Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaatti carraan haadholiin da'umsa irratti du'anii maaliif baay'ate?
Ameerikaan biyya dureeyyii dubartoota da’aniif mijooftuu hin taane keessaa tokko.
Hammi dubartoota du’anii yeroo weerarri koronaa hammaate 40%'n dabaluu ragaan Giddugaleessa To’annoo fi Ittisa Dhibee Ameerikaa CDC’n baase ibsa.
Bara 2021 dubartoota 100,000 keessaa 33'tu Ameerikaatti da’umsarratti du’e. Bara 2020 keessa lakkoofsi kun 23.8 ture.
Lakkoofsi dubartoota gurraachota biyyatti keessatti du’anii kan ibsamee kanarra dachaadha.
Haadholiin gurraachonni da’umsarratti du’an warreen adii waliin wayita wal bira madaalamu lakkoofsi isaanii dachaa sadiin caala jedha CDC’n.
Ameerikaan biyyoota biroo waliin wal bira yoo madaallu ammoo, lakkoofsi dubartoota da’umsa Ameerikaatti du’anii kan UK, Jarmanii fi Faransaayi dachaan caala.
Lakkoofsi dubartoota da’umsa irratti Ameerikaatti du’anii kan Ispeen, Jaappan, Xaaliyaan fi biyyoota birootti du’anii dachaa sadiin caala jedha ragaan dhiyeenya Baankii Addunyaarraa argame.
Lakkoofsi giddugaleessa haadholii da’umsarratti du’anii biyyoota 37 biroo keessatti yeroo walfakkaataa keessatti hir’ateera.
Pirofessarri mana barnoota dhimma dinagdee Landan Yowaan Kostaa-i- Font jedhaman weerarrii koronaa du’a haadholii ittu Ameerikaatti hammeesse jedhan.
Haa ta’u malee, duuti haadholi dabaluun dhimma ijoo ta'u dubbatu.
Akka isaan jedhanitti duuti haadholi Ameerikaatti bara 2021 kan garmalee dabale rakkoo weerara dhibee Covid-19, walqixummaa dhabiinsa sanyii, inshuraansii fayyaa baasii daa’umsaa haguguugu dhabuu fi gatiin inshuraansii da’umsaaf kaffalamu guddachuudha jedha.
Haa ta’u malee, biyyoota biroo kanneen akka UK fi biyyoota Awurooppaa biroo keessatti maallaqni hin kaffalamu.
Ameerikaatti garuu dolaara kumaatamaan lakkaa’amutu kaffalama.
Ameerikaatti baasin wal’aansa fayyaaf kaffalamu olaanaa ta’uu, qoqqoddaa sanyummaa fi rakkoon hawaasa- dinagdeen walqabatan hammi haadholii da’umsarratti du’anii olaanaa ta’ee akka itti fufu gumaacheera jedhu haayyuun kuni.
Dubartonni ulfi yoo Covid-19’n qabaman carraa dhukkubbiin iti jabaachuu olaanaadha.
Dubartoonni ulfi ulfaatina garmalee fi dhibee sukkaaraa qaban ammoo carraan rakkoo fayyaa walxaxaa hanga du’aaf saaxilamuu isaanii ni dabala.
Ogeeyyiin akka jedhanitti, duuti haadholii da’umsarratti mudatu harki caalu battaluma da’an, yeroo hojiitti akka deebi’an dirqisiifaman mudata.
Gurraachonni Ameerikaa kanneen hojii galii xiqqaa argamsiisurratti qacaramanii hojjatan wabii fayyaa xiqqaa qabu ykn sirumayyuu hin qaban, yeroo murtaa’e qofaaf boqonnaa da’umsaa argatu.