Saanqaan umurii waggaa miiliyoona walakkaa ta'u Zaambiyaatti argame

argannoo hambaa Zaambiyaa

Madda suuraa, GEOFF DULLER

Qarqara laga Zaambiyaa jiru tokkotti saanqaan bara durii argamuun isaa ogeessota hambaa ykn arkiyoolojistootaaf haala jireenya dhala namaa durii irratti hubannoo haaraa kenneera.

Gara waggootii walakkaa miiliyoona dura mukeen ijaarsaaf oolaa akka turan qorattoonni ragaa argataniiru.

Argannoon maxxansaa Nature irratti maxxanfame kun akka eerutti, namootni bara-dhagaa keessa turan mukeen ijaarsa manneeniif fayyadamuu akka hin oolle kan ibsudha.

“Argannoon kun akkamiin waa’ee abaabilee keenya (dhaloota durii) akka yaadnu jijjiireera,” jedha Piroofeesar Leerii Barhaam.

Saayintistiin Yunivarsitii Liivarpuul kun, piroojektii qorannoo Deep Roots of Humanity jedhamu kan argannoo kana taasisee fi saanqaa kunneen qorate hoggana.

Argannoon kun amantaa amma namootni bara durii jireenya salphaa jirachaa turan jedhu jijjiiruu danda’a.

“Mukarraa waan haaraa fi waan guddaa ta’e hojjetaniiru,” jedha Pirofeesar Barhaam.

“Beekumsa, yaadaa fi dandeetti isaanii fayyadamuun wanta kana dura arganii hin beekne, waan kana dura uumamee hin beekne uumuu danda’aniiru.”

Dabalataan qorattoonnni kun muka lafa qotuuf fayyadu dabalatee meeshaalee mukarraa hojjetaman kan bara dur durii argataniiru.

Kan hunda caalaa isaan gammachiise garuu saanqaa lamaan kofa sirriin walitti qabsiifamanii turan argachuu isaaniidha.

Miseensa gartuu qorattoota kanaa fi Yunivarsitii Aberystwyth’tti pirofeesara ji'oograafii kan ta’e Jeef Duuler “saanqaan kun dhagaa qarameen muramee walirra aka kaa’ame sirritti ni argama,” jedha.

“Kun saanqaan lamaan akka walitti dhufanii ijaarsaaf oolan taasiseera.”

Ibidda uumuu

Qorannoon dabalataa saanqaan kunneen umurii waggootii kuma 476 akka ta’e mirkaneesseera.

Miseensi gartuu kanaa God-hambaa Lingstone, Zaambiyaa irraa kan taate Peeris Nikombiwee, “hojiin mukaa aadaa hundee durii akanaa qabu ta’uusaa baayyeen ajaa’ibsiifadhe,” jetti.

Hanga ammaatti ragaan dhalli namaa dura muka fayyadamuu isaanii agarsiisu, ibidda uumuufi muka ittiin lafa soqanii fi eeboo hojjechuu qofa akka ta’e agarsiisa ture.

Argannoo hambaa Zaambiyaa

Madda suuraa, LARRY BARHAM

Umurii hambaa adda baasuu - luminescence dating

Argannoon mukaa umrii dheeraan beekamu tokko eeboo umurii kuma 400, cirachaa Clacton-on-See, Esseeksitti bara 1911’tti argamedha.

Yoo haala murt’aan tursame malee, mukti tortoree bada.

Gartuun kun umurii hambaa kaanaa adda basuuf biyyee saanqaan kun keessa ture mala luminescence dating jedhamuun safaraniiru.

Dheerinni saanqaa lamaan kanaa, inni gabaabaan meetira 1.5, namni kana hojjete waan barbaachisaa ta’e tokko akka ijaaraa ture kan agarsiisudha.

“Wanta qarqara lagaatti irra tessee qurxummii kiyyeessuuf fayyadamtu ta’uu danda,a” jedha Prof Duuler.

“Garuu ijaarsi kun guutummaan isaa maal akka ture baruuf ni rakkisa.”

Dabalataanis saanqaa kana kan tolche gosa dhala nama bar adur durii kam akka ta’e ifa miti.

Hanga ammaatti bakkichatti hambaan lafee argame hin jiru.

Saanqaan kun umurii gora dhala namaa Hoomoo Seepiyeen jedhamanii wagga kuma 315 ta’anirra kan hangafudha.

argannoo hambaa Zaambiyaa

Madda suuraa, GEOFF DULLER

Aadaa hojii mukaa

“Hin beeknu – Ho0mo seepiyaanii ta‘uu danda’a ta’us ammatti hambaa lafee umurii sana qabu hin arganne,” jedha Prof Duuler.

“Garuu gosa biraas ta’u danda’a – tarii Hoomoo irreektas ykn Hoomo naleedii- yeroo sanatti naannoo kibba Afrikaa keessa gosa dhala namaa adda addaatu ture.”

Hambaan saanqaa kun qorannoo fi kunuunsaaf gara UK’tti ergamaniiru. Dhiyootti garuu agarsiisaaf gara Zaambiyaatti ni deebifamu.

“Argannoo kanaan, kuusaa keenyaa guddisuu fi aadaa hojii mukaa Zaambiyaa barsiisuuf itti fayyadamuuf abdanna,” jetti Aadde Nikombiween.