Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkamtuun dubartii ishee fakkaattu jalaa eenyummaashee hatuuf ajjeesuuf yaalte hidhaa waggaa 21n adabamte
Ameerikaa Niwu Yoork keessatti dubartiin Raashiyaa tokko dubartii ishee waliin walfakkaattu eenyummaa ishee hatuuf (fudhachuuf) jecha yaalii ajjeechaa raawwatteef hidhaan waggaa 21 itti murtaa'e.
Yakkamtuun Viktooriyaa Naasiroovaa jedhamtu kun dubartii mana-bareedinaa keessa hojjettu jalaa hayyama hojiifi paaspoortii osoo jalaa hin hatiin dursitee summii keekii chiiziitti gootee kenniteef.
Dubartiin bara 2016 yaaliin ajjeechaa irratti raawwatame kun ammoo Olgaa Tisviik jedhamti.
Hidhaan akka itti murtaa'u kan hubatte dubartiin umuriin ishee waggaa 47 taate kun, daanyaa mana-murtii bulchiinsa Kuwins arrabsiteetti.
Daanyaan kunis gama isaatiin, "dubartii gara-jabeettiifi waliin dhooftuu," jechuun ishee deebiseera.
"Faayidaa dhuunfaaf jecha dubartii sana ajjeesuuf yaaluu isheetiif yeroo dheeraatiif hidhaa turi," jechuun abbaan-aalangaa Kuwiins Meliindaa Kaatiz ibsa Roobii kenniteen dubbatteetti.
Viktooriyaan guyyaa yaalii ajjeechaa raawwatte sanatti Kuwiinsitti kan argamu gara mana Olgaa keekota chiizii qabattee kan deemte yoo ta'u, keekii qabattee deemte keessaa lama ofiin nyaattee isa sadaffaa summii itti goote miidhamtuu umuriin ishee waggaa 35 ta'e kanaaf kennite.
Olgaanis akkuma keekicha nyaachuu jalqabdeen boqochuudhaaf jecha gara kutaa ciisichashee deemte. Miidhaa summiin sun irraan gaheen of wallaaltee weeraraa kan turte yoo ta'u onneen ishee dadhabee dhaabbachuutti dhiyaatee ture.
Bulee ganama isaa hiriyaan Olgaa of wallaaltee osoo jirtuu kan ishee arge yoo ta'u, yeroo sanatti uffata keessoo daanteliirraa hojjetameeru uffattee akka turteefi akka waan isheen ofiin of ajjeeste yaalte fakkeessu kiniiniiwan faffaca'anii argamaniiru.
Erga hospitaala turtee gara manasheetti deebitee paaspoortiin ishee kan biyya Yukireen ta'eefi hayyama hojii Ameerikaa isheen qabdu ture, faayaawwan qabduufi dolaarri kumni afur jalaa badeera.
Yeroo sanatti Olgaafi Viktooriyaan rifeensa gur'aachaafi bifa gogaa wal fakkaatu waan qabu turaniif walfakkaachuurra darbee lamaan isaanii afaan Raashiyaa kan ta'e Ruusik dubbatu.