Hojjattoota attamiitu bakka hojii keenya jeeqaa?

Namoota waajjira keessa jira

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni karaa imeeliitiinis ta’e qaamaan bakka hojii keenyaa jeeqan hin dhabaman. Amala isaanii keessaas dubbiin nama tuquu, ilaalcha gaarii hin taane qabaachuufi hojii gufachiisuun beekamu.

Tokko tokkos osoo ifatti nama hin loliin ykn osoo nama hin arrabsiin haalaan nama tuquu danda’u.

Namoonni amala akkasii qabanis afaan Ingiliiziitiin passive -aggressive jedhamu. Akka namoota keessoon nama miidhan jechuuti.

Oggeessoonni qor-qalbii akka jedhaniitti, sababii namoota akkasiitiin bakki hojii ni jeeqama.

Kaatiriin wayita dhaabbata maxxansaa guddaa Ameeriikaa tokko keessa hojjattutti kan ishee mudate hin dagattu.

Yaada namni waliin hojjatan kan amala karaa keessoon nama miidhuu tokko kennuun Kaatriinii fi hiriyoonni waliin hojjatan mufataa oolu.

Haasaa nama kanaas erga galmeessuu eegalteen booda ture waliigalatti hangam akka miidhaa qabu ta’uu kan hubatte.

‘‘Haasaan isaa hanga meeshaa qara qabuun waraanamuutti nama dhukkuba. Biiroo keessa miira dhiphinaatu namarra buufata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka dadhabbiin natti dhagahamu na taasisa ture. Ergan haasaa isaa galmeessuu eegaleen booda garuu waan kanarraa of ittisuu akkan qabu naaf gale’’ jechuun haala keessa turte yaadatti.

Kaatiriin amma barreessituufi barsiistuu mala jireenyaati. Ijoollee sadis godhateetti.

Haaluma walfakkaatun dhaabbanni Boostan ‘Piriiplay’ jedhamu tokkos gochaa keessoon nama tuquu kanarratti qorannoo gaggeesseera.

Qorannoo bara 2022tti hojjatame kanarrattis namoonni 1,200 kan hirmaatan yoo ta’u, irra jiraan isaanis namoonni amala akkasii akka isaan agarsiisan dubbatan.

Siriiyyuu parsantaan 73 kan ta’an maatii ykn hiriyoota akkasii akka qaban amananiiru. Kanneen parsantaa 52 ta’an ammoo namoota akkasii waliin torban torbaniin wal ni argu.

Namoonni keessoodhaan nama waraanan kunneen kallattiin waan hin taaneef jecha isaa waliin ta’un baayyee rakkisaadha.

Kallattiidhaan dubbachuu dhabuun ykn baasanii waan nama hin arrabsineef caalaa haalicha wal xaxaa taasisa.

Hiikaan haasaa isaanii duuba jiru namoota waan jeequuf, miidhaan namarra gahu kallattiin ta’uu dhabuunis rakkoo biraa.

Namoota akkas bakka hojii rakkisoo taasisan mo’achuun danda’amaa?

Attamiin of ittisuun danda’amaa?

Pirofessarri mana barnootaa biyya Ayirlaandi Dabiliin Tiriiniitii Bizinas keessatti barsiisaa ta’an, Waaldiislaawu Riivaakiin akka jedhaniitti, namoonni karaa harka lafa jalaatiin nama miidhan gosa adda addaatu jira.

Tokko tokkos kan miidhan hin fakkatan. Fakkeenyaaf, erga nama jechaan midhanii booda dhugaa jalliisuudhaan waan ta’e sanaaf nama biraa itti gaafatamaa taasisu.

Haasaa waahillan hojiisaanii miira ofitti amanamummaa hin qabaanne taasisan dubbatu ykn ni tuffatu.

Haasaa “Si mufashiisuu barbaaduu baadhulleen’’ ykn “hammeenyatti na hin fudhatiiniitii'' jedhuun beekamu.

Kanaaf namoota kallattiidhaa wal loluun to’atamu caalaa namoota keessoon nama waraanan to’achuun rakkisaa ta’uu dubbatu oggeessonni. 

