Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Itoophiyaa fi biyyoota Afriikaa kaan irraa maal barbaaddi?
Daawwannaa hojii guyyoota jahaaf aanga'oota biyyoota Afrikaa afur waliin kan mariyatan Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov Finfinneetti gita isaanii Obbo Dammaqaa Mokonniin waliin ibsa kennaniin hariiroo Isaanii daran akka cimsan himaniiru.
Itti aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Háajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonniin ibsa isaanii keessatti gita isaanii Raashiyaa waliin mariin taasisan ''akkaan firii qabeessa ture'' himan.
''Raashiyaan akka amma duraa qajeeltoofi haqa irratti hundaa'uun deeggarsa Itoophiyaaf gootu itti fufuu ni dinqisiifanna. Kana jajjabeessuun akka barbaachisu mariyanneerra.'' jedhaniiru.
Sargee Laavroov ammoo ''hariiroo biyyoota lamaanii gama diinagdeen jiru wayyeessuuf ni hojjenna'' jedhan.
Hariiroon gama humna waraanaa fi dhimmoota teeknikaan jiru gaarii ta'uufi cimee akka itti fufu kan himan Laavroov, ''gama inarjii, telekoom, fi qonnaan hariiroo qabnu jajjabeessinee itti fufna'' jedhaniiru.
Waraanni Raashiyaa fi Yukireen erga dhalatee biyyoota Lixaa waliin muddama keessa kan galte Raashiyaan midhaan biyyootni Afrikaa hedduun biyya irraa galfatan Yukireen irraa al-ergiin dhaabbachuuf warri lixaa ishee komatanis badiin kan warra Lixaati jetti.
Laavroov Finfinneerraa yaada kennaniin ''qaalawuu gatii midhaaniifi boba'aaf gaafatamtoonni biyyoota Lixaati'' jedhaniiru.
Warri Lixaa sababa gahaa malee wayita weerara Koronaa midhaan tiriliyoona hedduun bitanii kaahuun qaala'uu gatii amma jiruuf sababa jedhan.
''Dhuguma wanti Yukireen keessatti ta'e dhiibbaa dabalataa uumeera. Garuu ammoo kun kan ta'e sababa oppireeshinii Raashiyaa osoo hin taane midhaan gabaa irra jiru ilaalcha keessa osoo hin galchiin qoqqobbii warri Lixaa kaahaniini'' jedhan Laavroov.
Imalli Laavroov Afrikaa alanaa kun Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon gara biyyoota Afrikaa muraasaa dhufuuf wayita qophaa'aa jiranitti akkasumas ergamaan addaa gaanfa Afrikaa US ammoo Finfinneetti wayita dhufanittidha.
Laavroov kaayyoon imala isaanii hariiroo biyyi isaanii Afrikaa waliin qabdu cimsuuf ta'uu dubbataniiru.
Itoophiyaafi Raashiyaan hariiroo dippiloomasii erga eegalanii waggoonni 124 lakkaawwamaniiru.
Hariiroon isaanii kun kan jalqabe Atsee Minilikiifi mooticha Sooviyeet bara sanii Nikolaa Aleksaadiroovich Romaanoov akka ta'an seenaan biyyoota lamaanii ni hima.
Ergasii agarsiistuu hariiroo isaanii kan ta'u lammiileen Itoophiyaa gara Tokkummaa Sooviiyet imallii barnoota ammayyaa argatan danuu ta'uu isaati.
Itoophiyaan sirnoota darban afuriifi shanii eegale hariiroon biyyooota alaa ilaalcha adda addaa qaban waliin qabdu haala madaala isaa eeggate fakkaatuun adeemsisaa turte.
Bara Dargii Itoophiyaan ilaalchota faallaa walii Kaampitaalizimii biyyoota Lixaan oofamuufi kominizimii Yuniyeenii Sooviyeetiin gaggeefamu keessaa filattee warra Sooviyeet waliin hiriirtus warra Lixaatti guutummaatti karra hin cufanne.
Kufaatii Dargii Boodas Itoophiyaan hariiroo biyyoota Lixaafi faallaa warra Lixaa waliin qabdu madaala isaa eeguun gaggeessaa turte.
Bara Waraana ololaa kaampiwwan warra Lixaafi Yuniyeenii Sooviyeetiin ijaarame Koministiifi Soochaalizimii keessaa filachuun bara dirqama ture Itoophiyaan michuu warra Yuniyeenii Sooviyeet turte.
Barri sun yoo darbu ammoo Itoophiyaan michummaa gaarii warra Lixaa wajjin uumteetti.
Yeroo as garuu Chaayinaafi Ameerikaan Afrikaa irraa faayidaa barbaadan argachuuf jabaa dorgomuutti jiru.
Raashiyaan akka Ameerikaa deeggarsa namoomaan, akka Chaayinaa ammoo ijaarsa bu'uura misoomaan Itoophiyaa keessatti qooda guddaa hin qabdu.
