Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akkamitti daa'ima dandeetti addaa qabu adda baasuu dandeenya?
Yaad-rimeen kennaa ykn dandeetti addaa qabaachuu falmisiisaadha.
Gama tokkoon ogeeyyiin niwuroosaayinsii akkasumas niwuroosaayikolojii daa’imman IQ sadarkaa giddugaleessaa ol ta’e qaban qofatu kennaa addaa qaba jedhu.
Gama biraatiin ogeeyyiin peedagoojii fi leenjistoonni ispoortii kennaan addaa gosa baay'ee qaba jedhu.
Kanaafuu daa’imman gita hojii garagaraa irratti dandeettiiwwan olaanaa qaban jiru jedhu.
Mariin ogeeyyii kun itti fufeera.
Haata’u malee, daa’immaan qorumsa IQ qoramanii parsantaayiliin isaanii 97 ol ta’e kennaa addaa ta’e qabaachuusaaniirratti waliigalu.
IQ- jechuun safartuu kennaa addaati.
Tiyoo Kostaa Ribiroo, daa’ima ganna jahaa magaalaa Biraazil Saa’oo Pooloo jiraatu fi kennaa addaa qabu.
Daa’imni kun dhalatee baatii jahatti jechi jalqabaa afaanii bahe, baatii 18'tti ammoo hima ijaaree haasa’uu danda’e.
Yeroo kanatti barnoota idilee duraa barachuu eegaleera.
Abbaan daai’ma kanaa Igoor Ribiroo akkas jedhe:‘’ Tiyoon jecha tokko argeetu, tokko tokkoon akka ibsinuuf nu gaafate, garuu gaaffii salphaa miti,’’ jechuun BBC'tti hime.
Ribiroon akka jedhutti, maatiin isaa akka daa’imni kun waa hojjatus hin dirqisiifne, waan haaraa baruuf fedha daa’imni kun qabus hin daangessine.
Wayita weerarri koronaa hammaate sana ijoolleen qubee barachuu shaakalu ture.
Daa’imni Tiyoo jedhamu kun yeroo sanatti umriin isaa waggaa sadii kan ture yoo ta’u, dubbisuu fi lakkoofsa walitti ida’uufi hir’isuu fa’aa bareera.
Bara 2021 daa’imni kun barnootatti akkuma deebi’een maatiin daa’ima kanaa walgahiirrati affeeraman.
Sana booda daa’imni isaanii kun ijoollee kaan akka caaluu fi qorumsa ga’umsa ykn dandeettii addaa qabaachuusaa mirkaneessu akka fudhatu maatiif daa’ima kanaaf yaadni dhiyaate.
Ribiroon sana booda ‘’niwuroosaayikolojistii bira dhaqnee qorame, sana booda dubartiin dandeetti isaa madaalte Tiyoon kennaa addaa qaba jette’' jedhan.
Daa'ima umrii isaa dursee bilchina horate
Daa’imni Tiyoo jedhamu kun umrii ganna shaniitti dandeettii nama ganna 14 fi 15 gitu qabaachuu ogeettiin kun maatiitti himte.
Daa’imni kun akkuma ijoollee kaani ni taphata, barnoota ispoortii jaalata, hiriyaa horachuu jaalata, akkasuma waa’ee daayinosarii baruu barbaada -sababa kanaaf YouTube banate.
‘’Daa’imni ganna jahaa kun kaartunii ilaala, tapha viidiyoo taphata, garuu yeroo tokko tokkommoo akka nama umrii ganna 15'tti waa’ee daayinosarii dubbata,’’ jedha abbaan isaa.
Abbaan isaa ‘Tiyoon makaa daa‘imaa fi dargaggeessaati,’’ jedhe.
Guraandhala bara 2023'tti Tiyoon lammii Biraazil umrii xiqqaa garuu IQ guddaa qabu ta’uun gartuu hawaasa IQ guddaa qaban ‘Mensa International’ jedhamutti dabalameera.
Amma daa’imni kun mana barnootaatti kan baratuun alatti dabalataan kubbaa miiilaa fi muuziqaa barataa jira.
