Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad ajjeefamuu Obbo Battee Urgeessaa ilaalchisuun gadda itti dhaga'ame fuula Feesbuukii isaarratti barreesseera.

Obbo Jawaar akkas jechuun gaaffiirratti gaaffiin jalqabuun yoomirraa kaasee Battee akka beekuufi nama akkamii akka ta'e ibsa.

"Harkuma akkamtu Battee Urgeessatti jabaatee halkan walakkaa hirribaa kaasee rashana? Akkamiin namni Battee beeku garaa jabaatee ija keessaa laalaa arraba qawwee harkisuu danda’ee laata? Jarana kuni maaluma jedhama amma?

Battee yoo xinnaate bara 2015 irraa kaaseen beeka. Ejjannoo siyaasaa cimaa qabaatus namas ta’ee murna kamiifuu nama hamtuu yaadu hin turre. Hagayya 2016 gaafa hiriira guddichaa qabamee akka malee reebame du’e jedhamee gatamee yeroo dheeraaf hospitaal ture.

''Sanaa asis yeroo garagaraa hidhamuun dararaan hamaan irra gahus nama haaloo qabate hin turre. Batteedhaaf kun hin malle!"

Amanuu hin dandeenye...

Namoota ajjeefamuu nama siyaasaa Battee Urgeessaa ilaalchisuun gadda isaanii fuula miidiyaa hawaasaarratti ibachaa jiran keessaa baayyeen isaanii 'amanuu hin dandeenye' jedhu.

Warra naasuun waan jedhan wallaalle jedhan keessaa tokko Habtaamuu Lamuuti.

"Bay'ee nama gaddisiisa Amanuun ni ulfaata!," jedhe fuula Feesbuukii isaarratti.

Gaazexeessaa Habtaamuu Tasfaayee ammoo akkas jechuun barreesse.

"Waan jedhu hin beeku‼️ Waanan jedhus akkattan jedhus hin beeku, garuu goonni tokko har’a ajjeefameera. Battee Urgeessaa qeyee abbbaa isaa Maqiitti galaafataniiru. Ammaaf hammanuman jedha.

''Lubbuun kee haa jannatu, akka mataa ol qabattee saba keetif mormitetti si galaafatan. Ati Gootota Oromootti makamteetta nu’i warra jiraatti du’eef mooji," jedhe.

Hayyuun siyaasaafi seeraa Dr. Tsagaayee Raggaasaa Araarsaa ammoo, "halkan rasaasa ja'aan ajjeesanii reeffa isaa akka kosiitti lafarratti kan gatan maal buufachuuf?" jechuun gaafata.

"Eenyumtillee ajjeechaa isaarraa buufachuu hin danda'u," jechuun Battee Urgeessaa ajjeesuun "siyaasa karaa nagaa ooffachuun" hin danda'amu jechuun mootummaatti quba qaba hayyuun kun.

Qondaalli Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Sulxaan Qaasim 'guyyaa gammachuutiin gadda dhagahanne' jedha.

"Biyya Itoophiyaa jedhamtu tanatti, namni sabaaf dubbatu tokkoyyuu wabii hin qabu. Har'a Jaal Battee Urgeessaa galaafatan. Oromiyaan goota tokko dhabde.

''Hedduu nama gaddisiisa, nama rifachiisa, nama dhukkubsas! Waaqni maatii fi firoottan, ummata keenyaafis jajjabina haa kennu. Maal jenna? Akka itti dubbanus hin beeknu."

Mana-maree Bakka-bu'oota Ummataa Federaalaatti miseensa kan ta'an Ustaaz Kaamiil Shamsuus gadda isaanii ibsataniiru. "Guyyaa Iidaatiin gadda akkanaa dhagahuun baayye nama guba .”Leenca keessan hin ajjeesina saree diinatu isin nyaata'' jedhan.