Madaalli Itoophiyaan warra Lixaafi Raashiyaafi michoota Raashiyaa waliin qabdu sababa waraana waliinii Itoophiyaa Sadaasa bara 2020 jalqabeen waan jeeqame fakkaata.
Waraana gaaga’aa Kaaba Itoophiyaatti dhalateen walqabatee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa eegalee hanga sadarkaa biyya dhuunfaatti warri Lixaa mootummaa Itoophiyaa waraana kanaaf qeeqanii, qoqqobbii fi dhorkaalee deeggarsaa, faayidaaalee fi kaan irra kaahaniiru.
Ameerikaan Itoophiyaa sagantaa omishaalee Itoophiyaaf US keessatti gabaa mijeesse, AGOA, keessa haqxe.
Dhaabbileen idila addunyaa dhimma waraana Itoophiyaa irratti ejjennoo waloo qabaachuuf yoo walgahan warrii lixaa hedduun waliigalanii Raashiyaafi Chaayinaa fa’itu sagalee 'Veto' qabanitti dhimma bahanii yaada mootummaan Itoophiyaa barbaadu calaqqise.
Itoophiyaanis ejjennoofi murteewwan jaarmiyaaleen idil addunyaa baasan, keessumaa yaadni isaa kan biyyoota Lixaan dhiyaatu irra deddeebiin yoo balaaleffattu, Raashiyaafi Chaayinaa ammo yeroo galateeffattu dhagaahamuun baratame.
Kun madaalli hariiroo alaa Itoophiyaa gara faallaa warra lixaatti naanna’e kan jedhu uume.
Tibba sana Itoophiyaan warra lixaarraa fuula gargalfattee Raashiyaa fa’a waliin hiriira tolfachaa jirtii jennee dubbii himaa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa yeroo sanii Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbifne.
‘‘Walitti dhufinsi nuti qabnu kisaaraa biyyoota Lixaan ta’uu hin qabu. Seenaa keessatti Itoophiyaan kaampii Kaappitaalizimiifi Soshaalizimii jechuunis warra Lixaafi Sooviyeet keessaa dirqamaan tokko akka filattu yeroon itti ta’e ture. Amma haalli jiru akkas miti.
Biyyoota akkasii malee warra akkasii waliin hariiroo hin barbaannu halli jedhamu hin jiru’’ jechuun BBC'tti himan.
Muddama warra Lixaa wajjiin hammaateefi hariiroo Raashiyaa wajjiin ho’e kanaan ''haala yerooti. Hariiroon biyyootaa bu’aa ba’ii akkasii qaba. Waan sirratu dha,’’ jechuunis ibsanii ture.
Hariiroon dippiloomasii Itoophiyaa warra Lixaa waliin jiru danqaa keessa galee bakka jirutti Raashiyaan Yukireen weeraruun xiyyeeffannoo warra lixaafi guutuu addunyaa waraana Itoophiyaarraa garasitti naannesseera.
Warri lixaa ollaa masaanuu isaanii michuu taateef Yukireen deeggaruun karaa jaarmiyaalee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi dhuunfaan Raashiyaarra qoqqobbiifi dhiibbaa adda addaa kaahuuf yeroo tattaafatan, Itoophiyaan sagaleefi dhageetti xiqqoo qabdu sanuu dhageessisuurra callisa filatte.
Darbees waraana Yukireeniifi Raashiyaa ilaalchisee akka biyyoota michuu warra Lixaa kaanii ifatti kan weerara bante Raashiyaa hin balaaleffanne. Ibsa dhimma kana ilaalchisee baasteenis rakkoon sun karaa nagaa akka furmaata argatu fedha qabaachuu qofa ibsite.
Kunis Itoophiyaan warra Lixaarraa rakkoo qabaachuufi gara Raashiyaa goruu isheef agrsiiftu akka ta’eetti fudhatame. Xiinxaltootni kaan mootummaan madaala hariiroo isaa eeguuf ejjennoo sirrii qabate jedhu.
Haalonni Itoophiyaa keessa turan biroon kan akka hiriira balaaleffannaa warra Lixaafi kaanis mootummaan harka keessaa qabaachuuf ragaan jiraachuu baatus madaallii naanna’uu akeekaa ture.
Yaadannoo injifannoo Adowaa dabalatee hiriirota mootummaa federaalaa deeggaruuf godhaman irrattis alaabaa Itoophiyaan cinaatti kan Raashiyaa mirmirfamee mul’atee ture.
Odeeffannoo dogongorsaa raabsameen jedhamus dargaggoonni dhibbootaan lakkaawwaman loltuu Raashiyaa ta’anii qacaramuuf Eembasii Raashiyaa Finfinneetti argamu dura guyyootaaf hiriira qabataniis dubbii ijoo ta'ee ture.
Maarree imalli Afrikaa Laavroov maal kaayyeffate?
