Aayyoo dargaggummaa hanga dullumaatti Oddoola Haroo Dambalirra qofaa jiraatan

Maqaan isaanii Aadde Kushee Gondor jedhamu. Dhalatanii kan guddatan odola (Lafa bishaaniin marfamte) Haroon Dambal qabu shan keessaa tokko kan taate oddoola ‘Tulluu Guddoo’ jedhamuun beekamtu irratti.

Oddoolli Tulluu Guddoo kun odolawwan Haroon Dambal qabu keessaa isa guddaa fi abbootiin warraa hedduun kan irra jiraatanidha.

Aadde Kusheen amma umuriinsaanii sagaltamoota keessa akka jiru himu. Erga dhalatanii hanga ammaattis lafa bishaaniin marfame sanaan alatti gara biraa jiraatanii hin beekan.

“Tulluu guddoorraa gara odola Galiilaa jedhamu kanaatti kanin dhufe heerumaan. Abbaan kiyya waggaa 15’tti na heerumsiise. Gizee sana dubarri qaaliidha. Kanaaf achii asitti na heerumsiisan. Akka ammaa kana barumsi jiraatee ifti hin jiru wanti hundi dukkana ture,” jedha kan bara saanii yoo yaadatan.

Oddoola Galiilaa kanatti erga galanii ijoollee sadii horataniin booda abbaan warraa isaanii lubbuun darbuus himu. Ergasii qofaa isaanii ijoollee isaanii guddisaa turan.

‘Lafti kennamuuf jennaan bishaan keessaa bahan’

Oddoola Galiilaa amma isaan irra jiraatan kanarra duraan abbootii warraa hedduutu jiraataa ture. Dhumarratti ammoo attamiin lafa sanatti isaan qofti akka hafan akkas jechuudhaan himu.

“Lafa kana nama baayyee taaneeti kan jiraachaa turre. Bara dargii lafti kennamuuf jennaan hundi isaaniituu bishaan kana keessaa bahanii gara lafa magaalaatti galan. Ana qofatu asitti hafe,” jedhu.

Lafa bishaaniin marfame isaan irra jiraatan kanarratti manni amantaa Ortodoksii kan argamu yoo ta’u, isaanis jaalala amantichaaf qabaniin ‘lafa kana kan na jiraachise Taabota kanaa fi waaqa’ jedhanii amanu.

Dura Ijoollee isaanii sadan waliin jiraachaa turanis erga bara 1986 as garuu ijoolleen isaanii kaan heerumanii kaan ammoo magaalaatti waan galaniif odola sana keessa guutumatti qofaa isaaniiti kan jiraachaa turan.

“Kuun osoo deemu kuun osoo deebi’uu dhumarratti ana qofatu asitti hafe. Duraan qabeenya horii, ro’oota baayyeen horeen ture bakka kanatti. Boodarra hunduu ni dhuman. Amma qarqaarsuma ijoollee kiyyaa fi warra nalaaluu dhufaniitiinan jiraadha,” jedhan yoo haala jireenysaanii ibsan.

“Barakata Taabotaa, barakata waqaatitu bakka kana na jiraachise. Taabota kana nan jaaladha bakka kanaa deemuu hin barbaadu. Guyyaa duraan oggaan humna qabu gundoofaan hodha, jirbiin foo’a ture. Guyyaa kiyya akkanattin dabarsan ture” jechuun haala jiruu keessa dhufan himu.

Lafa isaan waggoota 77 ol irra jiraatan, kana keessaa waggoota 28 guutumatti qofaa isaanii oddoola kanarra jiraatan. Lafa bishaan dambaliin marfame kanarra bineensi namas ta’e beellada miidhu hin jiru. Loonii fi re’eenis bosonuma keessa oolanii bulu.

“Namoonni na dubbisuu yookan Taabota kanaa oggaa dhufan bofa argine, jawwee argine jedhu. Galata waaqaati waggaa kana hunda as jiraadhee ana waaqni ijumaanuu natti mulisee hin beeku.

‘‘Yeroo tokko tokko hanqaaquu lukkuu caccabeen arga, isa bofatu akkas godha natti fakkaata. Kanaan ala homaa argee hin beeku,” jedhan Aadde Kusheen.

Akka isaan jedhanitti, qofaa jiraachuurra nama keessa jiraachuun filtamaadha. Haata’u malee, Aaddee Kusheen ‘‘kankoo ammoo ajaja waaqaati’’ jedhanii amanu.

Aadde Kusheen Afaanota sadii (Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Zeeyi) akka gaariitti dubbachuu dandahu.

Namoonni qurxummii baasanii fi bidiruudhaan Haroo Dambal irra namoota daawwachiisan jaalala isaaniif waan qabaniif jecha yeroo magaala deemanii wayi bitachuu barbaadanis hanga har’aatti kaffaltii malee geessanii deebisu.

Obbo Isheetuu Barreessaa ammoo ilma isaanii hangafaa yoo ta’u, amma Magaala Baatuu keessa jiraata. Haadha isaanii qofaa odolarra jiraatan gara magaalaatti fiduuf yaalii jabaa tasisulleen ‘tole hin jenne’ jedha.

“Ani dur yeroon humna qabu sanayyuu lafa kana dhiisee hin deemne amma maalifan deemaa jedhu. Yoo dandeesse asumatti deddeebi’ii nagafadhu, nagargaari jedhan. Isaan deddeebi’ee gaafachuuf jalbaa mukaa tolfaadheetin qaba,” jedhan.

Haadha isaa odola kanarra qofaa kan achitti hambise jaalala amantii isheetiif qabdudha jedhu Obbo Isheetuun.

Oddoolicharratti karoora gara fuulduraa

Fuuladurratti lafa Harmeen isaa qofaa keessa jiratan kana innis bakka bu’ee laficha jiraachuuf yaada akka qaabulleen hima.

“Lafa kanatti haati kiyyaa fi maatiin kiyya seenaa guddaa waan qabaniif bakka haati kiyya qofaashee rakkattees, beeloftees waan hunda itti dabarsitee jiraatte kana anis dhiisuu hin barbaadu. Bakki sun garaa nanyaata. Anilleen bakka sana seenaa sana ittan fufaa,” jedhan.

Oddoola Aadde Kusheen qofaa irra jiraatan kanarra sagalee shimbirrootaa fi re’eetiin ala wanti dhagahamu omtuu hin jiru. Namoonni re’ee horsiisan bidiruudhaan fidanii Odola kanarratti gadhiisanii deemu.

Lafichi olka’iisa kan qabu waan ta’eef gubbaatti olbahanii yoo ilaalan mandaroonni bishaan gama jiran fageenyarraa kan ka’e baayyee xiqqaatanii mul’atu.

Haroon Dambal kun qabeenya uumamaa daran hawwataa ta’ee, bal’ina guddaa fi Oddoolota kan qabu ta’ulleen tajaajila bashannana bidiruun alatti misoomee bu’aa buusaa hin jiru.