Lammiilee Afrikaa Libaanos keessatti danqaman: 'Deemuun barbaada garuu hin danda'u'

Itoophiyaa dabalatee lammiileen Afrikaa, keessumaa dubartoonni, heddu Libaanositti hojii garaa garaa irratti bobba'anii jiraatu. Ewulita Jeeroop lammii Keeniyaa ji'oota 14 darbaniif magaala guddoo Libaanos kan taate Beerut keessa jiraataa turteedha.

Torbanoota muraasaa as sagalee xayyaara waraanaa Israa'elin jeeqamaa akka jirtu himti.

"Baay'ee nama sodaachisa," jechuun sagalee xayyaarota waraanan akka jeeqamaa jirtu himte.

Gaazatti waraanni erga eegalee as Hezbollaan Hamaas irra goruudhan Israa'el wajjin guyyaa guyyaan walitti dhukaasaa jiru.

Gaafa Adoolessa 31 Israa'el kibba Beerut keessatti qondaala waraanaa Hezbollaa ajjeesuu hordofee Israa'eliifi Hezbollaa gidduutti waraanni hamaan ka'uu danda'a sodaan jedhu jira.

Gaggeessaa olaanaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaa ammoo Iraan keessatti ajjeefamuu hordofee Iraan Israa'el irratti haleellaa gaggeessuu malti kan jedhus yaaddoo biraati.

Biyyoonni lammiileesaanii Libaanosii akka bahan ajajaniiru

Biyyoonni akka US, UK, Awustiraaliyaa, Faransaayi, Kanaadaa fa'aa lammiilensaanii Libaanos keessaa hatattamaan akka bahan ajaja dabarsaniiru.

Haata'u garuu Libaanos keessaa bahuun hundumaaf wal-qixa hin salphatu.

Lammiin Keeniyaa Ewulita Jeeroop akka jettutti Libaanos keessatti hojjattoonni manaa gaafa jalqaba seenanii jalqabee paaspootii irraa fuudhun baramaadha.

Kanneen paaspoortii harkaa qaban ammoo Libaanos keessaa bahuuf viizaa bahiisaa hayyama nama isaan hojjachiisuun argachuun dirqama.

Kuni ammoo kan raawwatamu sirna hojjattoota lammiilee biyya alaa hojjachiisu 'kafaalaa' jedhamu jalatti.

Sirni 'kafaalaa' namoonni dhuunfaa ykn dhaabbileen lammiilee biyya alaa akka qacaran kan hayyamu yoo ta'u, hojjattoonni kun nama isaan hojjachiisuf akka bitaman kan ajajuufi mirga daangeffamaa ta'e kan kennuufidha.

Hojjachiistonni carraa kanatti fayyadamuun dubartoota kaffaltii xiqqaan humnaa ol hojjachiisuu hanga haleellaa irraan gahuutti deemu.

Sirni kafaalaa kun akka fooyya'uuf waamichi garaa garaa godhamus sirni kun biyyoota Galoo Galaanaa keessatti itti fufee jira.

Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM)tti ogeeyyii sab-qunnamtii kan ta'an Daani'eelaa Roviina BBCtti akka himanitti namni tokko biyya namaa ykn kan isaa keessaa bahuun mirga seera idil-addunyaan kennameefidha.

Biyya tokko keessatti waraanni yoo ka'e, akkaataa seera Konveenshinii Jeneevaa Mirgoota Namoomatiin, seeronni namoomaa hundi hojiirra ooluu qabu. Kana jechuun osoo waraanni hin eegalin ykn osoo waraanni gaggeeffamaa jiruu namoonni nagaan biyya sana keessaa bahuuf mirga qabu.

Israa'elii fi Hezbollaa gidduutti waggoota 40 darbaniif muddamni gaggeeffamaa ture. Qaamolee lamaan gidduutti bara 2006 yeroo Hezbollaan Israa'elitti cehee haleellaa gaggeessu waraanni gaggeeffamee ture.

Amma immoo erga waraanni Gaazaa eegalee ji'oota saglan darbaniif lamaanuu walitti dhukaasaa jiru.

Lammiin Keeniyaa Ewulita Jeeroop akka jettutti hojjachiiftonni ishee achuma Libaanos keessa turtee hojii akka itti fuftu akka barbaadan himti.

"Haalli amma mudatee jiru [Israa'elifi Hezbollaa gidduutti] waggoota hedduuf Libaannos keessa waanuma ture waan ta'eef waanti nama yaaddessu akka hin jirre dubbatu," haalichi isheef haaraa akka ta'eefi gara biyyaa galuu akka feetu himti.

Gatii balalii qaalii

Hojjattoonni manaa Libaanos keessa jiran gara biyyaa akka galan hayyama otuma argataniillee gatiin balalii xayyaaraa gar malee qaalii ta'uunsaa qormaata biraa isaan mudateedha.

"Balaliiwwan muraasni jiru, garii baay'ee qaalidha," jetti. Beerutii hanga Keeniyaa tikeettin xayyaaraa hanga dolaara 1000 gaafata. Kuni ammoo Ewulita Jeeroopifi namoota akkashee mana namaa hojjataniif qaalidha.

Baanchii Yimar dhaabbata hojjattoota Itoophiyaa mana namaa hojjataniif falmu kan hundeessite yoo taatu, hojjattoonni kun hedduunsaanii mindaa ji'aa dolaara 150 argataa kan turan yoo ta'u, erga Libaanositti qaala'iinsi jireenyaa hammaatee "hedduunsaanii kaffaltii argataa hin jiran" jetti.

Lammiin Keeniyaa biroo Chiiku [nageenyasheef jecha maqaan kan jijjiirame] Libaanos keessaa mana namaa hojjattu tikeettii xayyaaraa kaffaltee galuuf humna akka hin qabne himti.

Kutaa lixa biyyattii keessa kan jiraattu yoo taatu, torbanoota muraasaa as Libaanos keessatti sagalee xayyaara waraanaa dhageessun akka yaaddoftee jiru dubbatti.

"Isaan [warri hojjachiisan] kontiraata kee hin xumurre waan ta'ee deemuu hin dandeessu naan jedhan. Garuu kontiraanni kun jireenya koo naa caalaa?" jechuun gaafatti.

Himannaa hojjattoonni lammiilee Afrikaa dhiyeessan kana gaafachuuf BBCn Ministeera Humna Namaa Libaanos qunnamus hanga ammaa deebii hin arganne.

Mootummoonni biyyoota Afrikaa lammiileesaanii baasuf qophiidha

Keeniyaan lammiilee biyyattii Libaanos keessa jiraniifi paaspoortii harkaa hin qabneef sanda imalaa hatattama akka qopheessuf BBCtti hime.

Mootummaan Keeniyaa akka jedhetti lammiilen biyyattii 26,000 Libaanos keessa akka jiraniifi isaan keessaa 1,5000 hatattamaan bahuuf galmaa'anii jiru.

Itoophiyaanis lammiileeshee Libaanis jirana baasuf qophii gochaa jiraachuu hime. Dubbi himaan mootummaa Itoophiyaa Nabiyyuu Tadlaa BBC akka himanitti barbachisaa yoo ta'e, mootummaan dippilomaatotaafi lammiilee baasuf karoora qopheesse.