Guyyaan dubartoota Addunyaa maaliif kabajamaa?

Jaarraa tokkoo oliif namoonni addunyaa guutuutti guyyaa dubartoota addunyaa Bitooteessa 8 kabajaa turan.

Innis guyyaa addunyaa kan itti milkaa'ina dubartootaaf beekamtii kennuu fi kabajuu itti kennamu, akkasumas walqixxummaa saalaa fi loogii irratti hubannoo itti uumuudha.

Garuu guyyaan kun maaliif barbaachisaa ta'e?

Ofii guyyaan dubartoota addunyaa attamiin eegale?

Guyyaan Dubartoota Addunyaa (IWD) sochii dafqaan bultootaa keessaa guddate.

Jalqabbiin guyyaa kanaatis bara 1908tti yeroo dubartoonni 15,000 ta'an sa'aatiin hojii gabaabaa, kaffaltii fooyya'aa fi mirga filannoo gaafachuun magaalaa Niiw Yoork keessa hiriira bahaniitti eegale.

Waggaa tokko boodas Paartiin Soshaalistii Ameerikaa guyyaa dubartootaa biyyoolessaa isa jalqabaa labse.

Yaadni guyyicha taatee idil-addunyaa taasisuu kan dhufe Kilaaraa Zeetkin, dubartiii komunistii Jarmanii fi falmituu mirga dubartootaa turteen.

Isheenis dhimmicha bara 1910tti Konfiraansii Idil-addunyaa Dubartoota Hojjetootaa Kopenhagen keessatti gaggeeffame irratti kaafte.

Yaadni ishee kun dubartoota 100 biyyoota 17 irraa konfiraansii sanarratti argamaniin sagalee guutuun deeggarame.

Guyyaan dubartoota idil-addunyaa jalqabaas bara 1911tti, Oostiriyaa, Deenmaark, Jarmanii fi Siwiizarlaanditti kabajame.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin (UN) bara 1977tti ifatti beekamtii argate. Mata dureen jalqaba UNn (bara 1996)tti guyyaan kun ittiin kabajames "Kan darbe kabajuu, Egeeraa Karoors" kan jedhu ture.

Guyyaa dubartoota addunyaa maaliif Bitootessa 8 ta'e?

Yaadni jalqabaa Aadde Zetkin yaadannoon idil-addunyaa guyyaa murtaa'e tokkoon kan wal hin qabanne ture.

Guyyaan Bitooteessa 8 kun kan filatame erga dubartoonni Raashiyaa bara 1917tti yeroo haleellaa waraanaa raawwatameetti "daabboo fi nagaa" gaafatanii booda ture.

Mormii kun erga guyyoota afuriif raawwatame booda, tsaar aangoo gadhiisuuf dirqamuun, mootummaan yeroof ture dubartootaaf mirga filannoo kenne.

Akka kalaandarii Juuliyaan kan yeroo sana Raashiyaa keessatti itti fayyadamaa tureetti, mormiin dubartootaa Guraandhala 23 eegale.

Innis haala kaalaandarii Giriigooriyaan addunyaa baay'ee keessatti itti fayyadamnuuttiBitooteessa 8 dha.

Guyyaan kun addunyaarratti attamiin kabajamaa?

Guyyaan Dubartoota Addunyaa biyyoota hedduu keessatti ayyaana biyyoolessaati. Chaayinaa keessatti dubartoonni hedduun haaluma gorsa Manni Maree Mootummaatiin kennameen guyyaa walakkaaf hojii irraa boqonnaa akka argatan kennameef.

Hiriira, haasawa, konsartii, agarsiisaafi falmii dabalatee taateewwan kumaatamaan lakkaa'aman akka addunyaatti ni raawwatamu.

Xaaliyaanii keessatti IWDn Festa della Donna jedhamuun kan beekamu, daraaraan mimosa kennaa beekamaadha.

Raashiyaa keessatti gurgurtaan daraaraa akkaataa idileetti naannoo guyyaa dubartoota idil-addunyaatti dachaa lamaan dabala.

Bara 1984 irraa eegalee guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajaa kan turte Yugaandaa keessatt,i mootummaan waggaa waggaan mata duree adda addaa irratti xiyyeeffachuuf filata.

Biyyoota akka Sarbiyaa, Albaaniyaa, Maqedooniyaa fi Uzbeekistaan ​​dabalatee biyyoota kaan keessattis guyyaan haadholii fi IWD guyyaa tokkicharratti kabajama.

US keessatti, Bitooteessi Ji'a Seenaa Dubartootaati. Labsiin pirezidantii waggaa waggaan bahu milkaa'ina dubartoota Ameerikaa kabaja.

Haalluu diim-adiin maaliif guyyaa kana uffatama?