Gidduugala qo'annoo Afrikaafi Ezhiyaa Univarsiitii Landanitti argamu, SOAS, keessatti qorataa kan ta'an Ni'ammin Ashannaafi kaayyoon imala Laavroov dhiibbaa warra Lixaarraa irra gahuuf michuu sassaabbachuufi yaada jedhu qabu.
''Raashiyaan waraana Yukireen wajjin eegalteen dhiibbaan dippiloomasiifi diinagdee irra gahaa jira.''
''Raashiyaan erga waraanni Yukireen eegalee hariiroon biyyoota Awurooppaa waliin qabdu keessumaa ammoo daldalli boba'aa gufateera.
Mooskoon sadarkaa idila addunyaarratti qabdu ol qabuuf ykn bakka jirutti tursiisuuf gara Afrikaa kan dhufte.''
Daawwannaan Laavroov biyyoota dhiibbaa dandamachuuf humna qabna ergaa jedhu warra Lixaaf dhaamuufi jedhu Ni'aammin.
Ogeessi kun Raashiyaan biyyoota Baha Afrikaa waliin hariiroo jabaa qabdii yoo jedhan, deeggarsa waraanaan waliigaltee Sudaaniifi Itoophiyaa akka fakkeenyaatti kaasu.
Kaanaadaa Ontaariyootti bariisaa Yunivarsiitii Queen's kan ta'an Aweet Waldamikaa'eel yaada VOA'f kennaniin ammoo ''Hariiroon Itoophiyaan warra Lixaa waliin qabdu akka ji'a jaha dura ture jira jedhee hin yaadu'' jedhan.
''Warri Lixaa hariiroo Ministira Muummee fi imaammata isaanii waliin qaban sirreessaa jiru. Kanaaf Raashiyaan bakka warra Lixaa hin qabattu. Ministirri Haajaa Alaa Laavroov san jijjiiruuf carraa hedduu waan qaban hin se'u'' jedhu.
Ni'aammin ''haala amma Raashiyaan keessa jirtu irraa fi biyyoota Afrikaa daawwataman irraa yeroo ilaaltu daawwannaan kun qaama duula dhiibbaa dippiloomasii irra gahaa jiru qolachuu akka ta'ettin hubadha'' jedhu.
Daldala omisha qonnaa fi waraanaa Raashiyaa
Itoophiyaan dhiyeessii midhaanii ishee harka 40 kan guuttu midhaan Raashiyaafi Yukireen irraa galchituun akka ta'e ragaaleen ni himu.
Seenaa kana jijjiiruufis amma omisha qamadii dabaluuf mootummaan Itoophiyaa tattaaffii gochaa jira.
Daldala idila addunyaa qaamni to'atu Observatory of Economic bara 2020 Raashiyaan qamadii dabalatee midhaan doolaara miiliyoona 44.2 baaasu gara Itoophiyaa erguu ishee agarsiisa.
Itoophiyaanis gama isheen omisha Raashiyatti ergite harki caalaan buna yoo tahu doolaara miiliyoona 17 argachuu agarsiisa.
Biyyootni Afrikaa hedduun qamadiifi midhaan biroo Raashiyaafi Yukireen irraa bitatu.
Kanarraa kan ka'es gurgurtaa midhaanii sababa waraana Raashiyaan fi Yukireeniin danqame akka itti fufu Raashiyaarraa mirkaneeffannaa gaafachaa jiru.
Hariiroon daldalaa Afrikaafi Raashiyaa gidduu jirus akkasuma erga bara 2015 dachaa lamaan dabaleera. Walatti daldalli qaamolee lamaan kanaas doolaara biilyoona 20'tti tilmaamama.
Hariiroon daldalaa Raashiyaafi biyyoota Afrikaa gidduu jiru gama omisha qonnaan qofa osoo hin taane gama meeshaa waraanaatiinis akkaan ho'aadha.
Bara 2014-2019 gidduutti omishaalee meeshaa waraanaa Raashiyaa keessaa dhibbeentaan 16 kan gurgurame biyyoota Afrikaatti. Kun Masrii osoo hin dabalatiinii jedha Gidduugalli Qorannoo Nagaa idila addunyaa Istookihoolm.
Bara 2015 irraa eegalees Itoophiyaa dabalatee biyyootni Afrikaa 20 ol ta'an, Raashiyaa waliin waliigaltee waraanaan waltumsuu mallatteesaniiru.
Yaa'ii Afrikaa Raashiyaa bara 2019'tti Sochiitti eegale irratti kan dubbatan Vilaadmiir Putiin kaayyoon isaanii Afrikaa qoqqooduu soo hin taane kaayyoon isaanii Afrikaa waliin hojjechuu akka ta'e mirkaneessanii turan.
Yaa'ii saniin cinaattis qalbii biyyoota aanga'oota aardittii 43 agarsiisa meeshaa waraananbooji'uuf yaalteetti Raashiyaan.