Tilmaamni jiru tokko, namoonni bakka barbaadan akka gahaniif waliin dhahu yoo filatan, amalli akkasii kun umamuun waan hin oolledha.

Fedhiin karaa gabaabaa ta’een faayidaa argachuu barbaaduu Machiavellianism jedhama.

Tilmaamni gara biraa ammoo, miirri kun namoota miirasaanii karaa nagaatiin ibfachuu hin dandeenye irratti mul’achusaati.

Wayita dhimmoonni karaa hin taaneen raawwataman aariin uumamu, kanneen akka harka lafa jalaatiin namoota miidhan isaan taasisuu danda’a.

Duraan damee tajaajila maamiltootaa irra hojjataa kan turte Maariyaan hojii kan dhiifte sababii amala hoggaanaa ishee amala akkasii qabuun ta’uu dubbatti.

Itti gaafatamaan ishee qoosaa fakkeessuun waa’ee ejjannaa qaama Maariyaa, waa’ee jireenya quunnamtii saalaasheefi dhimmoota dhunfaa ishee kan biraa irratti yaada kennaa ture.

Inni walgahiirratti, karaa ergaa gabaabaa, bakka laaqanaa, karaa imeelii fa’iin hojjattoota dubbiin tuqaa ture.

‘‘Bakka sana kanan gadhiise haamileen koo dadhabeeti. Ofitti amanamummaan koo gadi bu’ee ture‘‘ jetti. Qulqullinni hojii hojjataan hojjatuulleen gadi bu’a.

Miidhaa harka lafa jalaa ittisuun danda’amaa?

Yeroo tokko tokko jechi namoota dubbiin nama tuqanii akka qosaatti darbamuu danda’ama. Haasaa akkasii haala salphaatiin adda baasuun ni rakkisa ta’a.

Oggeettiin ogummaa jireenyaa Niiw Yoork keessa jiraattu Amaandaa Ogastiin akka jettutti, dubbiin dachaa dafanii baruuf baayyee waan nama rakkisuuf, waajiraaleen amala akkasii to’achuuf ni rakkatu.

‘‘Namoota haasaa akkasiin beekaman yoo fuldura dhaabbatan ‘qoosaafan jedhe’’ ykn hammeenyaaf miti jedhu. Siriiyyuu isaanii miidhamoo malee kan miidhaa geessisan akka hin taanetti mormuu danda’u.

Namoonni akkasii kaayyoonsaanii inni duraa waahillan isaanii aarsuudha.

‘‘Isin garuu miira keessan to’achuun dabarfadhaa. Waan barbaadan yoo raawwatanis deebii miiraan hin kenniinaaf’’ jechuun gorsiti Ogastiin.

Kana yoo jedhamus tasgabbiin haala akkasii keessatti salphaa akka hin taate kaafti.

Wayita kanattis gochaan isaanii ykn haasaa isaan dubbataniin alattis attamiin akka dhiibbaa taasisu irratti raga qabaachuun dirqama ta’a.

Kana ta’uu baannaan gochaasaanii haaluudhaaf ni salphaataaf. Kanaaf barreeffachuun raga qabaachuun baayyee barbaachisaa ta’a.

Hojjechiistonni attamiin amala namootaa adda baasuun akka danda’amuufi rakkinichi attamiin akka hir’ifamurratti leenjii of eeggannoo dursaa kennuun baayyee gaariidha.

Waajjiiris namoota amala akkasii qaban fageessuuf kutannoo qabaachutu irraa eegama.

Akkas yoo hin taane, hojjattoonni ofiisaanii ittisuuf yaalii taasisuun dirqama itti ta’a. Fakkeenyaaf Kaatriin kana jalqabarratti eerree, haala akkasii keessaa bilisa kan of baafte fuldura dhaabbachuun ture.

Adeemsichi garuu salphaa hin turre. Hojii shee dhabuun alattis miira bakka hojiisheetti itti umameen, waggootaaf rakataa turte.