Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addunyaarratti namichi tokkichi gosti isaa dhumee kophaa jiraataa ture du'e
Hawaasa ganamaa jiruu fi jireenyasaanii dur duriitti cichanii hafan keessaa hafteen gosa tokkoo-namni inni dhumaa du'e jedhan qondaaltonni Biraazil.
Namni maqaadhaan hin beekamne kun, waggoota 26 darbeef namarraa adda ba'ee dhokatee jiraataa ture.
Boolla gadi fagoo fi akka holqaatti keessa deemuuf tolu qotatee waan jiraatuuf ''nama boollaa (Man of the Hole)'' jedhaniin.
Boolla qotu kaan bineensa adamsuu fayyadama, kaan ammoo keessa da'atee jiraachuuf qotata.
Reenfi isaa gaafa Hagayya 23 siree irra rafu kan mana citaa ( mana isaa) cinaatti argamu irratti argame.
Hawaasa ganamaa Biraaziil keessa jiran keessaa gosa isaa keessaa qacceen hafe kan nama kanaa qofa ture, sanyiin isaa isa waliin hafan ja'an biroon bara 1995 ajjeefaman.
Hawaasi ganamaa kun bulchiinsa Rondooniyaa, iddoo ganamaa Tanaaruu jedhamu kan daangaa Booliiviyaatti argamu keessa jiraatu turan.
Sanyiin saba kanaa hedduunsaanii bara 1970oota keessa namoota horsiisa horii fi hojii qonnaaf lafa babal'ifataniin ajjeefaman.
Namni ''nama boollaa ( Man of the Hole'' jedhamuun beekamu kun maanguddoo umrii waggaa 60 ta'uutu tilmaamama, kan du'es dhukkubsateeti.
Qe'eesaatti seenamuun haleellaan irra ga'uu yookiin ammoo manni isaa jeeqamuuf ragaan tokkollee hin jiru.
Kanas ta'u garuu poolisiin waa'ee du'asaarratti qorannoo akka gaggeessu qondaaltonni himan.
Akka heera mootummaa Biraaziilitti hawaasni ganamaa biyyattii mirga lafa ganamaa isaanii argachuu qabu, kanaafuu namoonni lafasaanii barbaadan isaan ajjeesuun beekamu.
Namni boollaa kun nageenyasaaf jecha osoo inni hin beekin namoota ramadamaniin eegamaa ture.
Eegdota kan ramade Ejansii Dhimma Hawaasaa fi qabiyyee ganamaa Biraazil irratti hojjetu-Brazil's Indigenous Affairs Agency (Funai), jedhamu yoo ta'u, jaarmiyaan kun bara 996 irraa eegalee kana hojjetaa jira.
Bara 2018 miseensonni Funai osoo bosona keessa deemanii nama kana argachuuf carraa argatanii viidiyoo waraabanii turan.
Viidiyocharratti osoo meeshaa qottoo fakkaatu qabatee muka yaabu mul'ata.
Ergasii namuu hin argine, garuu hojjettoonni Funai manasaa citaarraa ijaaramee fi boolla inni qotee keessa galu argaa turan.
Ragaan naannawa qe'eesaatii argame akka mul'isutti namni ganamaa kun bakka jiraatutti boqqolloo, maangoo, paappayyaa fi biqiloota nyaataman biroo dhaabeera.
Biraaziil keessa gosoonni hawaasa ganamaa 240 ta'an jiru, isaan hunduu namoota albuuda baasaniin doorsifamaa, ajjeefamaa jiru.