Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arteettaan Eezzee bakka kamirra taphachiisa, waancaaf isaan gargaaraa?
Deeggartoonni Arsenaal jijjiirraa taphattootaa kaan taasifaman caalaa yeroo kan Eezzee dhagahaman guddaa gammadan.
Osoo dorgommiin Piriimer Liigii hin jalqabiiniyyuu taphattoota jaha paawondii miliyoona 190 tahuun mallatteesisaniiru.
Viktar Giyookres fi Maartin Zuubimandiin isaan gammachuu uuman turan. Maduweekeen mallatteessuu mormii kaaseera.
Gammachuu guddaa deeggartootaaf kan kenne garuu erga Tootenhaam Ebereche Eezzee waliin waliigaltee irra gahee Arsenaal bilbila si'a takkaan harka galfachuu isaati.
Arsenaal akkamiin Tootenhaamiin mo'atee Eezzee fudhate?
Waliigaltichi sa'aatii muraasa keessatti xumurame. Roobii ganama Eezzeen gara Kaaba Landanitti imala jedhamee jala murameera. Tootenhaam galuuf.
Garuu Kiristaal Paalaas yeroo jalqabaaf dorgommii Awurooppaatti waan deebi'eef, tapha Kamisaa kilaba Fireedriktad jedhamu waliin qaban irratti akka taphatuuf waliigalticha Tootenhaam waliin osoo hin xumuriin tursiisan.
Leenjisaan Paalaas Gilaaziner Maark Geehii fi Eezzeen tapha Kirsitaal Paalaas Konfireensii Awurooppaa irratti qabuuf qophiidha jedhanii ture.
Maark Gehii Liiverpuulii fi Niwkaasiliin barbaadamaa jira. Eezzeen garuu taphichuma irratti hirmaatee gara Tootenhaam deemuuf ture.
Tootenhaam wlaiin waliigalteerra haa gahaniyyuu malee Eezzeen bakka bu'oota isaatti ammayyuu onneenkoo Arsenaal irra jirti jedhee ture.
Kileba ijoollummaa isaatti hin barbaadamtu jedhee isa gaggeessedha Arsenaal. Inni garuu jaalala guddaa qabaafii ture.
Kana gidduutti ture Kaayi Haaverti yeroo dheeraaf miidhamuun kan dhagahame. Arsenaal akkuma kana mirkaneessaniin osoo hin buliin Eezzeef bilbilanii akka Tootenhaam waliin hin mallatteessine itti himan.
Maallaqa Kiristaal Paalaasiif dabalanii dhiyeessan. Silumaa Eezzeen ijisaa gara Arsenaal ilaalaa ture.
Eezzeen tapha Kiristaal Paalaas irrattis hin hirmaanne. Leenjisaa isaaf bilbilee na dhukkuba jechuun irraa hafe. Qorannoo medikaalaaf of eeggannoo gochuuf jedheeti kan jedhnais jiru.
Eezzeen akkaadaamii Arsenaal keessaa kan baafame yeroo umuriin isaa waggaa 13 tahe ture.
Arsenaal keessatti lakkoofsa kam taphata?
Gaaffii guddaan amma Arteettaan lakkoofsa kam irratti Eezzee fayyadama isa jedhudha.
Taphatichi dirree keessatti yeroo taphatu daawwachuuf kan namatti toludha.
Arsenaal yeroo gareen ittisa jabaa irratti hundaa'e isa mudatu cabsee darbuuf rakkata.
Eezzeen ammoo bakka qullaa xiqqoo keessatti kubba miidhagaa taphachuu danda'a. Garee fallaa cufee taphatu akka akrra isaanii bananiif taphataa dhiibbaa uumuu danda'udha.
Sarara irraan cabsanii darbuun waan rakkisuuf Arsenaal kubba gara fuula duraatti irra caalaa kan dabarsu sarara cinaa lamaan irra taphachuudhaani.
Odeegaardi taphataa jabaa tahus Arteettaan filannoo biraa fi akkaataa taphaa haaraa biraa akka hordofuuf Eezzeen carraa kennaafii.
Etaan Naawaneeriin kilebicha keessa turuuf kontiraata yeroo dheeraa mallatteesseera. Odeegaardis jira. Lakkoofsa 10 Eezzen taphachuu jaalatu irra dorgommiin cima.
Tahus, Arteettaan Eezzee kan barbaadeef bakka Maartineelii taphachiisuuf akka tahe himama. Haaverti bakka sanarra taphachiisuuf barbaada ture.
Amma Eezzeen cinaa karaa bitaa fuula dura irra taphachuu waan danda'uuf filannoo gaarii Arteettaaf kenna.
Eezzeen kubba qabatee taphattoota faallaa darbuu waan danda'uuf akkasumas kubba inni dabarsee kennu qixa isaanii kan eeggatan waan taheef Giyookeresiif bakka qullaa bal'aa banuu danda'a.
Arteettaan taaktika taphaa 4-4-2 kan hordofu yoo tahe Odeegardi waliin lakkoofsa 10 taphachuu danda'u. Kun tapha sirriitti jifachuuf humna dabalataa isaan barbaadu irratti baay'ee mijataa taha.
Eezzeen kubba miidhaksee kan taphatuuf akka deeggartoonni gammadanii bashannaniif akka tahe dubbateera.
Erga QPR irraa Kiristaal Paalaas galee taphoota 169 irratti galchii 40 lakkoofsisuun kubba 28 ammoo galchiif mijeessee kenneera.
Paalaas keessatti kutaa uffannaa taphattootaa keessatti qofa osoo hin taane deeggartoota biratti hedduu jaalatama.
Deeggartoota Arsenaal ammumayyu mo'ateera. Sababni isaa ammoo masaanuu isaanii kan tahe Tootenhaamiin hin barbaadu jedhee Arsenaal filachuu caalaa maaltu isaan gammachiisa?
Paalas waliin waancaa Komunitii Shiidii fi FA mo'ateera.