Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fiinlaand eeyyama boqonnaa yeroo da'uumsaa haadholiif kennamuabbaa daa'imaafis kennuufi
Mootummaan Fiinlaand haaraan maatii hundumaaf boqonnaa hojii walfakkaatu kennuuf Karoorse. Kunis abbootiinis ijoolleesaanii wajjiin yeroo dabarsan akka argatiiniif jedhameera.
Kaffaltiin bu'aa argatan eeguuf kaffalamuus waliigalatti gara ji'a 14tti guddata, kana jechuun maatii tokkoof guyyoota 164 tu eeyyamamaaf .
Biyya ollaashii Siwidiin immoo boqonnaa hojii maatii warroomaniif kennuun biyya arjaadha jedhamti. Guyyoota 240 warra daa'ima horateef kan kenniti.
Fiinlaand akka ibsitetti ' fayyummaa walqixxummaa jajjabeessuufi.'
Ministirri Dhimma Fayyaa fi Hawaasummaa biyyatti Ayinoo Kaayisaa Peekonii foyya'insi bu'aa maatiin argachuu qabanii kun hariiroo maatii gidduutti jabeessuuf eegalame jedhan.
Sirna Fiinlaand amma qabduun boqonnaan da'uumsaaf kennamu ji'a 4.2 jedhame.
Abbaaan daa'imaas garuu boqonnaa ji'a 2.2 argata, amma daa'imni isaa ganna lama guututti.
Hundaan ol ji'oota ja'a boqonnaa namoota warroomaniif kennamu addaan qooddatu.
Giddugaleessaan abbooti warraa afur keessaa tokko qofaatu eeyyama kenname kana gaafata. Boqonnaa haaraa fudhachuuf nan boqodha jedhanii himachuun qofti gahaadha.
Maatiin hundi ji'a 6.6 ( guyyoota 164) sirna haaraa biyyattiin baaste keessatti argatu. Dubartiin ulfi kaffaltii ji'aa dabalataan argatti jedha.
Guyyoota boqonnaaf eeyyamameef keessaa guyyota 69 yeroo biraatti dabarfachuun eeyyamameefi jira. Namni abbaa ykn haadha malee daa'ima qophaan guddisan boqonnaa kana ni argatu.