Weerara dhibee busaa Lixa Oromiyaatti hammaate

Weerarri dhibee busaa godinaalee Lixa Oromiyaa garagaraa keessatti mul’ate lubbuu namootaa galaafachaa akka jiru ogeeyyiin fayyaa BBC'tti himan.

Weerara kana to'achuuf bakkeewwan tokko tokkotti kemikaala biifuun eegalamuufi hawaasnis tumsa akka taasisu ogeeyyiin waamicha taasisan.

Godinaaleen Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Iluu Abbaa Boor fi Bunnoo Beddellee iddoo weerarri dhibichaa daran itti mul’ate ta’uu Ittaanaa Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Dabbabaa BBC’tti himaniiru.

Ji’oota lamaa fi walakkaa darban keessatti dhibeen busaa namoota 58,000 ol irratti argamuusaa kan BBC’tti himanimmoo Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Taammiraat Alamuudha.

Akka qondaala kanaatti, namoota dhukkubsatanii mallattoo dhukkuba busaa agarsiisuun qorannoon taasifameef keessaa 60% kan ta’an irratti dhibichi argamuu himaniiru.

Kana malees, yeroo torbee 10 darban keessatti akka godinichaatti namoonni 19 sababa dhibee kanaan lubbuun darbuu himaniiru.

“Lakkoofsi kun gabaasa dhaabbilee fayyaa irraa argamedha. Du’aatiin hin galmoofnes jiraachuu danda’a,” jedhan.

Lixi Oromiyaa bakkeewwan akka Itoophiyaatti waggoota muraasa darbaniif rakkoo nageenyaa qabudha.

Bara kana maaliif hammaate?

Weerarri dhibee busaa godinaalee Lixa Oromiyaa garagaraatti haala kana dura hin turreen mul’achuusaa ogeeyyii fayyaafi angawoonni mootummaa himu.

Godina Wallagga Bahaatti Itti Gaafatamaa Waajjira Fayyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa kan ta’an Obbo Jireenyaa Fiqaaduu, weerarri dhibee busaa haala kana dura hin baratamneen ol ka’uu himan.

“Busaan bifa hin baratamneen ganda hundumaa keessatti mul’ateera,” jedhan.

Gama biraatiin dhibichi garaagarummaa hammeentaa qabaatullee aanaalee 12 godinni Qeellam Wallaggaa qabu keessatti mul’ateera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Taammiraat Alamuu, “Dhukkubni kun akka godina keenyaatti bara kana duwwaa osoo hin ta’in waggoota afur ykn shan darban keessa yeroodhaa yerootti dabalaa jira.

''Keessattuu bara kana ammoo garmalee ol ka’eera,” jedhan.

“Sababni inni guddaan biifaan kemikaalaa farra bookee busaa ALI bara 2008 adeemsifame. Ergasii dhaabbateera. Sanarraa kan ka’e dhibichi garmalee babal’ateera,” jedhan Obbo Taammiraat.

“Dur biifaan kemikaalaa waggaa waggaan gaggeeffamaa ture. Kemikaalichi bookee ajjeesa waan ta’eef dhukkuba kana gadi qabaa ture,” jechuunis himan.

Hojiin biifaa kemikaala farra bookee busaa kun kanaan dura deeggarsa dhaabbilee gargaarsaan hojjetamaa akka ture kan himan angawaan kun, biifaan kemikaalaa qaaliifi humna namaa baay’ee kan barbaadu ta’uu himu.

Dhaabbanni miti mootummaa hojii kana godinicha keessatti hojjechaa ture achii bahu isaatiin qaawwi uumamuufi maloota ittisaa biraa irratti xiyyeeffatamuus dubbatan.

Gama biraatiin, rakkoon nageenyaa naannicha keessa jiru ogeeyyiin fayyaa akka fedhanitti socha’anii hojii ittisa dhibee kanaa akka hin hojjenneef danqaa ta’uus himaniiru.

Weerara to'achuuf waan dalagamaa jiru

Weerara dhibee busaa godinaalee Lixa Oromiyaa mudate to’achuuf akkasumas facaatii isaa ittisuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu Ittaanaa hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Dabbabaa BBC’tti himaniiru.

Yeroo ammaattis godinaalee Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa fi Bunnoo Beddellee keessa aanaalee garagaraa keessatti hojiin biiffaa kemikaala farra bookee busaa hojjetamaa jiraachuus dubbatan.

Aanaalee godina Qeellam Wallaggaa weerarichi itti hammaate torba keessatti biifaan kemikaala farra bookee busaa adeemsifamaa jiraachuu kan himan immoo Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Godina Qeellam Wallaggaa kan ta’an Obbo Taammiraat Alamuuti.

“Kemikaala biifuu jalqabnee jirra. Abbootii warraa 65,000’f manneen 95,000 biifuudhaaf karoorfannee hojjechaa jirra,” kan jedhan Obbo Taammiraat, hojiin biifaa kemikaalaa kun erga eegalee guyyoota shan lakkoofsisuus dubbataniiru.

