Dhaabbati qabiyyee Fesbuukii Itoophiyaa sakatta'u hojii dhaabuuf akka ta'e beeksise

Baha Afrikaatti dhaabbati qabiyyeewwan Fesbuukii sakatta’u, Sama, xumura baatii Bitootessaatti hojii isaa akka dhaabu beeksise.

Ergaa hojjettoota isaaf dabarseen sababa murtee kanarra gahe yoo ibsu rakkoo diinagdee eere.

Dhaabbati kuni yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa dabalatee qabiiyyeewwan afaanota Itoophiyaa kanneen akka Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, akkasumas Tigriffaa sakatta’aa ture.

Murteen dhaabbatichaa kuni yeroo dhaabbata Fesbuukii irratti himati dolaaraa biiliyoona 2 lammiilee Itoophiyaa lamaan baname dhagahame.

Haa ta’u malee, murteen kuni qabiiyyeewwan dubbii kakaasaniifi rakkoo nageenyaa uuman sakatta’uun ni dhaabbata miti jechuun ibse abbaan qabeenyaa Fesbuukii, Metaan.

Metaan dhaabbati Saamaa murtee isaan hojii akka dhaabu ibse.

Abbaan qabeenyaa Fesbuukii, Inistaagiraamiifi WhatsApp kan ta’e Metaan murtee kanaan ga’umsi qabiyyee sakatta’u akka hin hubamne akka taasisuus himeera.

Qabiyyeen dhaabbatichi sakatta’aa ture keessa suukaneessoo kan ta’anis jiru.

Murteen dhaabbatichaa kuni yeroo manni murtii baatii dhufu hojjetaa duraanii Saamaadhaan himata baname irratti aangoo itti ilaaluu qabaachuufi dhabuu isaarratti murteessuu dura dhagahame.

Murteen kuni baatii Guraandhala keessa beekama.

Daani’el Mootang akkaataa qabiinsa hojjettoota bu’uura gochuun dhaabbata Saamaafi Metaa irratti himata baneera.

Dhaabbati Saamaa hojjettoota isaa keessaa 3% keessumaa waajjira Naayiroobii keessa dalagan akka gaggeessuu ibse.

Kanneen Daani’el tumsaa jiran akkasumas himata rakkoo nageenyaa Itoophiyaan baname keessa kan qooda qabu dhaabbata Foxglove dha.

Akka dhaabbatichi jedhetti, Metaan tajaajila qabiyyee sakatta’u argachuuf dhaabbata biraa waliin walii galuu hin hafne.

Dhaabbati kuni Metaan hojii sakattaa qabiyyeef dhaabbilee hojjettoota ‘miidhan’ irratti akka hin hundoofnees gaafate.

Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa akkasumas kaan Fesbuukiin haasaa jibbinsaa hammeessuun himatama. Dhaabbatichi garuu ni waakkata.

Dhaabbati Fesbuukii kana dura dorgommiin cimuufi galiin xiqqaachuu eeruun hojjeettoota kuma kudhan ari’uuf akka ta’e ibseera.