Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa kan doowwatan Laavroov rakkoo nyaata addunyaatiif warra lixaa ittigafatamoo taasisan
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavroov, gatiin nyaata addunyaa dabaluusaatii fi rakkoo boba'aa umameetiif itti gaafatamtoonni biyyoota lixaati jedhan.
Xumura dowwannaa guyyaa jahaa biyyoota Afriikaa afuriitti taasisan irratti gitasaanii Itoophiyaa waliin ta’uun ibsa Finfinneetti kan kennan Laavroov akka dubbataniitti, ‘‘rakkoon kun waraana Raashiyaa fi Yukireen duras kan tureedha’’ jedhan.
‘‘Dhugaadha, haala Yukireen keessa jiru gabaa nyaataa irratti dhiibaa taasiseera. Haata’u malee kun kan ta’e sababii duula Raashiyaatiin osoo hin taane, tarkaanfii hin malee warri liixaa fudhataniin,’’ jedhan.
Itti dabalunis, ‘‘warri lixaa tarkaanfii hin mallee fudhachuun qoqqophaa kaa’usaanitti gabaan nyaataa jeeqameera’’ jechuun dubbatan Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa haasaa Finfinnee irratti dubbataniin.
Haalli gabaa nyaata addunyaa burjaaja’u kan eegalee tibba koronaa irraa kaasee akka ta’e ibsaniiru.
Laavroov gitasaanii Itoophiyaa Ministira Dhimma Alaa fi Ittaanaa Ministira Mummee Damaqa Makonniin waliin marii taasisaniiru.
Yeroon kun doolaara tiriiliyoonaan lakkaa’amu baasanii sababii amansiisaan ala, kan nyaata bitan akka ta’e dabaluun himaniiru.
Gatiin xaa’oo kan dabalee sababii adeemsa ce’umsa magariisa jedhamuun biyyoota lixaa biratti beekamuuttii akka ta’e Laavroov haasaa isaanitiin kaasaniiru.
Imaammata ce’umsaa kanaanis ‘‘kan kaaniif hin yaadne’’ kan jedhan Laavroov, imaammatichi oomishitoota annisaa kan gara tokkeetti dhiibee ta’u ibsan.
Dowwannaaf guyyaa Kibxataa Finfinnee kan seenan Aab Laavroov, Pirezidaanti Saalaworqi Zawudee akkasumas Damaqaa Makonnii waliin marii taasisaniiru.
Aanga’oonni kunneenis walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuu, gama qabeenya diinagdee, daldala, saayinsiifi teknoloojii cimsuuttiin yaaliiwwan taasisan irratti mari’achuun waliigalte irra gahuu ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Sargeeyi Laavroov dowwannaasaanii Finfinnee xumuruun gaggeessaan akka taasifameef Ministeerri Dhimma Alaa itoophiyaa beeksiiseera.
Laavroovi biyyisaanii Raashiyaan waliitti dhufeenya biyyoota Afriikaa waliin qaban cimfachuuf jechuun Masrii, DR Koongoo, Yugaandaa fi Itoophiyaa dowwataniiru.
Afriikaan parsantaa 40 qamadii kan argattuu Yukireen irraa yoo ta’u, sababii waraanaa Raashuyaafi Yukireenitiin hir’inni omisha qamadii mudachun ni beekama.
Daldala alaa midhaan Yukireen deebiisanii eegalchiisuuf turban darbe keessa waliigalteen kan taasifame yoo ta’u, innis haalli gabaa akka siratuuf abdii umeera.