Tarkaanfilee ittisaan cinatti kunneen dhibichaan qabamaniif wal’aansi kennamaa jiraachuu kan himan angawaan kun, rakkoon dhiyeessii qorichaa akka jirus eeran.

“Hospitaalas yaa ta’u buufanni fayyaa qoricha hamma gaafatan argachaa hin jiran. Hanqinni jira.

''Hanqinni kun maal irraa ka’a gaafa jennu dhukkubsataan iddoo hundatti baay’ataa jira waan ta’eef kanarraa kan ka’e hanqinni dhiyeessii jira,” jedhan.

Gama biraatiin “Qoricha busaa keessaa keessumaa ‘Artesunate’ kan jedhamu dhiyeessiin isaa haala gahaa ta’een hinjiru.

''Nuti ni gaafanna, garuu dhiyeessii gahaa argachaa hinjirru” kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Waajjira Fayyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa kan ta’an Obbo Jireenyaa Fiqaaduuti.

Qorichi ‘Artesunate’ jedhamu kun lilmoon kan kennamuufi dhibee busaa cimaa wal’aanuuf kan gargaarudha.

Tumsa hawaasarraa ogeeyyiin fedhan

Weerara dhibee busaa mudate kana to’achuufi tamsa’ina isaa ittisuuf ogeeyyii fayyaan cinatti hawaasniifi qaamoleen dhimmichi ilaallatu kunneen biroo tumsuu akka qaban ogeeyyiin fayyaafi angawoonni himu.

“Hawaasni keenya wanti gochuu qabu inni tokko gorsa ogeeyyii fayyaa fudhachuudha. Kana yeroo jennu agoobara qabutti haalaan fayyadamuutu irra jiraata,” jedhu Obbo Taammiraat Alamuu.

Waajjirri isaanii ALI bara 2014 fi 2015 keessa saaphana siree qoricha farra bookee busaa cuubame kuma 600 ta’u jiraattota godinichaaf raabsuu kan himan Obbo Taammiraat, saaphanni siree kun abbootii warraa godinicha keessa jiran hunda bira gahuu himan.

Haa ta’u malee “Akkaataa gorsa ogeessa fayyaatiin sirriitti fayyadamuurratti hanqinni akka jiru ilaallee jirra. Ammas itti fayyadama isaarratti manaa manatti deemamee hojjetamaa jira,” jedhan.

Gama biraatiin bishaan naannoo mana jireenyaatti kuufame walhormaata bookee busaaf haala mijataa kan uumu yemmuu ta’u, bishaan kuufame dhangalaasuun tarkaanfilee walhormaata bookee busaa ittisuun itti danda’amu keessaa isa tokko.

“Hirmaannaa uummataan hojiin bishaan kuufame dhangalaasuu bal’inaan hojjetamaa jira. Kanaanis bu’aan argamaa jira,” jedhan Obbo Tammiraat.

“Hawaasni naannoo isaatti bishaan kuufame yoo jiraate qodaa cabaa, qadaaduma haayilaandiis yaa ta’u, kuufamni bishaanii jira taanaan akka bookeen busaa akka wal hinhorreef qulqullina naannoo guyyaadhaa guyyaatti eegachuutu irra jiraata,” jedhan.

Tumsi hawaasaa irraa barbaadamu inni biraan iddoowwan biiffaan kemikaala farra bookee busaa adeemsifamutti ogeeyyiif haala mijataa uumuu akka ta’e Obbo Taammiraat dubbatu.

“Bishaan qopheessuu, mana bananii qodaa mana keessaa gadi baasanii qaama kemikaalicha biifuuf tumsa barbaachisaa ta’e gochuudha,” jedhan.

Hawaasni namoota mallattoo dhukkubichaa agarsiisan gara dhaabbilee fayyaatti geessuu akka qabu Obbo Taammiraat dhaamu.

“Namni dhukkubsatu jira taanaan mallattoon dhukkuba busaa akkuma mul’ateen mana osoo hin turin dafee dhaabbata fayyaa deemee akka yaalamu gochuudha. Gaafa turu du’atti nama geessa waan ta’eef,” jedhan.

Wal’aansi dhibee busaa dhaabbilee fayyaa mootummaatti tolaan kan kennamu akka ta’es dubbataniiru.

Kana malees qoricha ogeeyyii fayyaan kenname hunda akkaataa gorsa ogeessichaan fudhachuun akka barbaachisus himan.

Qoricha guyyoota muraasaaf fudhatanii yemmuu dhukkubichi xiqqoo itti furu qoricha adda kutuun taatee hawaasa keessatti mul’atu ta’uu kan himan angawaan kun, qoricha ajajame adda kutuun akka hin barbaachifne himaniiru.

Dabalataan, mallattoo dhukkubaa ilaalanii qoricha walharkaa fuudhanii fayyadamuunis sirrii akka hintaane himaniiru.