"Yaa Rabbii yoomuma duuti lammii keenyarraa dhaabbata laataa?" jechuun gaafatu.

Ammas qe'ee Oromootti gaddi seene!

Gaazexeessituufi hundeessituun miidiyaa Addis Standard Tsadaalee Lammaa akkuma namoota kaanii ajjeefamuun Obbo Battee Urgeessaa gadda saba Oromoo kan biraa ta'uu barreessiteetti.

Yaadashee akkasiin ibsite Aadde Tsadaaleen. "Haati warraa, ijoolleen isaa arfan, akkasumas firoottan isaa du'a isaan qofa osoo hin taane reenfa isaa barbaadunis garaan isaan madaa'e.

Batteen nama siyaasaa cimaa, beekaa fi nama falmii yaadaatti amanu, dubbisuu fi waa barachuu jaalatu. Gara jabina impaayerri borcamaan kun mormitoota siyaasa irraati sirriitti hubata, haata'u malee karaa nagaa falmachuu filate. Hanga warri ajjeesaan bara baraan afaan qabsiisanitti cichaa fi kan hin cabne ture.

''Ammas qe'ee Oromootti gaddi seene! Nagaan boqodhu Jaal Battee keenya."

Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Itti-gaafatamaa Naannoo Siingaappor, Awustiraaliyaafi Niwu Ziiland kan ta'e Injinar Taliilaa Guutamaas ajjeefamuu Obbo Batteen hedduu akka gaddeeru fuula miidiyaasaarratti katabeera.

Wanta inni gadda isaa ilaalchisuun barreesses akkas jedha.

“Dhiyoo kana naaf bilbilee, ‘Taliilaako ana Battee dha. Hojii gaarii itti jirtutti jabaadhu! Anaanimmoo xinnoo na dhukkuba. Qorichi dhibeekootiimmoo biyya ati amma jirtuu hin dhibu naan jedhanii, maaloo bitii namatti naaf ergi ykn ammoo yemmuuma biyya dhuftu naaf qabadhuu kottu!’ naan jedhe.

Itti dabalees, ‘Ameerikaatii namni naaf bitee ture garuu namatu naaf fidee dhufuu sodaate achiis nama dhufu yoo beekte harkatti naaf qabatanii akka dhufan itti naaf himi’ naan jedhe. Anis Ameerikaatii nama fideefii dhufu gaggaafannaan namni dhibe. Jennaanin deebisee akkas ittiin jedhe, ‘Waaqayyo inni ani itti amanu raawwatee si haa maaru. Dhiyootti walga’iif jecha biyya nan dhufa, biteen siif fidee dhufa hoomaa rakkoo hin qabun!’ ittiin jedhe.

Amma akka tasaa gaafan miidiyaa hawaasaa irraa du’asaa dhaga’u, wayyoo ituun qorichicha dafee biraan hin ga’in kana ta’ee jedhee baay’ee lapheenkoo na cabe; dhukkubuma nagaa dhukkubsatee du’e se’ee.

Garuu gaafa miidiyaarraa dhukkubsatee ituu hin taane harka namaan ajjeefamuusaa dubbisu, ‘keessakootu keessatti na dhiige!’ Miiran dubbachuu hin dandeenyetu natti dhaga’ame. Wantan jedhu hin beeku ani dhugaa! Maal barri badduun jireenya caalaa du’i mi’ooftu. Nu warra jiraatee du’a gootota keenyaa lakkaa’u irra isaan warra du’antu obbaafate,” jechuun gadda guddaa itti dhaga’ame ibsa.

Walumaagalatti, ajjeechaa Obbo Battee ilaalchisee namoonni dhunfaa, dhaabbilee siyaasaafi mirga namoomaa biyyattiin alatti, gama mootummaatiin hanga ammaatti wanti taatee kana ilaalchisee bakka itti ajjeeffameerraas ta'e sadarkaa naannootiin jedhame omtu hin jiru.