Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dacheen akaakuu sanyii biqiltootaa nuti yaadnuun ol qabdi'-Qorannoo
- Barreessaa, Helen Briggs
- Gahee, Environment correspondent
Sanyii biqiltootaa nuti kanaan dura jiru jennee yaaduun ol Dachee kanarra jiru jedhame, garuu hedduun isaanii bosona saffisaan manca'aa jiran keessa badaa jiru. Akaakuun saanyii biqiltootaa kan kanaan dura jiru jedhamanii yaadamaniin %14 ol caalu jedha qorattoonni.
Qorannoon kan jalqabaati jedhame kun tilmaama "saayinsaawaan amanamaa" ta'e lafa kaa'eera.
Akaakuu sanyii biqiltootaa 73,300 jiru jedhamee tilmaamamuun alatti, qorattoonni sanyiin biqiltootaa 9,2000 ta'an ammallee qorannoon bahuu akka danda'an tilmaamaniiru.
Haata'u malee, sanyiin biqiltootaa darbanii darbanii malee hin argamne garri caalaan bosonawwan bakka ho'aa jiran keessatti kan argaman yoo ta'u, sababa jijjiirama haala qilleensaafi bosona manca'aa jirurraa kan ka'een saffisaan badaa jiru.
Qorannoon kun kuusaa (database) biqiltoota miliyoonota hedduu lafa bosonaa 100,000 ol ta'an guutummaa addunyaa jiran irratti hundaa'uun kan gaggeeffamedha.
Qorattoonni kunneen lakkoofsi sanyii biqiltootaa kanaan dura hin beekamiin jiraachuu tilmaamuudhaaf tooftaa qorannoo teekinika istaatistikaa fayyadaman.
Argannoo qorannoo kanaa akaakuu biqiltoota gara garaa bifa gara garaatiin jiran soorataaf, saanqaaf, akkasumas qorichaaf barbaachisan eegumsaafi kunuunsa barbaachisaa taasisuuf hojiin caalu hojjetamuu akka qabu akeeka.
Sirriitti qoratamanii adda baanaan biqiltoota qilleensa keessaa kaarbon daayioksaayidii xuuxuun jijjirama haala qilleensaa ittisuu keessattis akka gumaachan taasisuun ni danda'ama jedha qorannichi.
Yunivarsiitii Mineesotaa St Pool keessatti argamutti Dursaan qorannoo Dr. Piiter Re'iich akka jedhutti, qorannoon gaggeeffame kun uumamni gara garaa bosona addunyaarra jiru keessa jiran akka balaadhaaf saaxialaman agarsiiseera.
"Dataan keenya akaakuun qabeenya uumamaa gara garaa eessatti akka caalaa miidhamaa jiru bira gahuudhaaf nu gargaara," jechuun BBC News -tti hime.
"Kun ammoo bakka ho'a ykn gariin ho'a ta'an akka Ameerikaa Kibbaa, Afrikaa, Eeshiyaafi Oshiniiyaa, akkasumas bakka nuti akaakuu sanyii biqiltootaa beekamoofi beekamoo hin taane darbanii darbanii malee hin argamne itti argannedha.
"Bakkeewwan biqiltoonni akkasii kun heddumminaan itti argaman baruun ammoo carraaqqiiwwan kunuunsaa taasifamaniif gara fuula duraatti maaltu dursi kennamuufiif qaba isa jedhu adda baasuu akka nu gargaaru abdii qabna."
Ameerikaa Kibbaa- ardiin kun sanyii biqiltootaa baayyee "dhabaman" %43% kan qabatu yoo ta'u itti aansuun ammoo:
- Yuroo-eeshiyaa (%22)
- Afrikaa (%16)
- Ameerikaa Kaabaa (%15)
- Oshiniiyaa (%11)
Bakkeewwan akaakuun bosonawwan uumamaa gara garaa jiran fayyaalessummaa qaba, omishaanis tolaadha. Kana waan ta'eef, dinagdee addunyaaf, akkasumas badhaadhina uumamaaf waan danuu gumaacha.
Biqiltoonni garri caalan biyyoota qillensa ho'aa qaban kan mancaatiin bosonaa sababoota kanneeniin deemaa jiru keessatti argamu:
- qabiyyeen soorata nyaatamanii warra Lixaa biratti dabaluu, kunis foon horii, dhadhaa ejersaafi dubbee (soy)
- jijjiirama haala qilleensaa
- ibidda
Qorannoo kana irratti qorattoonni idil-addunyaa 140 ol ta'an qooda fudhataniiru.
Yunivarsiitii Oksifoord irraa kan ta'e Dr Yadvinder Malhii akka jedhutti bosonawwan bakkeewwan ho'aa keessa jiran "madda qabeenya uumamaa akaakuu gara garaa addunyaati", akkasumas karbon daayioksaayidii qilleensatti gadhiifamu xuuxuudhaan ho'i addunyaa akka saffisaan hin daballe godha.
"Qorannoon kun dabalataan bosonawwan bakkawwan ho'aa jiran biqiltuuwwan akaakuun isaanii addaa adda ta'an hanga duraan yaadnu caalaa akka qaban agarsiisa," jedha Dr Yadvinder.