Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leenjisaa Gammadoo Daddafoo badhaasa kennameef 'dhamaatii keenya hin madaalu' jechuun deebisan
Leenjisaan maaratoonii atileetota Itoophiyaa Gammadoo Daddafoo badhaasa Masaraa biyyaalessaatti garee Olompikii Paarisiif kennameeratti ''badhaasichi dhaamaatii keenya hin madaalu'' jechuun badhaasa kennameef deebisan.
Leenjisaa Gammadoo Daddafoo leenjisaa atileetota akka Taammirat Tolaa fi Tigist Asaffaa yeroo ta'an gareen isaan leenjisan dorgommii maaraatoonii Paaris irratti warqee tokko, Meetii fi dippiloomaa injifateera.
Leenjisaa Gammadoon milkaahin argameef karaa pireezidant Saahilawarq Zawdee badhaasni birrii miiliyoona lama fudhachuuf gara waltajjii kan bahan fuula ifaan ture.
Badhaasa isaani erga fudhatanii booda ''yaada tokkon qaba'' jechuun ''leenjistootni hedduu dhamaaneerra, waan hedduu buufneerra'' jechuun badhaasichi akka isaan hin madaalle dubbatan.
''Kabajamoo pirezidantii keenya nuti leenjistootni hedduu dhamaaneerra, yeroo dheeraaf waan guddaa buufneerra, dhamaatii keenya hin madaalu'' jedhan.
Dabaluunis '' ani haala nama gaddisiisuun warqee fi meetii, akkasumas dippiloomaa argamsiisee, biyya kanaaf dhama'ee birriin miiliyoona lama hamma arrabsoo waan ta'eef yoon isin mufachiisuu baadhe badhaasakoo kana deebisuun barbaada'' jedhan.
Haasaa hin eegamne kana kan dubbatan leenjisaa Gammadoon badhaasa isaanii deebisanii ''kana gochuu koof wanta natti dhufu hunda nan fudhadha'' jedhan.
Pirezidantiin Itoophiyaa Sahilewarq Zawdee sirna badhaasaa masaraa mootummaatti garee atileetiksii Olompikii Paarisirratti biyya bakka bu'eef kan kennan Kibxata waaree booda ture.
Sirna badhaasaa kanarratti atileet Taammiraat Tolaa kan maaraatoonii warqee injifate birrii miiliyoona torbaafi nishaanii warqee badhaafame.
Atileetotni sadarkaa lammaffaan xumuruun meetii injifatan sadan atleet Tigist Asaffaa, Atileet Tsiggee Dhugumaa fi Atileet Barrihuu Aragaawwii ammoo birrii miliyoona afur, afur badhaafaman.