Ijoollee Yugandaa daandiirraa ka'anii dorgommii 'Britain Got Talent' irratti raajii hojjetan

Waltajjii addunyaa irratti beekamaa ta'e Britain Got Talent irratti namoonnifi gareen dandeetti adda addaa qaban biyyootii adda adda irraa argamuun ni dorgomu.

Gareen ijoollee Yugandaa Ghetto Kids jedhaman, agarsiisa shubbisaan dorgommii kana irratti hirmaachuun seenaa hojjetaniiru.

Seenaa dorgomichaa irratti Golden Buzzer utuu agarsiisa isaanii hin xumuriin argachuun Ghetto Kids dorgomtoota jalqabaa ta’aniiru.

Golden Buzzer kan jedhamu ammoo murteessitoota ykn daanyoota sagantichaan kan keennamuufi badhaasa dorgomtoota sadarkaa dorgomichaa tokkorra utaalchisuu kan dandeessisudha.

Golden Buzzer kun erga agarsiisi dorgomtootaa xumuramee booda kan kennamu ture, ta’us murteessitoonni ajaa’ibsiifannaan dursanii badhaasa kana kennaniiru.

Daawwattoonni galma dorgommicha keessa turan hundi shubbisa Gheto Kids ajaa’ibsiifachuun ol ka’anii harka walitti rukutaniiru, waliinis shubbisaniiru.

Hundeessaan garee daa’immanii Yugaandaa kanaa kan ta’e Dawuudaa Kavumaa “wanti nuti agarsiisne shubbisa baacoo Afrikaadha… murteessitoonni sana jaallatan natti fakkaata,” jechuun BBC’tti himeera.

“Humniifi baacoon mala agarsiisa keenyaadha… kana jaallatani, sana booda miirriifi gammachuun jiru uumamadha.”

Ghetto Kids garee daa’imman maatii hin qabnee yoo ta’u, Dawudaan garee kana kan hundeesse ijoollee maatii hin qabneefi daandirra jiraataniif, mana jireenyaa, nyaata, barnootaafi gammachuu kennuufin isaan gargaaruuf akka ta’e BBC’tti himeera.

Dawudaan ofii isaa ijoollummaatti yemmuu maatii isaa dhabe, daandiirra jiraachaa akka ture hima.

Garee Ghetto Kids kun erga namni tokko akka daandirraa ka’uuf isa gargaaree booda, kana gochuun hawaasa galateeffachuu barbaade akka ta’e ibsa.

“Ani nama na gargaareen qaba. Na hin beeku garuu sababa kubbaa miilaatiin na gargaare,” jedha.

“Yerooma sanan, guyyaa tokko yoo xiqqaate daa’ima tokko akka daandiirraa ka’uuf nan gargaara jedheen waadaa seene.”

‘Abbaa’ jennee waamnaan

Dawudaan dorgommii Britain Got Talent irratti akka ibseetti yeroo ammaa ijoollee 30 kunuunsa jira.

Ijoolleen kunneen hundi mana tokko keessa jiraatu.

“Nuti maatii guddaa tokkodha…Nu keessa tokko yoo gammade hundi keenya ni gammanna. Nu keessa tokko yoo gadde hundi keenya ni gaddina,” jechuun shubbistoota kunneen keessa tokko dorgomicha irratti dubbateera.

“Obbo Dawudaatiin ‘abbaa’ jennee waamnaan. Abbaa keenya isa sirri miti, garuu kan nu kunuunsu isadha.”

“Sababaa isaatiin mana barumsaa deemna, sababa isaatiin fayyaa qabna, sababa isaatiin as jirra.”

Ijoollee Ghetto Kids keessa jiraaniif kunuunsa barbaachisu hunda, kan akka mana barnoota, nyaata, wal’aansa fayyaafi biroo kan kennu Dawudaadha.

“Abjuunkoo mana ijoollee maatii hin qabne guddaa hundeessuun, ijoollee hedduu hangan danda’u gargaarudha,” jedha Daawudaan.

Dorgommii kana irratti ijoolleen kun shubbisa yemmuu agarsiisanitti, daanyota ykn murteessitoota qophichaa keessa tokko kan ta’e Buruunoo Toniyool “Golden Buzzer” isaaniif kenneera.

Hundeessa dorgommii Britain Got Talent fi murteessaa kan ta’e Saaymen Kaawol, “kun agarsiisa dorgommii yeroo hunda yaadannu ta’a. Baayyee ajaa’ibsiisaa ture,” jechuun ijoollee kunneen leelliseera.

Ijoolleen kun shubbisa ni jaallatu jechuun, agarsiisi isaanii amma Yugandaa keessatti ilaalcha hamaa ijoollee daandiirra jiraataniif jiru geeddaruu danda’eera jedha.

Viidiyoon shubbisa ijoollee kana miidiyalee hawaassummaa irratti bal’inaan qoodamaa jiru.

Dilbata irratti, ministeerri Yugaandaa tokko garee kanaan 'baga gammaddan' jechuun, viidiyoo agarsiisa isaanii fuula Tiwiitaraa isaa irratti qoodeera.

Kunoo asiin gaditti daawwadhaa.