Halluu diimadii, magariisaa fi adiin halluu guyyaa dubartoota addunyaa akka ta'e marsariitiin guyyaa dubartoota addunyaa ni mul'isa.

Innis akkas jedha: "Diimadiin haqaa fi kabaja agarsiisa. Magariisaan abdii agarsiisa. Adiin ammoo qulqullina bakka bu'a, yaad-rimee falmisiisaa ta'us."

Halluuwwan kunneen garee Gamtaa Hawaasummaa fi Siyaasaa Dubartootaa (WSPU) jedhamun kan bara 1903 UK keessatti sagalee dubartootaaf falmuuf hundeeffameen fayyadamaa turan.

Bara 2025 mata-dureen guyyaa kanaa maaliidha?

Mata dureen UN bara 2025 "Dubartootaa fi Shamarran HUNDAAF: Mirgoota. Walqixxummaa. Angoomsuu" kan jedhu yoo ta'u, kunis dhaloonni itti aanu akka kaka'umsaatti jijjiirama waaraatiif humneessuurratti kan kaayyeffatedha.

Weebsaayitiin Guyyaa Dubartoota Addunyaa mata duree #AccelerateAction jedhu filateera.

Dhaabbatichis namoonni addunyaa maraa hashtags #IWD2025 fi #AccelerateAction jedhu akka fayyadaman jajjabeessaa jira.

Akkasumas waa'ee ayyaana barbaachisaa kana ergaa gaarii qooduun dubartootaa fi shamarran waliin tumsa agarsiisaa jira.

Duula gaggeessitoonni maaliif guyyaan dubartoota idil-addunyaa barbaachisaadha jedhanii falmu?

Qindeessitoonni akka jedhanitti, guyyaan kun walqixxummaa saalaa saffisiisuuf waamicha tarkaanfii ta'a. Kanaafuu hojiin kana caalu hojjetamuu qabaa?

Daataan sun eeyyee jedhee yaada kenna ture.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN)n jeequmsi saalaa waldhabdee waliin walqabatee mudatu dabaluu mirkaneesse. Bara 2023tti taateewwan 3,688 kan mudatan yoo ta'u, kunis kan bara 2022 irraa eegalee %50 dabaleera. Dubartoonniifi shamarran miidhamtoota keessaa %95dha.

Akka Unicef ​​jedhutti, shamarran umuriinsaanii barnootaaf gahe tilmaamaan miliyoona 119 ta'an mana barumsaa hin gallee

Gabaasni Garee Baankii Addunyaa bara 2024 akka agarsiisutti, dubartoonni mirga seeraa dhiironni argatan keessaa harka sadii keessaa lama qofa argatu.

Bara 2024tti, 'BBC 100 Women' akka gabaasetti, gara walakkaa ummata addunyaa, jechuunis namoonni biiliyoona 3.6 ta'an, bara 2024tti filannoo gurguddaa akka qaban kan gabaase yoo ta'u, waggoota 20'f baayyinni bakka bu'ummaan dubartootaa kan itti harkifateedha.

UN Women's 2024 Gender Snapshot akka agarsiisutti, dubartootaa fi shamarran hunda hiyyummaa keessaa baasuuf ammallee waggoota 137 ajaa'ibsiisaa akka fudhatu agarsiisa.

Bara 2023tti dubartoota umuriin isaanii 20-24 jidduutti argamu 5 keessaa 1 umuriin isaanii waggaa 18n duratti gaa'ela godhatetti.

Akka addunyaatti, bara 2023 keessa dubartoonniifi shamarran tilmaamaan 51,100 ta'an hiriyootasaanii dhiyoo ykn miseensota maatii biraatiin ajjeefamaniiru.

Guyyaan addunyaa dhiirotaa jiraa?

Guyyaan Dhiirota Addunyaa bara 1990moota irraa eegalee Sadaasa 19 kabajama.

Sagantaan kun UN irraa beekamtii hin qabu, garuu UK dabalatee biyyoota addunyaa 80 ol keessatti mallatteeffameera.

Guyyaan kun "gatii gaarii dhiironni addunyaaf, maatii fi hawaasa isaaniif fidan" irratti kan xiyyeeffatu ta'uu qindeessitoonni himaniiru.

Fakkeenya gaarii ta'an calaqqisiisuu, hubannoo fayyaa dhiirotaa guddisuu fi hariiroo saalaa fooyyessuuf kan akeekudha.

Waggoota dheeraaf, komoodii Riichaard Heeriing guyyaa dubartootaa idil-addunyaa hunda dhaabbata tola ooltummaa 'Riifuuji' miidhaam mana keessaa jedhamuuf paawundii kuma kudhaniin lakkaa'amu walitti qabaa ture.

Kanas karaa X, duraan kan Tiwiitara ture irratti, namoota Guyyaan Dhiirota idil-addunyaa jiraachu dhabuu isaaniitti aaraniif deebii kennuudhaan.