Abbaan daa’ima kanaa Igoor Ribiroon ilmi isaa mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa akka seene baratuuf ajaja mana murtii fudhachuuf jira.
Hoggantoonni dhaabbilee barnoota daa’ima akkasi barnootarraa yoo dhorkan, daa’mni kun sadarkaa ittaanutti akka hin ceene danqaa itti ta’a jedhe Igoor.
Ministeerri Barnootaa Biraazil dhimma kanarratti deebii hin kennine.
Akkamitti daa'ima dandeetti addaa qabu adda baasuu dandeenya?
Madaalli kana kan gaggeessan saayikolojistoota, niwuroosaayikolojistoota, ogeeyyii peedaagoojii fi ogeeyyii dhimma kanarratti hubannoo qabanidha.
Namni tokko kennaa addaa qabaachuu qorumsaan mirkanaa’a.
Amaloonni muraasni garuu namni tokko kennaa addaa qabachuu akeekan jiru. Isaaniis:-
- Nama qara, dafee waa baru ykn hubatu ta'uu
- Salphaatti waa baruu fi dandeetti baru guddaa qabaachuu
- Jechoota ciccimoo umrii isaanii walin wal hin gitne gargaaramuu
- Dafanii sababa dhiyeessuu
- Dandeettii hoggansaa fi ofitti amanamummaa qabu
- Dandeettii waa yaadachuu guddaa qabu
- Dandeettii waa kalaquu qabu
- Dandeettii yaada qajeelchuufi hanga tokko geeddaruu qabu.
- Hubatanii waa ilaalu
- Galma bira gahuu barbaadan itti cichanii duuba bu’u
Daa’imman kennaa addaa qabaachuun isaanii adda hin baafamiin hafe barnootarratti fedha dhabuu malu, akkasuma rakkoo naamusaa horachuullee malu.
‘’Namoonni kennaa addaa qaban hedduun kaka’umsa dhabuun qabxii gaarii hin arganne ni jiru.
''Yeroo tokko tokko haalli baruufi barsiisuu nuffisiisaa fi baratamaa ta’e ijoollee dandeetti olaanaa qaban dheekkamsiisuu mala, dandeettis hin gabbifatan,’’ jedhan niwuroo saayintistii kan ta’an Dr Fabiyaanoo Di Abrihu.
Biraazil dabalatee biyyoota biroo keessatti sirni ittiin namoota kennaa addaa qaban ittiin adda baasan hin jiru.
Ijoolleen dandeetti addaa qaban maatii isaanii, mana barnootaatti ykn hiriyoota isaaniitiin addatti fo’amanii baramu.
Qorattoonni lakkoofsi ijoollee kennaa addaa akkasii qabanii amma yaadamuun ol xiqqaadha jedhanii yaadu.
Haa ta’u malee dhimmi kennaa addaa qabaachuu kn walfalmisiisaadha.
‘’Barreeffamni saayiinsii bifa tokkoon irratti walii galame hin jiru, anaaf dhimmi falmisiisaan kennaan addaa beeku dandeetti waa hubachuun qofaan walqabachuudha,’’ jedhan.
Ijoolleen kennaa addaa akka qabaattu maaltu taasisa?
Akka ogeeyyiin jedhanitti, ijoolleen kennaa addaa qaban kutaa sammuu daalacha'u (grey) bal'inaan qabu.
Kanatu iddoo seelonni narvi waltuqu (synapses) saffisan akka hojjatu taasisa.
Kutaan sammuu daalachi kun korteksii isa kutaa sammuu gara fuulduraatti argamu fi caasaalee sammuu yaaduurratti qooda qabaniirratti dhiibbaa uuma.
Sammuun namoota kennaa addaa qabanii kan namoota kaaniirraa adda, dandeettii waa yaaduun gabbate.
Namoonni kunneen niwuroonota gurduddoo fi cimoo, dheerina barbaachisaa ta’e qaban qabu jedhu Dr Fabiyaanoo De Abrihu.